Firaank Laampaard leenjisummaa Evartan irraa ari'ame

Madda suuraa, Getty Images
Evartan Firaank Laampaard leenjisummaa irraa gaggeesse. Utubaan duraanii Ingilaand erga kilabicha leenjisuu eegalee waggaayyuu hin guutu.
Kilabichi kilabii ofiifuu kufuuf jiru West Haamiin gaafa Sambataa injifatameera.
Kunis, taphoota liigichaa 12 booda kana taphate keessaa si’a saglaffaaf mo’amuu isaati.
Yeroo ammaa godina balaawaa keessatti kan argamu Evartan, taphoota 20 keessaa qabxii 15 walitti qabee sadarkaa 19ffaarratti argama.
Laampaard, ganna 44, Amajjii bara 2022 ture Rafaa’el Beeniteez bakka bu’uun kilabicha leenjisuu kan eegale.
Yeroos sadarkaan kilabichaa 16ffaarra ture. Akka liigicha keesssaa hin buunefis tumsa taasiseera.
Taatullee barri dorgommii baranaa itti cime.
Evartan erga isa gaggeesse booda yeroo ammaa waggoota shan keessatti leenjisaa jahaffaa mindeessuuf sochiitti jira.












