Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Yukireen ofirraa qolachuuf guyyoota waraanaa 30tu ishee hafa - Dursaa waraanaa US
Yukireen duula waraana Raashiyaa deebistee ofirraa qolachaa jirtuuf guyyoota 30-45 ishee hafa jedhan qondaalli waraanaa olaanaa US.
Janaraal Maark Mileey BBCtti akka dubbatanitti, haalli qilleensaa waraanaaf mijatu dhumaa waan deemuuf waqtiin qorraa dhufnaan Yukireen itti cimuu danda'a.
Duulli deebistee ofirraa qolachuu Yukireen taasisaajirtu hanga eegameen ol tirataa ta'uu kan amanan qondaalli waraanaaUS kun, "ta'us garuu ammallee waraanni guddaan gaggeeffamaa jira," jedhan.
"Yukireenonni ammallee suutu jedhanii duratti deemaadhuma jiru."
Janaraal Mileey akka jedhanitti, duulli Yukireen deebistee qolachuuf itti jirtu kun hin milkoofne jechuudhaaf ammallee hin geenye. Yukireen karaa addawwan waraanaa Raashiyaa jiraniin suuta jettee "durumatti deemaa jirti".
Kanaaf, Yukireen waraanni kun ammallee ishee hafa, hin xumurre; yeroon hanga tokko gahaadha jedhamus ni jira jedhan.
"Waraanni ammallee hin xumuramne, lola milkeessuuf carraaqaa jiran hin fixiin jiru."
Duulli Yukireen deebistee qolachuu kun waqtii bonaa darbe ture kan jalqabame. Kaayyoon isaa ammoo daangaa Raashiyaan Yukireen seentee qabatte bilisa baasuufifha. Duulli kun ammatti waan xiqqoo qofa milkeesse.
Janaraalonni Yukireen garuu gara kibbaan dahoo Raashiyaa ni caba jedhamee hin yaadamne cabsuu dubbatu.
"Ani jalqabuma [waraana] kanaatti wanti kun dheeraa, tirataa, hamaafi lubbuu baayyee kan galaafatu jedheen ture. Sirriitti kanuma jehdamedhas," jedhan Janaraal Mileey.
Gaaffiifi deebii BBC kanarratti qondaalli UK Adm Sir Toonii Radakiin, "Yukreen mo'achaa jirti, Raashiyaan ammoo mo'amaa jirti," jedhan.
"Kanaaf ammoo sababiin kaayyoon Raashiyaa Yukireeniin dhuunfattee to'annoo Raashiyaa jala galchiifidha."
"Kun hin taane, gonkumaas kan ta'u miti waan ta'eef Yukireen mo'achaa jirti," jedhan qondaalli UK kunis.
Itti dabaluun, Yukireen waraana daangashee qabame deebifachuuf taasistuun fuulduratti deemaa jirti. Hanga ammaattis lafa Raashiyaan weerarte %50 deebifatteetti jedhan Adm Sir Toonii Radakiin.
Yukireen cimaa dhufuun kun ammoo gama tokkoon sababa hawaasa idil-addunyaa "dhiibbaa dinagdeefi dippilomaasii taasisaniinidha. Amma Raashiyaan kanaanis rakkachaa jirti," jedhan.
Dirooniin wal haleeluun itti fufeera
Dilbata har'aa ganama Raashiyaan magaalaa guddoo Yukireen, Kiiv dirooniin haleelteetti. Akka aanga'oonni Yukireen jedhanitti, caccabaan bakka gara garaatti kan kufe yoo ta'u, namni du'e garuu hin gabaafamne.
Yoo xiqqaate dhohinsawwan 10 magaalaa guddoo Yukireen keessatti dhaga'amaniiru.
Kanaan duras dirooniin magaalaa Kiiv kana haleellaniiru.
Aanga'aan waraanaa Yukireen akka himanitti, dirooniiwwan Iraan hojjette Shahed jedhaman 20 ta'an Dilbata akka rukkutamanii kufan ta'aniiru. Gareen ta'anii kallattii baayyeerraa ka'anii Kiiv irra marsaa turan.
Diroononni kunneen erga rukkutamanii caccabaan baayyee isaanii lafa qullaarratti kufan. Garuu hangi tokko konkolaataarratti kufaniiru jedhan.
Kun osoo kanaan jiruu, Vilaadmiir Puutin Kooriyaa Kaabaa waliin hariiroo uummachuun isaa pirezidantiin Raashiyaa "haala abdii kutannaa keessa jira," jedhan Adm Radakiin.
Michummaan biyyoota lamaanii kun hangam akka Raashiyaan michoota muraasa waliin hafte agarsiisa," jedhan qondaalli UK kun.
Gaggeessaan Kooriyaa Kaabaa Joong Uun ammoo ji'a kana keessa dhimma meeshaa waraanaa irratti waliin mariyachuudhaaf Puutin waliin wal arguuf Raashiyaa daawwachuuf karoorfateera.
Gaggeessitoonni lamaan haala Kooriyaan Kaabaa meeshaa waraanaa Mooskoof kennitee Yukireeniin ittiin waraanuu dandeessuurratti mariyachuuf karoorfatan.
Kun ammoo Waashingiten hariiroon biyyoota lamaanii akka ishee yaaddessu taasisuun hin oolle.