Guyyaan farra jibbiinsa Islaamaa maali? Maaltu raawwatama?

Madda suuraa, Getty Images
Addunyaarratti amantii Islaamaa gocha shororkeessummaan walqabsiisuun yeroo dheeraaf tureera.
Sababa kanaan hordoftoota amantichaa qofa osoo hin taane miidhaan hawaasa amantiiwwan garaagaraa hordofan irra ga'eera.
Dhaabbati Biyyoota Gamtoomanii (UN) haalli kun akkaan yaaddessaa ta'uu erga hubatee booda biyyoonni addunyaa hunduu gocha kana dhaabuuf ga'eesaanii gumaachuu akka qaban murteesseera.
Kanarraa ka'uun jibbiinsaa fi sodaa amantii Islaamaa (Islamophobia) qolachuurratti hubannoo uumuuf Bitootessa 15 filateera.
Islamophobia- jibbiinsa Islaamaa maali?
Sababa malee duuchaatti Islaama farrajuu fi jibbuun akkasumas sodaachuun jibbiinsa Islaamaa (Islamophobia) jedhama.
Sababa kanaan qoccolloon, cunqursaan, haleellaa fi doorsisi Muslimoota fi kanneen Muslimoota hin taanerrattillee raawwachuu danda'a.
Kunimmoo miiraan kaka'uu, rakkoo hamaa fi waldanda'uun akka hin jiraanne taasisa.
Gochi jibbiinsaa Islaamaa kun sadarkaa jaarmiyaalee, sadarkaa yaadaa (ideological), siyaasaa fi amantii biraatti mul'ata.
Boodarra caasaansaa lafa qabatee qoollifannaa hamaa hawaasa keessatti uuma.
Kun ammoo Muslima ta'uun akka mallattoo fi fakkeenya shororkeessummaatti ilaalamu taasisa.
Kun sadarkaa dhaabbataatti biyyoonni jibbiinsa Islaamaa erga mul'isanii booda wayita lafarratti qabatamaan mul'atudha.
Kun akkaan hamaadha. Islaamummaan akka jibbiinsa gosaatti fudhachuudha.
Amantiin Islaamaa duudhaa fi aadaa warra lixaaf akka waan balaa hamaa ta'eetti fudhachuudha.
Muslima shororkeessaatti fakkeessuu fi jibbiinsi Islaamaa maalirraa madde?

Madda suuraa, Getty Images
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Haleellaa Fulbaana 11, 2001 Ameerikaatti raawwatee fi haleellaawwan shororkeessummaa garee maqaa amantii Islaamaa qabaniin raawwatu irraa ka'uun dhaabbilee Muslimaa fi Muslimoota ija shakkiin ilaaluun hammaachuu eegale.
Biyyoonni hedduun akkasumas dhaabbileen garaagaraa kanarraa ka'uun akka finxaalessaa fi shororkeessaatti jumlaan hubachuu eegalan.
Duudhaa, barmaatilee fi aadaa amantii Islaamaa akkasumas waliigalatti hordoftoota amantichaa akka sodaatti fudhachuun seerota faallaa kanaa baasuun ammoo balaa addunyaarratti hammeesse.
Sarbami mirga dhala namaa- keessattuu mirga yaada ofii bilisaan ibsachuu, waan fedhan hordofuu fi kan fedhanitti amanuu rakkoo hamaa keessa galaa dhufe.
Rakkoon kun biyyoota lixaatti hammaata.
Quuqamtoonni mirgoota namoomaa, Islaama waan badaa qofatti maxxansuun babal'achuun fi Muslima hunda jumlaan ''shororkeessaa fi finxaalessaa'' jechuun ramaduun, akkasumas seeonni kanarratti ba'an, mirga Muslimaa fi hawaasa Muslimaa sarbuun sirrii akka ta'etti akka fudhatamu taasiseera jechuun yaaddoo qaban ibsaa turan.
Hawaasi Muslimaa lakkoofsaan xiqqoo ta'anii fi biyyoota Lixaa akkasumas biyyoota Eeshiyaa garii keessa jiraatanis sababa kanaan mirgisaanii sarbamuu himatu.
Haleellaa lubbuu kumaatama galaafate, haacuuccaan diinagdee fi siyaasaa, cunqursaan hawaasummaa hidhata Islaamaan raawwatu addunyaa mara walga'uun kan isa yaaaddesse UN, jibbiinsa Islaamaa ilaalchisee hubannoon akka uumamuu qabu murtee dabarse.
UN maaliif Bitootessa 15 guyyaa qolannaa 'Islamophobia' gochuun filate
Yakka shororkeessummaa hunda Islaamaan walqabsiisuun addunyaa gara hin malletti oofaa akka jiru kan hubatan biyyoonni hedduun, jibbiinsa Islaamaa (Islamophobia) qolachuuf seera baasanii hojjetaa jiru.
Seerota farra yakka jibbiinsaa fi tarkaanfiiwwan fudhatamanis erga akkaataa Muslimoonni dogoggoraan akka waan badaatti hubataman irratti hubannoo hawaasaa uumanii hojiirra oolchan.
Dhaabbati Biyyoota Gamtoomanii tarkaanfiin kun biyyoota addunyaa hunda keessatti akka hojiirra ooluuf guyyaan kun sadarkaa idiladdunyaatti akka yaadatamu murteesse.
Dhaabbatichi haleellaa Bitootessa 15, 2019 Masjiida Niwu Ziilaand, Kiristcharch keessatti argamurratti raawwachuun lubbuu lammiilee 51 galaafateef yaadannoo akka ta'uuf guyyaa kana filachuu ibseera.
UN kora bara 2022 irratti Bitootessa 15 guyyaa jibbiinsa Islaamaa irratti hubannoo uumuu ta'ee akka yaadatamu murteesse.
Yaada kana dhiheessuurraa eegalanii UN waliin kan turan akkasumas adeemsa isaa tumsaa kan turan miseensota Gamtaa Biyyoota Islaamaa- Organization of Islamic Cooperation (OIC) 60 ta'anidha.
Kora UN irratti dokumentiin mallattaa'e shororkeessummaa fi finxaalessummaa hamaan amantii, biyya, garee yookiin gosa waliin wal qabsiifamuu akka hin qabne akeekkachiisa.
Addunyaan akkaataa aadaa waldanda'uu fi nageenyaan waliin jiraachuu jajjabeessurratti waliin mari'achuu akka qabdus dhaama.
Kunis karaa mirga dhala namaa kabajuun ta'uun akka qabuu fi bu'aansaas namoonni amantii fi yaada adda addaa qaban kabajaa fi nagaan akka waliin jiraatan gochuudha.
UN haasaa jibbiinsaa addunyaarratti akkaan dabalaa dhufe qolachuuf bara 2019 tarsiimoo fi karoora addaa baasuun hojiitti seenuu ibseera.
Karooraa fi tarsimoo farra haasaa jibbiinsaa- United Nations Strategy and Plan of Action on Hate Speech jedhamu kana kan labsan Barreessaa Olaanaa UN Antooniwoo Gutereez.
UNtti komishinara Olaanaa Komishinii Mirgoota Namoomaa kan ta'an Aab Volker Turk haasaan jibbiinsaa adunyaarratti babal'achaa jiru, keessattuu jibbiinsi warra Seem (anti-Semetisim) fi jibbiinsi Islaamaa (Islamophobia) yaaddessaa ta'uu akeekkachiisan.
Haleellaa Hamaas Onkoloolessa 07, 2023 Israa'el irratti raawwate booda oppireeshinii waraanaa loltoonni Israa'el gaggeessaa turte keessatti jibbiinsi amantii bal'inaan mudateera jedhan qondaalli UN kun.
Miidhaa hanqina imaammata garaagarummaa fi heddummina keessummeessuu
Barreessaa olaanaan Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii Antooniyoo Gutereez gochoota faallaa-Muslimaa fi jibbiinsa sababa ilaalchaa addunyaarratti adeemaa jiru irra deddeebiin balaaleffata aturan.
Gochi jibbiinsaa kun Muslimoota qofa osoo hin taane Yahuudota, Kiristaanotaa fi kaanirrattillee xiyyeeffateera jedhan.
Sagantaa guyyaa qolannaa jibbiinsa Islaamaa International Day to Combat Islamophobia irratti Muslimoonni qoollifatamuu fi moggaatti dhiibamanii mirgisaanii sarbamuu ibsan.
Kunis kabaja dhala namaatti bu'aa waan jiruuf balaa akka qabu akeekkachiisan.
Qondaalli olaanaan UN kun hooggantoonni fi uummattoonni addunyaa dubbii akkanaa babal'isuurraa akka of qusatanii fi gocha akkanaa akka balaaleffatan dhaaman.
Dirreewwan dijiitaalaas qabiyyeewwan jibbiinsa tamsaasan dura dhaabbachuu qabu jedhan.
Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti dhimma walabummaa amantii fi bilisummaa yaadaa irratti gabaasa kan dhiheessitu Nazila Ghane, biyyoonni addunyaa akkaataa mirga dhala namaa hin sarbineen jibbiinsa amantii qolachuu qabu jette.
Haasaa jibbiinsaa namoota amantiisaaniin adda baasuun taasifamurratti gabaasa dhiheessite keessatti jibbiinsi amantii gara qoollifannaa, jeequmsa ykn hookkaraatti waan geessuuf seeraan to'atamuu akka qabu akeekkachiifte.
Duudhaa fi qajeeltoon idiladdunyaa qoollifannaa fi jeequmsi akka hin uumamneef seera ittiin to'atu diriiseera, garuu seerri biyyootaa hagas mara cimaa miti jette ogeettiin mirga namoomaa UN kun.
Kanaaf biyyoonni seeraa fi imaammata akkasumas sagantaa heddumminaa fi yaada bilisaan ibsachuuf wabii ta'e baasuun hojiitti hiikuun dirqama jette.
Keessattuu hawaasa aadaa garaagaraa qabuu fi jireenya waloon beekamu keessatti kun dirqama ta'uu eerte.
Ogeessi duraan dhimma walabummaa amantii irratti UNf gabaasa dhiheessaa ture Ahmad Shahiid gamasaan shakkii, jibbiinsi fi qoollifannaan Muslimootaa bifa weeraraan addunyaarratti babal'achuu gabaase.
Kunis haleellaa Fulbaana 11, 2001 Ameerikaatti raawwate booda akka hammaate ibse.
UNtti komishinara Olaanaa Komishinii Mirgoota Namoomaa kan ta'an Aab Volker Turk haasaa jibbiinsaa, jeequmsa kakaasuu fi qoollifannaa lafarratti akkasumas karaa onlaayinii raawwatamu balaaleffataniiru.
Mootummoonni biyyoota addunyaa waltajjii yaadi garaagaraa irratti keessummeessamu mijeessuu akka qaban dhaaman.
Kunis akkaataa seera siivilii fi mirgoota siyaasaa International Covenant on Civil and Political Rights (ICCPR) jedhamu waliin walsimuu akka qabu akeekkachiisan qondaalli UN kun.












