Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Biyyoonni Garee 20 Gamtaa Afrikaa miseensa gochuun tarkaanfii seena qabeessa fudhatan
Biyyoota guddatanii fi biyyoota guddataa jiran keessaa ammoo kanneen diinagdeensaanii fooyyee qaburraa kan ijaarame Gareen 20, Afrikaan miseensa gochuunsaa tarkaanfii seena qabeessa jedhameera.
Biyyoota 55 kan of keessaa qabu Gamtaan Afrikaa miseensa Garee 20 (G20) ta'eera.
Ministirri Muummee Indiyaa Naarendiraa Moodii Gamtaan Afrikaa miseensa G20 ta'uu wayita ibsan sababiin ijoon Afrikaa sagalee tokkoon waltajjii addunyaatti baasuudha jedhan.
Indiyaan garee kana [G20] dursuun ishee hirmaannaa biyyoota gara kibbaa jiranii olkaasuun kan walqabate akka ta'e irra deddeebiin ibsaa turte.
Qaama karoora kanaa keessaa tokko ammoo Gamtaa Afrikaa miseensa garee kanaa gochuudha.
Ministirri Muummee Indiyaa wayita biyyisaanii G20 dursaa jirtu kanatti Afrikaarraa miseensota hedduu argachuutti guddoo akka gammadan ibsaniiru.
Pireezidantiin Gamtaa Afrikaa Aziil Asoomiinii teessoo gamtichaa G20 keessaa argate Ministira Muummee Naarendiraa Moodii harkaa fuudhaniiru, wayita kana Moodiin hooggantoota Afrikaa gammachuun simataniiru.
Hooggantoonni kunneen wayita Gamtaan Afrikaa miseensa G20 ta'uun labsamu, ''seenaan hojjetameera'' jechuun gammachuudhaan harka walfuudhanii, walhaammataniiru.
Gamtaan Afrikaa miseensa ta'uun gareen kun hagam mara hunda haammataa akka ta'e agarsiisas jedhameera.
Indiyaan kora garee kanaarratti dhimmi akka ijootti kaasuu feetu waa'ee diinagdee biyyoota guddataa jiraniiti.
Biyyoonni guddataa jiran hedduun Chaayinaa, Jaarmiyaa maallaqaa Idiladdunyaa (IMF) irraa maallaqa liqeeffatan kaffaluu waan hin dandeenyeef biyyoonni dureeyyiin akka harka qaban feete Indiyaan.
Yaa'ii G20 irratti dhimmoota ka'an keessaa tokko dhimma Yukireen yoo ta'u, sanadoota raggaasifamuu qaban keessaa hanga ammaatti waa'een Yukireen hin kaafamne.
Sanadi kun damee baankii haaromsuu fi maallaqa kirpitoo to’achuu dabalatee qabxiilee biroos of keessatti qabata.
Manni murtii yakkaa idil-addunyaa (ICC) ajaja hidhaa Pirezidaantii Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin irratti erga baaseen booda hoogganaan Raashiyaa kun walgahii BRICS irratti hin argamne.
Ajajni hidhaa osoo hin ba’in dura bara darbe walgahii G20 Baaliitti gaggeeffame irrattis hin argamne.
Gama biraatiin Ministirri Muummee Indiyaa biyyasaanii maqaa 'Baaharat' jedhuun waamuun isaanii falmii uumeera.
Biyyattiin maqaa ishee ifatti jijjiiruu ishee ilaalchisee hanga ammaatti wanti dubbatame hin jiru.
Dhimmi biraan konfiraansii kanarratti ka'e jijjiirama qilleensaati.
Biyyoonni guddachaa jiran caalaatti saaxilamoo akka ta’an biyyoota guddatan irraa amantaan hamma tokko jiraachuu akka qabus ibsameera.
Mariin paanaalii jalqabaa 'One Earth' kan jedhu yoo ta'u, dhimmoota naannoo irratti kan xiyyeeffatu ta'a.
Biyyoonni dureeyyii tattaaffii kaarboonii qilleensatti gadi lakkifamu to'achuu maallaqa, teeknooloojii fi bu’uuraalee misoomaatiin akka deeggaran, marii Indiyaan bakka buutee hirmaattu keessatti akka gaafatamu yaadi dhihaateera.