Haleellaa Saalman Rashdii keessaa harka hin qabu- Iraan

Salmaan Rashdii

Iraan waraanamuu Salmaan Rashdii keessaa harka hin qabu jette.

Iraan nama Saalman Rashdii irratti haleellaa raawwate wajjin walitti dhufeenya homaatuu akka hin qabne ibsitus, Saalmaniin hadheessuu garuu hin dhiisne. Saalman Raashdii gaheessa ganna 75 yoo ta'u, Niiwu Yoorkitti waltajjii irratti haasaa taasisaa osoo jiruu waraanamee miidhan cimaan irra gahee ture. Sababa kitaaba isaa The Satanic Verses jedhuutin doorsisni ajjeechaa yeroo garaa garaatti isarra gahaa tureera. Ministeerri dhimma alaa US Antoonii Biliinkan Iraan haleellaa barreessaa beekamaa kana irratti qaqqabeef gammaddeetti jechuun komate.

Dubbi-himaa minsiteera dhimma alaa Iraan kan ta'e Naasir Kanaan, Tehraan namicha Saalman irratti haleellaa raawwate wajjin walitti dhufeenya homaatuu hin qabu jechuun jechuun waakkate.

Kanaaf, "namni kamiyyu Rippabilika Islaamaa Iraaniin maqaa baleessuuf mirga hin qabu," jedhan. Haata'u malee, mirgi walabaan of ibsachuu Mr Rashdiin barreeffama isaa keessatti amantaa arrabsuu isaa hin dhugoomsu.

"Haleellaa kana keessatti, nama kamiyyu hin komannu Rashdii matuma isaafi deegartoota isaa warra aabaaramuun isaaniif malu malee jedhan dubbi-himaan kun ibsa idilee torbanii Tehiraan keessatti kennaniin. Iraan waa'ee haleellaa Rashdii irratti raawwatamee miidiyaa irraa kan dhageesse malee odeeffannoo biroo hin qabdu, jechuun itti dabaluun ibsan.

Rashidiin "mirga yaada ofii bilisaan ibsachuu, mirga amantii fi ilaalchaa, fi walabummaa pireesitiif osoo ijjannoo isaa hin jijjiiren fakkeenya ta'e" jechuun Biliinkan isa jajan.

"Qaamonni seeraa haleellaa kana yeroo qorataa jirutti haasaa jibbiinsa fi hokkora kaasudhaan qaamonni mirgoota kana xiqqeessanii ilaaluu barbaadan akka jiran nan beeka," jedhan Biliinkan. Itti dabaluunis, "Addumatti dhaabbileen Iraan waggoota hedduuf Raashidii lubbuu isaatif yaaddessaa turan. Dhiyeenya kan ammoo miidiyaan biyyoolessaa biyyattii haleellaa Rashidii irratti gaggeeffame jajee ture. Kuni ammoo jibba" jedhan.

Biliinka akka jedhanitti, US fi michoonni ishee wantoota akkasii yaaddoo uuman dura dhaabachuuf waan danda'an hunda ni godhu.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Dilbata ilmi Mr. Rashdii, abbaan isaa haala yaaddessaa keessa akka jiru himee ture. Haata'u malee, yeroo Rashii irraa ventileetariin kaafame maatiin baayyee gamadanii ture, jechuun jechoota muraasas dubbachuu jalqabeera jedhe.

ejentiin barreessaa kanaa Andiriiwu Wiyilii akka jedhetti, cinaacha gamtoonni miidhaa hamaa irra gahe irraa kan ka'een tiruun isaa hubameera, carraan ija isaa tokko dhabuus jiraachuu mala. Namni Mr.Rashdii waraanuudhaan himatame Hadii Maatar jedhamu umuriin isaa waggaa 24 ta'e, himannaa yaalii ajjeechaafi miidhaa qaqqabsiisuu irratti dhiyaate waakkateera.

Namni kun waltajjiitti fiiguudhaan Mr.Rashdii yoo xiqqaate bakla 10 fuularra, mormaafi garaarra waraanuun himatame.

Barreessaan asoosamaa beekamaa kun kitaaba isaa The Satanic Verses jedhu bara 1988 barreesse hordofee mormii isa mudateen waggoota 10 dhokannaatti dabarse.

Akkaataa inni itti Nabiyyuu Mohaammadiin dhiyeesse amantichaaf arrabsoo guddaadha jechuun Musliimonni hedduun mormii dhageessisaa turaniiru.

Mr. Rashdii doorsisni ajjeechaa kan irratti raawwatamaa ture yoo ta'u, dursaan olaanaa amantii Iraan, Ayatollah Ruhollah Khomeini, fatwa' irratti labsuun nama Mr Rashdii ajjeesee mataa isaa fideef dolaara miliyoona 3 badhaasuuf waadaa galanii ture.