Magaalli Godina Wallagga Bahaa Naqamteen maal keessa jirti?

Magaala Naqamte

Madda suuraa, Waj Kom Magaalaa Naqamte

Magaalaa Naqamtee guyyoota sadan darban keessa sodaa keessa turtus amma suuta gara sochiitti deebi’aa akka jirtu maddeen BBCtti himan.

Dilbata darbe hidhattootni ABO-WBO magaalaa Naqamtee kallattii adda addaan galuun humnoota nageenyaa mootummaa waliin walitti dhukaasaa akka turan jiraattotni magaalittii BBC’n dubbise himaniiru.

Guyyoota lamaan darban keessa suuqonnii fi hoteelotni magaalittii keessaa hedduun cufamanii akka turan BBC’n odeeffateera.

Har'a sochiin suuta deebi'aa akka jiru himuun tajaajilli geejibaa ammayyuu akka hin jirre BBC'n maddeen magaalichaa irraa odeeffateera.

''Hojiif manaa hin baane, ammayyuu manuma teenyeetti oduuma dhageenya, garuu nagaa fakkaata,'' jedhan jiraataan magaalittii tokko.

Hidhattootni ABO-WBO kaampii humna waraanaa magaalittii irratti xiyyeeffachuun dhukaasa akka banan namoonni BBC’n dubbise himaniiru.

Dhukaasa qaamolee lamaan gidduutti gaggeeffame keessa namootni nagaa ajjeefaman akka jiran maddeen BBCtti himaniiru.

BBC’n rasaasa qaama kamii irraa dhuka’een akka ajjeefamanii fi lakkoofsi namoota ajjeefamanii meeqa akka tahe adda baasuu hin dandeenye.

Kantiibaa magaalichaa fi dhimma nageenyaa bulchiinsa magaala Naqamtee irraa odeeffannoo argachuuf bilbillus hin milkoofne.

Maddeen amanamoon akka BBCtti himanitti har’aa fi kaleessa magaalittii keessa dhukaasni dhagahamu hin jiru. Hidhattootni magaala keessa hin jiran jedhan.

Hidhattootni ABO-WBO kan mootummaan ‘ABO-Shanee’ jechuun shororkeesummaan farraje tibbana godina Wallaga Lixaa keessaa aanolee muraasa to’achuu karaa dubbii himaa ibsaaniiru.

Maaltu mudatee ture

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Godina Wallaggaa Bahaa magaalaa Naqamtee keessa Sadaasa 6, 2022 ganama barii irraa eegaluun dhukaasni guddaan akka ture jiraattoonni magaalichaa himanii turan.

Jiraattonni magaalichaa BBC’n bilbilaan dubbise akka jedhanitti, hidhattoonni Waraana Bilisummaa Oromoo ganama magaalicha galuun humna nageenyaa mootummaa waliin walitti dhukaasaa turan.

Waraanni Bilisummaa Oromoo kan mootummaan 'ABO-Shanee' jechuun paarlaamaa biyyattiin shororkeessummaan labsame, waggoota sadan darbanii oliif Oromiyaa godinaalee garaa garaa keessatti mootummaa waliin wal waraanaa jira.

Taatee kana ilaalchisee hanga ammaatti gama mootummaan waan jedhame hin jiru. BBC’n kantiibaa fi bulchiinsaaf nageenya magaalittii argachuuf yaaliin godhe hin milkoofne.

''Ganama osoo namni sochii hin jalqabiin magaalicha galan. Naannoo Boordii jedhamuutti dhukaasa guddaatu jira. Ammatti manuma keessa teenyee dhukaasa dhaggeeffataa jirra,’’ jedhan jiraataan magaalittii nageenya isaaniif jecha maqaan isaanii akka hin dhahamne gaafatan.

Boordiin walakkaa magaalaa Naqamtee yoo tahu, boordii irraa fageenya meetira 500 kan hin caalle irratti ammoo kaampiin waraana mootummaatu argama.

Dhukaasni gaggeeffamaa jirus naannicha sanatti ta'uu akka hin oolle himan jiraataan kun.

Jiraataan gara biraa BBC’n dubbise, ''ammatti miidhaan nama irra gahe dhageenye hin jiru. Namni sochii godhus hin jiru hidhattoonni garuu magaala keessa galanii dhukaasni dhagahamaa jira,'' jedhan.

Itti dabalunis, ''Kaleessa odeeffannoon jira ture. Waan isin barbaachisu bibbitadhaa, suuqiin cufamuu danda’a jedhamaa ture. Garuu nuti waan akkanaa ni taha jennee hin eegne malee,’’ jette jiraattuun magaalichaa gara biraan.

''Mooraa keenyaa gadi hin bane, namoonni tasa bahanii arganii dhufanii garuu hidhattoota WBO arguu natti himan,’’ jette.

Dubbii himaan Idil-adunyaa ABO-WBO Odaa Tarbii oppireeshinii gaggeessaa jirra kan itti fufu ta'u himuun, kaayyoon isaanii caasaa nageenya mootummaa fi kaampii waraana mootummaa haleeluu akka tahe himaniiru.

Mootummaan hidhattoota kanneen irratti tarkaanfii akka fudhatu yeroo garaagaraatti himaa turuun isaa ni yaadatama.

Haatahu malee haleellaa qilleensarraa hidhattoota irratti fudhatamuuf wal qabatee Wallagga Lixaa aanaa Boojjii Dirmajjii magaalaa Biilaatti namoonni nagaan hedduu ajjeefamuu, hedduun miidhaaf saaxilamu maatii miidhamtootaa fi maddeen buufataalee fayyaa irraa BBC’n odeeffateera.