‘Paalistaayinoonni biyya ofiisaanii qabaachu qabu’- Joo Baayiden

Madda suuraa, Getty Images
Pirezedantiin Ameerikaa Joo Baayiden wal dhabbiin Israa’eli fi Paalestaayiin gidduu jiru marii gar-lameen furama jedhan.
Ameerikaan furmaata garlamee barbaaduurratti kutannoo qabdi jedhan.
''Uummanni Paalestaayiin biyya ofisaanii kan walabummaa qabdu, kan of dandeesse fi ittifuftu qabaachuu qabu,'' jedhan.
''Uummata lamaaniif biyyoota lamatu barbaachisa jedhan. Uummanni lamaan lafa kanarratti hundee dhalootaa duriirra kaasanii asii qabu. Kanaafuu walcinaa nageenyaafi tasgabbiin jiraachuu qabu,'' jedhanii kaasan.
Biyyoonni lamaanu mirga lammiilee waliisaanii kabajuutu irraa eegama. Hawaasni lachuu bilisummaa fi kabajaa walqixxee argachuu qabaatu, Dhimmoonni kunnen isaan bu’uuraati,’’ jedhanii dubbatan Pirezedantiin Ameerikaa Baayiden.
Biyya qofaa miti, namni kamiyyuu kabajaan argachuu qabaata jedhan.
Baayideen galmi biyyoota lamaanii waan addaan fagaate akka fakkaatu ''nan beeka'' jedhani kaasan.
Joo Baayiden kana kan dubbatan bakka Israa’el to‘attu, Weest baankitti Pirezedantii Paalestaayiin Mohaammud Abbaas wajjiin Jimaata wal arguun marichachuusaanii hordofeeti
Dhiyeenyatti walitti bu’iinsi gidduu isaanitti kan ture ta’ullee, tattaaffiin biyyoota lamaan mariif walitti fiduu itti fufa jedhan.
Paalisteenoonni marii nageenyaa Israa’el waliin gaggeeffamaa ture irradeebiin akka eegalamuu fi Qonsilaan Ameerikaa Yerusaalemitti deebi’ee akka banamuuf Ameerikaarra hojii duri irra fooyyee dalaguu qabdi jedhu.
Bara 2019tti bulchiinsi Tiraamp otoo Qonsilaa Ameerikaa Yerusaalemitti argamu hin cufiin dura akka imbaasii Paalestaayiniitti tajaajilaa ture jedhameera.
Baayiden gara Sa’uditti imaluun maaliif qeeqame?
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Joo Baayiden Pirezedantii Paalestaayiin Mohaammud Abbaas waliin erga mariyatanii booda gara Sa’ud Arabiyaatti akka qajeelanitu eegama.
Joo Baayiden ilma mootii Sa’udii Mohaammad bin Saalman wajjiin akka wal arganitu eegama.
Aab Baayiden ilma mootii Sa’udii bin Saalman fi abbaa isaa mootii biyyatii Saalman waliin wal arganii haasa’uuf jiru.
Waggaa lamaan kana garuu ilma mootii Sa’udii gaazixeessaa lammii Sa’udii Jamaal Kaashogjii bara 2018 ajjeesisuu keessatti qooda qabuuf moggaatti baasuuf waadaa seenanii turan.
Mohaammad bin Saalman garuu ajjeechaa qaamoleen tika biyyattii imbaasii biyyasaanii Tarkiitti argamu keessatti raawwatan keessaa qooda hin qabu jedhanii waakkataa turan.
Dhaabbanni basaasaa Ameerikaa garuu ajjeecha Jamaal Kaashogjii keessaa ilmi mootiin Sa’udii qooda qabaachuu isaa ifoomsanii turan.
Pirezedantiin Ameerikaa Joo Baayiden ilma mootii Sa’udii wajjin wayita wal argan dhimmoota akka dhiyeessii anniisaa, mirga namoomaa, fi tumsa karaa nageenyaa biyyoota lamaan giddu jiru dabalata.












