Kuubaan lammiileenshee dhoksaan Raashiyaaf lolaa jiraachuu bira geesse

Ministeerri Dhimma Alaa Kuubaa lammiileen ishee waraanaa Yukireen keessatti Raashiyaa maddii goranii akka lolaniif karaa seeraan alaatiin mindeeffamaa jiraachuu irra gahuu beeksise.

Ministeerichi ibsa baaseen, lammiileen biyyattii Raashiyaa keessa jiraataniifi Kuubaa jiraatan waraana Yukireen keessatti Raashiyaaf hiriiruu isaanii mirkaneeffadheera jedhe.

Kuubaan michuu Raashiyaa taatulleen, ibsa Ministeerri Dhimma Alaa biyyattii baase kanaan waraana Raashiyaafi Yukireen jidduutti gaggeeffamu kanarratti karaa kamiinuu qooda qabaachuu akka hin feene ibseera.

Kuubaan looltoota mindeeffamtoota qacaruu irratti ejjannoo ifaa ta’eefi cimaan qaba jechuun, lammiileen ishee kallattiidhaan hirmaattoota waraana kanaa ta’uusaanii kan hin fudhanne ta’uu beeksifte.

Haata’u malee, komii Kuubaa kanarratti gama Raashiyaatii hanga yoonaatti wanti jedhame hin jiru.

Kuubaan namni karaa seeraan alaatiin namoota daddabarsu lammiilee mindeessaa jira haa jettu malee, qaama hojii mindeessuu kana raawwatu maqaa hin dhoofne.

Raashiyaan waraana Yukireen keessatti gaggeeffamaa jiru irratti loltoota hedduu waan dhabdeef jecha, baatii Adoolessaa darbe keessa Pirezidantiin biyyattii Vilaadmiir Putiin lakkoofsi miseensota waraana biyyattii akka dabaluuf Ministeera Raayyaa Ittisaa biyyattiif ajaja dabarsanii ture.

Isaan boodas gaazexaan Raashiyaa Raayaazaan Gaazeet jedhamu tokko, lammiileen Kuubaa Raashiyaa keessa jiran lammummaan Raashiyaa akka kennamuuf waadaan erga galameefiin booda waraana Raashiyaa waliin hiriiranii Yukireen waraanaa jiru jechuun gabaasee ture.

Kana malees, fakkiin dargaggoota lammiilee Sooriyaa Raashiyaadhaaf loluuf fedhii qabaniidha jedhaman wayita shaakala waraanaa taasisan agarsiisuu bahee ture.

Ibsi Ministeerri Dhimma Alaa Kuubaa baasee kunis ‘‘Namoota karaa seeraan alaatiin namoota daddabarsuun lammiileen keenya akka meeshaa waraanaa biyya biraa hidhatan hojjatan irratti tarkaanfii cimaa ni fudhanna,’’ jedheera.

Ibsi mootummaan Kuubaa baasee kunis biyyoota michuu dhiheenya kana waliigaltee daldalaa waliin mallatteessan jidduutti mufii hin baramne uumuu danda’as jedhameera.

Baatii lamaan dura Ministirri Dhimma Alaa Kuubaa mariidhaaf gara Mooskoo imalanii kan turan yoo ta’u, Ministirri Dhimma Alaa Raashiyaa Sargee Laaviroov’s akkasuma baatii Eblaa keessa Kuubaa dhaqanii ture.

Kuubaan erga warraaqsa bara 1959 kan Fiidal Kaastiroon ittiin aangoo qabatan irraa kaasee michuu Raashiyaa turte.

Kaastiroo kan Ameerikaan yeroo garaa garaatti aangoorraa kaasuuf yaaltee dadhabdees bara Waraana Holoolaatti Raashiyaa waliin dhaabbatanii turan.

Raashiyaanis gama isheetiin deeggarsa diinagdee, siyaasaa fi waraanaatiin mootummaa Kuubaa maddii dhaabataa turte.