Namtichi balbala xiyyaara balali'aa ture banu malee jedhe hookkora uume himatame

Namtichi xiyyaara daandii qilleensaa Yunaayitidiin balali’aa osoo jiruu kara yeroo balaa atattamaa saaqu malee jechuun hokkara kaase to’annoo jala oolfamuun himannaan irratti baname.

Namni maqaansaa Firaansiskoo Seeveroo Toorees jedhamufi umuriinsaa waggaa 33 ta’e kun, balaliinsa Loos Anjelasii gara Boostanitti imalaa ture irratti naasuu uumee akka ture himame.

Namni kunis kara xiyyaaraa yeroo balaa tasaa banuuf yaaluu isaatiin alattis shukkaa cabaadhaan hojjattuu xiyyaarichaa waraanuuf yaaluun himameera.

Xiyyaarichi akkuma buufata xiyyaara Idil-Addunyaa Loogaan akkuma qubateen namtichi kunis gara buufata poolisiitti geeffameera.

Xiyaara abbummaan isaa kan Daandii Qilleensa Yunaayitid ta’e kana keessatti taateen kun wayita mudatuutti xiyyaarichi gara itti imalaa tureetti qubachuuf ganaa sa’aatii tokkootu hafa ture.

Namtichi kunis qabuu kara yeroo balaa tasaa ittiin banamu saaquudhaaf laaffeessuu kan danda’e yoo ta’u, yaalii keessummeessitoota balaliinsaafi imaltootaatiin akka gochaa isaa dhaabu osoo taasifamu baatee balaa olaanaa mudachu mala jedhameera.

Namtichi kunis gochaa kana yoo raawwateeti maal yaadee akka ture wanti jedhame omtu hin jiru.

Keessimummeesituun balaliinsaa nama kan gochaa isaarraa dhaabuuf wayita yaalteetti, ‘namtichi xiyyaara keessa kaameeraan jiraayi?’ jechuun gaafachuun gabaafameera.

Namni kunis karra xiyyaaraa yeroo balaa tasaatti banuuf kan dandeessisu qabannoo isaa laaffisee ture.

Keessumeessituun xiyyaarichaas rakkoon waan umameef balaliisaan xiyyaarichaa atattamaan xiyyaara akka bakka ta’e qubachiisuuf ergaa itti ergite akka ture himameera.

Namtichi kunis keessumeesituun xiyyaarichaa dhimmicha gabaasu ishee hordofuun naannawa morma isheerra shukkaa cabaadhaan yeroo sadii akka waraane himannichi ni mul’isa.

Shuukkaan akka meeshaa waraaaatti akka isa fayyaduuf jecha mana fincaanii seenuun akka sirreeffates jecha kenneen himeera.

Booda keessa imaltoonni wal ta’udhaan namtichi to’annoo jala akka oolfamu taasisaniiru.

Namtichi kunis battaluma xiyyaarichi ka’udhaaf qophaa’aa jiruutti imalaa isa cinaa tureen, ‘‘karri yeroo balaa tasaa ittiin bahamu eessa jira?’’ jechuun gaafataa akka ture hiamme.

Ameerikaatti michuun BBC akka gabaaseetti, namtichi kun maaliif gochaa kan akka raawwate ilaalchisuun jecha poolisiif kenneen, ‘‘keessumeessituun balaliinsaa akka na ajjeeftu shakkeetan’’ jedheera.

Namtichi kunsi bara umuriisaa guutuutti kana booda xiyyaara Yunaayitiin akka hin imalleef dhorkaan irra kaa’ameera.

Ministirri Haqaa akka jedhaniitti, gocha akka natichi kun raawwatee kana namni xiyyaara balalii’aa jiru irratti raawwate hidhaa umurii guutuu ykn ammo hidhaa wagga shanii dhorkaan sochii irra kaa’amu, akkasumas addabbii doolaara kuma 250 akka adabsiisu danda’udha.

Daandiin Qilleensaa Yunaayitid, xiyyaarichi ‘‘tarkaanfii atattamaa’’ hojjattoonni xiyyaarichaa fi imaltoonni fudhataniin nagana qubachu danda’e jechuun galateeffateera.