Israa'el loltoonnishee Gaazaa keessatti 'naannoo dabalataa' akka to'atan ajajje

Lammiilee Filisxeem

Madda suuraa, Getty Images

Ministirri Ittisaa Israa'el loltoonni Gaazaa keessatti 'naannoo dabalataa' akka to'atan ajaja kenne. Yoo Hamaas namoota butamani turan hunda bilisa hin baasne, kutaalee to'atan kanneen akka qabatan doorsisaniiru.

Hanga namoonni butaman kanneen du'ani fi lubbuun jiran hunda deebi'anitti waraanni Gaazaa cimee akka itti fufu Israa'el Kaatz ibse.

Namoota 59 ammallee Gaazaatti ugguraman keessaa 24 lubbuun jiru jedhamee yaadama.

Garuu erga mariin dhukaasa dhaabuu marsaa lammaffaa irra gahamu dadhabeen booda hireensaanii hin beekamu.

Waliigalteen baatii Amajjii eegalee kun torban kana yeroo Israa'el duula lafaa fi boombii Gaazaa irratti jalqabuun namoota dhibbaan lakkaa'aman ajjeeste xumurame.

Haalli Gaazaa keessa jiru "haalaan yaaddessaa" jechuun UN'tti Ejensii Baqattoota Filisxeem UNRWA ibse.

Hamaas yaada dhukaasa dhaabuu dheeressuuf dhihaate kuffiseera jechuun Israa'elii fi US himataniiru.

Hamaas garuu qaamota isaan araarsan waliin dubbachaa akka jiran ibse.

Haa ta'u malee, Ministirri Ittisaa Israa'el ibsa Jimaata darbe baaseen ''Hamas diduu isaa baay'ee yoo itti fufe, Israa'el naannoo isaanii fudhata'' jedheera.

Hanga namoonni butaman gadhiifamanitti lola qilleensa, galaanaa fi lafa irraan ni cimsina,'' jechuun Kaatz barreesse.

Israa'el ''karoora Tiraamp jiraattota Gaazaatif qabanis" hojiirraa oolchaa jedha.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Tiraamp ummata Filisxeem miliyoona lama ta'an buqqisee US akka Gaazaa fudhattee irra deebitee ijaartu barbaada.

Bulchiinsii Filisxeem fi Hamaas Gaazaan "gurgurtaaf akka hin dhihaanne" dubbatan.

UN dirqiin namoota nagaa naannoo irraa buqqisuu seerri addunyaa cimsee akka dhorkuu fi ''duguugaa sanyii" ta'a jechuun akeekkachiiseera.

Erga waliigalteen dhukaasni dhaabuu Kibxata darbe cabeen booda Israa'el guyyaa lama keessatti namoota 430 ol ajjeesuu ishee ministeerri fayyaa Hamaasitti geggeeffamu ibse.

Kamisa darbe Hamas Teel Aaviivitti rookkeettii sadii dhukaaste.

Jimaata darbe UN'tti ambaasaaddarri Ameerikaa waraana itti fufee jiruu fi lolli deebi'ee jalqabuu isaatiin Hamaas komate.

"Duutii kun hundi hambifamuu danda'a ture yoo Hamaas yaada dhihaate fudhate." Jechuun Doorotii Shee'aa Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti keessatti dubbatte.

Hamas marii kana duubatti harkisuuf itti gaafatamummaa akka qabu haaleera.

Israa'el nyaata, boba'aa fi meeshaalee yaalaa hunda Hamas irratti dhiibbaa gochuuf jecha jalqaba baatii Bitootessa Gaazaa akka hin seenne uggurte.

Erga waraanni jalqabee Gaazaa keessatti namoonni 49,500 ol ajjeefamaniiru .