Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Waa'ee Waancaa Kubbaa Miilaa Dubartootaa Addunyaa har'a eegale kana beektuu?
Waancaan Kubbaa Miilaa Dubartootaa Addunyaa inni sagalaffaan Kamisa (Adoolessa 20, 2023) qopheessummaa Niiwziilaandiifi Awustiraaliyaan jalqabeera.
Waancaan Kubbaa miilaa dubartootaa kan jalqabaa bara 1991 gareewwan 12 Chaayinaatti walmorkachiisuun eegale injifannoo Ameerikaan xumurame.
Ameerikaan ergasii injifannoowwan sadii dabalattee waancicha biyya yeroo afur injifatteedha.
Dorgommii Waancaa Addunyaa bara 2023 kun ammoo biyyoota addunyaa 32 wal-morkachiisu Adoolessa 20 hanga Hagayya 20’tti ji’a tokko guutuuf dorgomama.
Dorgommii bara kanaa kan adda godhu keesaa tokko biyyootni dorgommicha irratti hirmaatan yeroo jalqabaaf lakkoofsaan 36 ta’uu isaaniiti.
Amma dura biyyootni hirmaachaa turan 24 qofa turan.
Dorgommii bara kanaan taphootni 64 magaalota Awustiraaliyaafi Niiwziilaand adda addaa sagal fi dirreewwan 10 keessatti ni gaggeeffamu.
Dorgommiin kun akkamiin eegale?
Waancaan addunyaa inni ammaa kun bara 1991 eegaluu baroota dura bara 1970, Xaaliyaanitti waancaan addunyaa beekamtii hin arganne gaggeeffamee ture.
Waldaan Kubbaa Miilaa Ingiliiz bara 1921 kubbaa miilaa dubartootaa dhorkee ture.
Qaamni Kubbaa miilaa Awurooppaa bulchu UEFA fi jaarmiyaan Kubbaa miilaa addunyaa bulchu FIFA, kubbaa miilaa dubartootaarratti maallaqa baasuuf fedha hin qaban turan.
Achiis abbootiin qabeenyaa Xaaliyaan qaama Federeeshinii walabaa Kubbaa miilaa dubartoota Awurooppaa jedhu ijaaruun sadarkaa idil-addunyaatti dorgommii gaggeessuu eegalan.
Tapha jalqabaa kanaan Deenmaark qopheessituu dorgommichaa Xaaliyaan 2-0 injifattee shaampiyoonaa taate.
Amma baroota hedduu booda dorgommiin dubartootaa FIFA’n qopheesse biyyoota 36 walmorkachiisa.
Biyyootni lama dorgommii kana waliin yeroo qopheessan kun kan jalqabaati.
Niiwziilaand amma dura dorgommii kana irratti yeroo shan hirmaatteetti, ramaddii isheerraa garuu dabartee hin beektu.
Awustiraaliyaan gama isheen yeroo torba hirmaattee yeroo sadii nuusa xumuraaf geessee beekti.
Eenyufaatu seenaa gaarii qaba?
Dorgommii yeroo sagalaffaaf qophaa’u kanarratti hanga ammaatti biyyootni 36 hirmaataniiru. Dorgommii kana biyyootni injifatan afur qofaadha.
Ameerikaan yeroo afur injifachuun tokkoffaadha.
Jarman ammoo yeroo lama injifattee sadarkaa lammaffaarra jirti.
Jaappaaniifi Noorweey yeroo tokko tokko injifataniiru.
Biyyootni kunniin Siwiidin, Biraaziil fi Naayijeeriyaa dabalatanii takkaahuu waancaa addunyaa kanarraa hafanii hin beekan.
Bara kana ammoo Poorchugaal, Zaambiyaa fi Morookoo dabalatee biyyootni saddeet waancaa kubbaa miilaa dubartootaa irratti yeroo jalqabaaf hirmaatu.
Seenaa dorgommii kanaa keessatti eenyutu goolii hedduu galche?
Jifattuun lammii Biraaziil Maartaan taphoota dorgommichaa 20 irratti hirmaattee goolii 17 lakkoofsisuun adda dureedha.
Dubartiin ganna 37 kun waancaa addunyaa jahaffaa isheerratti hirmaachaa jirti.
Seenaa kana taphattuun Naayijeeriyaa ganna 40 Onomee Ebiifi taphattuun Kaanadaa ganna 40 Kiristiyaan Siinkileer Maartaa waliin ni qooddatu.
Badhaasa dorgommii kanaa
Bara kana hirmaattotni hunduu hirmaannaa isaaniif badhaasa maallaqaa bara kaanii caalu argatu.
Biyyi waancicha injifate paawundii miiliyoona 3.4 argata.
Taphattootni dhuunfaa dhuunfaa isaaniitti maallaqa argatan kan qaban yoo ta’u, kanneen ramaddiirraa darbuu dhaban dhuunfaan paawundii 23,000 argatu.
Warri waancicha injifatan ammoo paawundii 208,000 badhaafamu.
Istaadiyeemiin tapha baniinsaafi tapha xumuraa keessummeessu, Istaadiyeemii Awustiraaliyaa namoota 70,000 qabachuu kan danda’uudha.
Istaadiyeemiin kun bara 1999 dorgommii Olompiikii bara 2000 keessummeessuuf paawundii miiliyoona 357’n ijaarame.