Komiin manneen maree dhimmoota Islaamumma barnoota Gi'iiziif dambii uffannaa irratti qaban maali?

Manni Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaafi kan naannolees imaammata Ministeerri Barnootaa uffannaa barattoota Musliimaa irratti baase akkasumas naannoo Amaaraa keessatti barnoota Gi'iizii marii malee barattootaf kennamaa jira jechuun mormuun ibsa baasaniiru.
Manni Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa ibsa baaseen, qajeelfamootni Ministeerri Barnootaa baasee ''kan barattoota Musliimaa uffata amantaa isaanii irratti hundaa'uun qoodu waan ta'eef ni balaaleeffanna'' jedhe
Tarkaanfiin ministeera barnootaa kun "dhimma amantaa keessa seenuufi mirgoota heeraa kan sarbuudha" jechuun himate manni maree.
Ibsa dhimma kanaa irraatti miidiyaaleef kenname irratti Pirezidaantiin Mana Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Sheek Hajii Ibraahim Tufaa, ''sarbamni mirga barattoota dubartoota Musliimaa irratti xiyyeeffate hatattamaan dhaabbachuu qaba'' jedhan.
Dhorkii niqaabaa dabalatee, dhorkiiwwan uffatarra kaa'aman barattoota musliimaa qooduuf ''duula itti yaadamuun taasifamaa jirudha" jechuun ibsan.
Kanaaf qoodinsi manneen barnootaa keessatti sababa uffataan dubartoota Islaamaa qofa irratti raawwatu fudhatama hin qaban ni falminas, jedhan.
Itti dabaluunis, ministeerichi hijaaba eeyyamee niqaaba dhorkuun akka "dhimma amantaa keessa galuutti" ilaallamas jechuun ibsan.
Kanaaf mootummaan tarkaanfii atattamaa akka fudhatus Manni Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa kan gaafate.

Madda suuraa, SM
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Kana dura baatii Amajjii bara 2025 keessaa Tigraayitti shamarran Muslimaa hijaaba uffatanii akka hin baranne dhorkamuu hordofee mormii cimaan ka'ee ture.
Barattoonni Musliimaa kutaa 12ffaa magaalaa Aksum keessa jiran bulchiinsi manneen barnoota hijaaba akka ofirraa baasan isaan ajajuu hordofee qormaata biyyoolessaatiif guyyaan galmee jalaa darbuu gabaasnee turre.
Baatuma Amajjii keessa Yuunivarsiitii Diillaatti barattoonni dubartoota Muslimaa niqaaba uffatan mooraa yuunivarsiitichaa akka seenne dhorkamuun gariin isaanii masjiida keessa bulaa akka turan gabafamaa ture.
Boodarra garuu dhimmi kun furmaata aragachuun baratttootni kunneen gara barnoota isaanitti akka deebi'an taasifame.
Yeroo sanittis manneen maree dhimmoota Islaamummaa gochicha kan balaaleffatan yoo ta'u, ergasii manni maree waliigalaa dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa koree miseensa 17 qabu sarbiinsa irra deddeebiin raawwataman qorataniifi furmaatawwan yeroo dheeraa dhiyeessan hundeessee ture.
Ibsa manni maree waliigalaa baase hordofuun, Manneen Maree Olaanoon Dhimmoota Islaamummaa naannolee gara garaa deebii qindoomina qabu kennuun, mana maree waliigalaa waliin akka dhaabbatan ibsaniiru.
Dhorkaawwan uffatarra kaa'amaniifi barnoota Gi'iizii marii malee barattoota irratti fe'ame ta'uu eeruun "imaammatawwan loogiiti" jedhan.
Manneen maree naannoolee Amaaraa, Gaambeellaa, naannolee Kibbaa Itoophiyaafi Finfinnee tarkaanfiiwwan fudhataman heera kan faallessanidha jechuun dhimmicha balaaleffachuu ibsan.
Ministeerri Barnootaa Mana Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa waliin akka mari'atuufi qajeelfama mirga amantaa sarbu irraa akka of qusatu waamicha taasisaniiru.
Barnoota Gi'iizii

Madda suuraa, Getty Images
Biiroon Barnootaa naannoo Amaaraa bara barnootaa bara 2025 keessa kutaa sadaffaa irraa eegalee manneen barnootaa sadarkaa 1ffaa fi 2ffaa hunda keessatti barnoonni Gi'iizi akka kennamu taasiseera.
Biirichi yaadni barnoota kana barsiisuu gaaffii hawaasa irraa dhiyaate irratti kan hundaa'e ta'uu fi hambaan beekumsaa kun dhalootaa dhalootatti darbuu qaba yaada jedhu irraa ta'uu ibsee ture.
Haa ta'u malee, namoonni fi ogeeyyiin hedduun barbaachisummaa afaan Gi'iizi barsiisuu akkasumas barsiifata hidhata amantii Ortodoksii waliin qaburraa ka'uun yaada mormii qabaachuu fi murtee haawaasaa kan barbaadu ta'uu ibsan.
Biiroon barnootichaa garuu dhimmichi utuu furmaata hin argatin barnoota Gi'iizii barsiisuu eegaleera.
Manni Maree Olaanoo Dhimmoota Islaamummaa Naannoo Amaaraa, Biiroo Barnootaa naannichaa waliin "barattoota Musliimaa dirqamaan Gi'iizii barsiisuun" mirga amantaa sarbuu ta'uu eera.
Dhimma kana irrattis ''Biiroo barnootaa naannoo Amaaraa waliin marii taasifnus deebii hin arganne'' jedhe manni maree kun.
Tarkaanfiiwwan dhimma amantii akkasii keessa galan kunneen itti gaafatamummaa kan hin qabneefi ajandaa dhuunfaa ummataa walitti buusuu akka ta'e manni marichaa kan ibse.
''Tarkaanfiin kun ajandaa ummataa fi mootummaa addaan baasuuf kaayyeffateedha'' jedhe.
Manneen maree naannolee adda addaas naannoo Amaaraa keessatti ''barnootni Gi'iizii dirqamaan barattoota amantaa Islaamaaf kennamuun gocha guutummaatti itti gaafatamummaa hin qabneefi sirreeffamuu qabu" jechuun ibsaniiru.
Dabalataanis gochi qoodinsaa dubartootaa Musliimaa irratti Ministeera barnootaa bahe "mirga hawaasa Musliimaa cabse waan ta'eef fudhatama hin qabu" jedhan
Manni Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa gochi mootummaa mirga amantii yeroo sarbu gidduu seenuuf aangoo akka qabulle ibse.
Kanaaf ''wabii heeraa mootummaan kennamurra darbuun barattoota Musliimaa guutuu biyyattii irratti xiyyeeffatee rakkisuu fi sodaachisuun dhaabachuu qaba" jechuun ibse.
Manneen maree Dhimma Islaamaa naannolee fi Magaala Mana Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa waliin ta'uun "sarbiinsa" uffannaa Islaamaafi barnootaa Gi'iizii waliin walqabatu furmaatni sirreeffamni akka kenamu tumsa barbaachisu akka taasisan eeran.
Biiroon Barnoota Naannoo Amaaraa ibsa kanaaf haga ammaa deebii kenne hin qabu.















