Salmaan Rashdii: Barreessaan kitaaaba falmisiisaa 'Satanic Verses' waltajjiirratti waraaname

Salmaan Rasdii

Madda suuraa, Getty Images

Barreessaan kitaaba addunyaa irratti baayyee falmisiisaa ta'e 'Satanic Verses' jedhamu barreesse Ahimad Salmaan Rashdii waltajjii Niiwu Yoork tokkorratti haasaa osoo taasisaa jiruu waraaname.

Salmaan Rashdii yeroo waraanametti Dhaabbata Shitaakuwaa jedhamu kan Niiwu Yoork keessatti argamurratti haasaa osoo taasisaa jiruu yoo ta'u, poolisiin shakkamaan tokko gara waltajjiitti fiigee akka isa waraane hime.

Ga'eessi umuriin isaa ganna 75 ta'e kun kitaaba barreessuun addunyaa irratti badhaasa argateera.

"Rashdiin morma isaarra akka waraaname ni mul'ata," jedhe poolisiin ibsa kenneen.

Battaluma waraanametti helikooptaraan gara hospitaala naannawaatti argamuutti kan geeffame yoo ta'u ammatti haala inni irra jiru hin beekamu.

Salmaan Rashdii kitaabota baayyee barreesse keessaa kan inni afraffaa irratti mataduree 'The Satanic Verses' jedhamu bara 1988 maxxanfame hedduu falmisiisaa ture.

Keesumaa hawaasa Musliima addunyaa irraa mormii guddaa kan kaase yoo ta'u, ajjeesuuf doorsisni irra gahaa tureera.

Gaggeessaan amantii Olaanaa Iraan Ayatollah Ruhollah Khomeini bara 1989 labsii 'fatwa' irratti baasuun akka ajjeefamu ibsa baasanii turan.

Mootummaan Biriitish ammoo doorsisa irra gahu hordofee akka eegumsa poolisii jala ta'u godhee ture.

Yeroo Salmaan Rashiid waltajjiirra turanitti isa gaafataa kan ture Henerii Riis namni jedhamus mataa isaarra madaa salphaa madaa'eera.

Namni gaaffii isaaf taasisaa ture Henerii Riis dhaabbata tola-ooltummaa barreessitoota sababa hojii isaaniitiif dhiibbaan irra gahu gargaaruun beekama.

Akka poolisiin jedhett, namichi Rashdii waraanuun shakkame kun battaluma to'atameera.

Viidiyoon toora interneetiirratti gadhiifame akka agarsiisutti, waan mudate sana hordofee namoonni haasaa isaa hordofaa turan gara waltajjiitti yeroo fiigan mul'isa.

Ibsa waa'ee viidiyoo, Daawwadhaa: Waltajjii itti Salmaan Rashdiin waraaname

Barreessaan asoosamaa beekamaa kun Indiyaatti kan dhalate yoo ta'u, jalqaba barreefama isaa Midnight's Children bara 1981 barreesseen ture kan takkaatti gurra guddaa horate.

Kitaabni isaa Midnight's Children jedhu kun UK keessatti qofa koppii miliyoona tokkoti gurgurame.

Haata'u malee, kitaanbi afraffaa Mr. Rashdii bara 1988 barreesse The Satanic Verses jedhu garuu waggoota sagaliif akka dhokatee jiraatu isa taasiseera.

Kitaabni kun qabiyyeen isaa Musliimota garii biratti dheekkamsa kan kaasise yoo ta'u, arrabsoo qaba jedhamuunis biyyoota tokko tokko keessattis akka gubatan taasifameera.

Kitaaba kana maxxansiisee waggaa isaatti dursaan olaanaa amantaa Iraan Ayatollah Khomeini nama Mr. Rashdii ajjeeseef $3m akka kennuuf himan.

Kitaabni kun maxxanfamuu hordofee mormii dhalatee tureenis namoonni muraasni kan du'an yoo ta'u, namoonni kitaabicha hiikanis ajjeefamaniiru.

Salmaan Rashii lammummaa Ameerikaafi Biriitish kan qabu yoo ta'u, mirga walabaan of ibsachuu cimsee deeggara.

Mr. Rashdiin hojii barreeffamaa isaa ilaalchisuun komii irratti dhiyaatu yeroo gara garaatti mormaa turera.