Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Liivarpuul fi Chelsii keessaa eenyutu mo'a? Tilmaama taphoota piriimer liigii
Liivarpuul fi Chelsiin tapha Piriimer Liigii Ingilaand kan bara kanaa raawwii olaanaadhaan eegalan.
Kilaboonni fooyya'iinsa agarsiisaa jiran kunneen yoo Anfiild irratti walitti dhufan eenyutu boojuudhaan gala laata?
''Dhugaadha Liivarpuul liigicha ni dursa jedhee yaadee hin beeku. Ammoo sochiin Chelsiin taasisaa jiru irruma caalaa na ajaayibeera,'' jedha xiinxalaan kubbaa miillaa BBC Kiriis Suutan.
''Deeggartoonni Chelsii dhaabbii kilabichaatiin akka gammadan nan amana. Garuu Anfiildi irratti qormaati guddaan isaan mudachuu hin oolu,'' jedha Suutan.
Xiinxalaan BBC kun qabxii taphoota Piriimer Liigii Ingilaand torbee kana taphataman hundayyuu tilmaameera.
Taphoota Sambataa
Tootanhaam garee bara kana raawwii gaariirra hin jirre West Haam waliin falmata.
West Haam tapha Ispsiwiich waliin taphaterratti qabxii akkaan murteessaa ta'e- qabxii sadi argateera.
Tootanhaam faallaa kanaa Biraayitaniin mo'ameera.
Tootanhaam gara Oold Tiraafoord imaluun Maanchistar Yunaayitid injifachuu hordofee leenjisaan kilabichaa Anji Postekoogluu akkaan jajamanii turan.
Haata'u malee tapha Biraayitan waliin taphatan irratti keessattuu boqonnaa booda raawwiinsaanii akkaan gadi bu'eera.
Tootanhaam tapha kanaan gara mo'ichaatti ni deebi'a jedheen yaada. Dursaan kilabichaa Soon Hiyuung Miin gara dirreetti ni deebi'a jedhamee eegama.
Kanaaf tapha West Haam waliin taphatan kana ni mo'atu jedheen yaada jedha Suutan.
Taphichi 3 fi 1n olaantummaa Tootanhaamiin akka xumuramu tilmaame.
Fulhaam ammoo dirreesaarratti kilaba akkaan sodaachisaa ta'e Aston Viilaa keessummeessa.
Ammoo Fulhaam wayita dirreesaarratti taphatu salphaa miti. Dorgommii bara kanaa keessatti taphoota dirreesaaniirratti taphatanirratti raawwii gaarii agarsiisaa turan.
Maanchistar waliin tapha Itihaad irratti taphatan mo'amanis hanga dhumaatti falmataniiru.
Qabxiin tapha kanaa ammoo kan murteessu haala taphattoonni Aston Viilaa irratti argamaniidha.
Viilaan taphattoota miidhamaan dhabe qaba. Eezrii Koonsaa fi Amaduu Onaanaa taphachuunsaanii shakkiidha.
Ammoo walakkaa torbee dhufuutti tapha dorgommii Waancaa Chaampiyoonsi Liigii Awurooppaa Bolonyaa waliin taphatu.
Suutan taphi kun goolii tokkoo fi tokkoon walqixa xumurama jedhee tilmaame.
Kilabi barana Piriimer Liigiitti ol guddatee fi ijibbaata falmataa jiru Ispsiwiich ammoo Evartan waliin taphata.
Tapha kana tilmaamuun ni ulfaata jedhe Suutan. Ipsiwiich hanga yoonaa hin milkoofne. Garuu raawwiin isaan agarsiisaa jiran kan dinqisiifatamuu qabuudha.
Piriimer Liigii keessa turuuf dandeettii akka qaban ni beeksisa.
Evartanis yoo ta'e gara milkiitti deebi'eera. Qabxii tokko qofaan Ipsiwiich caaluun gabatee Piriimer Liigii gubbaa taa'ee jira.
Taphoota sadi mo'ameera. Garuu bu'aa tapha kanaa tilmaamuun akkaan ulfaataadha.
Keessi koo garuu tarii Ipsiwiich qabxii sadi isa jalqabaa argataa laata kan jedhu nattti hima.
Kanaafu taphi kun goolii 2 fi 1n olaantummaa Ipsiwiichiin akka xumuramu tilmaame.
Maanchistar Yunaayitid ammallee dhiibbaa jala jira. Kilabichaa fi leenjisaa isaarratti qeeqi heddummaateera.
Bara dorgommii darbe Bireentifoord dursee galchuun wayita dursa qabatu dirreetti argamee ilaaleera jedha Suutan.
Haata'u malee Istook Maaktoominaay daqiiqaawwan dhumaarratti goolii lama galchuun gareesaaf milkaa'ina argamsiise.
Tapha alanaa kanarrattihoo maal argina laata? Leenjisaan Yunaayitid Erik ten Hag qabxiin kun akkaan isaan barbaachisa.
Kilabiin Piriimer Liigii Ingilaand keessatti maqaa guddaa qabu, Yunaayitid, yeroo ammaa sadarkaa 14ffaarra jira.
Taphoota torba irratti goolii shan qofa galchan.
Gareen kanniisotaa dursanii akka goolii galchan natti mul'ata. Garuu dhumarratti boojuun kan Yunaayitid akka ta'u amantii kiyya.
Taphni kunis goolii 2 fi 1n xumurama.
Taphni Niwukasil fi Biraayitanis akkaan eegama. Namoonni gariin Eedii Hawu Niwukasi gadhiisanii leenjisaa Garee Biyyaalessaa Ingilaand ta'u jechuun tilmaamaa turan.
Haata'u malee kun hin taane.
Taphi ajaayibsiisaa akka ta'u nan tilmaama. Akkuma Eedii Hawu leenjisaan Biraayitanis gara fuulduraatti ba'uun taphachuutti amana.
Kilaboonni waliin falmatan kunneen gabatee Piriimer Liigii irratti sadarkaa ja'affaa fi torbaffaarra jiru.
Aleksaandar Isaak miidhamarraa bayyanatee kan deebi'u yoo ta'e Niwukasiliif jijjirama fiduu akka danda'u nan amana.
Taphi kun goolii 2 fi 1 olaantummaa Niwukasiliin xumurama jedhee tilmaame Suutan.
Falmiin Saawuzhampitan fi Leestar ammoo dhiphina guddaa uumeera. Gareen lameenuu qabxii saditu isaan barbaachisa.
Lameenuu gabatee Piriimer Liigii irratti gara dhumaarra jiru. Keessattuu leenjisaan Saawuzhampitan Rasil Maartin qabxiin baayyee isaan barbaachisa.
Hagam kilba gadiirraa qabatee ol guddisaa dhufullee deeggartoonni qabxii dhabnaan fuulasaanii irraa gargalchuun waan hin oolledha.
Amma qabxii tokkittii qabu. Taphni goolii tokkoo fi tokkoon walqixa xumurama jedhee tilmaame Suutan.
Taphi akkaan eegamu kan biraan kan Boornimaz fi Arsenaal. Arsenaal taphattoota muraasa miidhamaan dhabeera. Bukaayoo Saakaa kilabasaa Ingilaandiif wayita taphatu miidhamee dirreedhaa ba'e.
Kaay Havertiz fi Gaabreel Maartineeliis waan hiriiran hin fakkaatan. Maartin Odegaard miidhamarraa hin bayyananne.
Haata'u malee sararri ittisaa isaanii cimaadha. Taphattoonni jalaa miidhamanis qabxii ni argatu jedheen yaada.
Boornimaz carraa goolii uumuu ni danda'u. Garuu kubbaa argatanitanitti sirnaan fayyadamuu hin danda'an, kun hanqinasaaniiti.
Taphni kun goolii tokkoo fi tokkoon walqixa xumurama jechuun tilmaamasaa kaa'eera Suutan.
Taphoota Dilbataa
Dilbata Waalvis Maanchistar Siitii waliin falmata. Woolvis taphoota torba irratti qabxii tokko qofa argate.
Sadarkaa dhumaarratti argama. Leenjisaan kilabichaa Gaarii Ooneel yeroo kanatti Siitii waliin osoo taphachuu baatanii hawwu.
Tapha darbe Bireentifoord goolii 5 fi 3n mo'ate. Tapha kanarrattis gooliiwwan muraasa keessummeessuunsaa waan hin oolle.
Erliing Haalaand taphoota darban lamaan irratti goolii hin galchine. Haalaandiif kun waan salphaa miti. Tapha kanarratti goolii hin galchu taanaan baayyee na ajaayiba jedha Suutan.
Tapha kana Siitiin goolii hedduu 6 fi 1n akka mo'atu tilmaame.
Taphi hunduu ilaaluuf eegu kan Liivarpuul fi Chelsiiti. Liivarpuul of afoodhaa taphaoota jajjaboo qaba. Chelsii booda gara Emireetis imalee Arsenaal waliin falmata.
Kilaboonni lameen keessattuu waggoota kurna darban morkiinsaanii akkaan cimaa dhufeera.
Dilbata waaree booda taphi arginu morkii cimaa dhufe kana kan nutti mul'isu ta'a.
Chelsiin gara Anfiildi imalee Liivarpuulirra aanaa? Mirkaneeffadhee dubbachuu hin danda'u jedha Suutan.
Haalli taphaa Arn Siloot jifataa kilabichaa Mohammad Saalaaf waan mijate fakkaata.
Qabxiin tapha kanaa gara Liivarpuul waan deemu natti fakkaata kan jedhu Suutan, goolii 2 fi 1n goolabamuu akka danda'u tilmaame.
Tapha Wiixataa
Taphoonni Piriimer Liigii Ingilaand torbee saddeettaffaa morkii Nootingihaam Foorast fi Kirsitaal Paalaas Wiixata taasisaniin goolabama.
Paalaas tapha kana mo'achuu qaba. Dorgommii bara darbeerratti raawwii gaarii agarsiisanis bara kana garuu sun ta'aafii hin jiru.
Ammoo warri Nootigihaam Foorast dirreesaaniirratti baayyee namatti cimu. Tilmaami kiyya gara Nootiingihaam jira jedha Suutan. Taphi goolii 1 fi 0 dhaan xumurama jedhee tilmaame.