Bataskaanni Ortodoksii Marii Biyyaalessaarratti 'affeeramuu dhabuun mufatte'

Madda suuraa, EOTC
Marii Biyyaalessaarratti hirmaachuuf waamichi akka hin dhiyaanneefi kanaanis ''mufachuu'' Sinodoosiin Bataskaana Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa beeksise.
Sababa kanaanis, dhimma bataskaanaafi fedhii ishee ilaalchisuun garee mootummaafi Komishinii Marii Biyyaalessaa waliin dubbatu hundeessuu ishee Qulqulluun Sinodoosii Bataskaanichaa beeksiseera.
Sinodoosichi kana dabalatee murteewwan kaan kan beeksise walgahii idilee ALI Caamsaa 21 hanga 28’tti gaggeesse yeroo xumureetti ibsa baaseeni.
Ibsa kana keessatti rakkoowwan Itoophiyaa keessa bubbulan furuuf sochii Marii Biyyaalessaa adeemsisaa jiru keessa qooda ofii akka taasiftu waamichi osoo hin taasifamin akka hafe ibseera.
Komishinichi bataskaanicha osoo qooda hin fudhachiisin ‘’hirmaattotaafi ajandaa adda baasuu xumuruun gara marii seenaa jiraachuun isaan mufachuu'' ibsa keessa eerameera.
Akkaatuma kanaan Manni Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa Komishinii Marii Biyyaalessaa keessa akka hirmaattuufi ‘’mirgi ajandaa dhiheessuu akka mirkanaa’u’’ koreen komishinicha waliin haasa’u hundeessuu Qul. Sinodoosii ibseera.
Dhimma kanarratti Komishiniin Marii Biyyaalessaa ibsa baaseen akkuma sochii eegaleen Yaa'ii Manneen Amantaa Itophiyaa waliin waliigaltee raawwachuufi jalqabaa eegalee waliin dalagaa akka jiru ibse.
Manneen amantaa miseensota yaa'ii kanaa ta'an keessaa tokko Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaati.
Komishinichi waajjira Qul. Sinodosiitti argamee mari'achuuf qophii ta'uus ibseera.
Komishiniin Marii Biyyaalessaa ''hunda galeessa miti'' jechuun qaamoleen garagaraa komii irratti dhiheessu, komishinichi garuu hunda simachuuf qophii ta'u irra deddeebiin ibsa.
Yeroo wal gahiin Qul. Sinodoosii guyyootaaf ture eegaleetti bataskaanattiin keessaafi alaan ‘’qormaata jabaa’’ keessa akka jirtu dureen bataskaanattii Abuuna Maatiyaas ibsanii turan.
Gareen haaraa hundaa’e hariiroo mootummaa waliin qabduufi marii biyyaalessaa keessatti qooda qabdu irratti xiyyeeffachuun kan hojjetudha.
‘’Hariiroo gaarii’’ Bataskaanaafi mootummaa gidduu jiraachuu qabuurratti jilli Abuuna Maatiyaasiin hoogganamu aangawoota mootummaa waliin akka ‘’mari’atu’’ ibsameera.
Haata’u malee, gareen yookiin jilli Qulqulluu Sinodoosiin hundaa’e dhimma maalirratti akka mari’atu wanti ibsame hin jiru.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Yeroo garagaraatti garuu bataskaanattifi hordoftootasheerratti haleellaan raawwataa turuufi mootummaan eegumsa barbaachisu akka taasisu Manni Kiristaanaa kuni gaafataa turte.
Akkasumas baatii Amajjii keessa Barreessaan Olaanaa Qulqulluu Sinodoosii Abuuna Pheexiros Ameerikaadhaa gara biyyaa yeroo deebi’an biyya akka hin seenne dhorkamaniiru.
Abuuna Phexiroos Paphaasii Duree Niw Yoorkiifi naannawichaa ta’unis kan tajaajilan yoo ta’u dhimmi isaaniis ammatti deebii hin argatiin jira.
Dabalataanis, Qulqulluun Sinodoosii ibsa isaa keessatti ifatti maqaan dhahu baatus miseensi Qulqulluu Sinodoosii fi Phaaphaasii Duree Baha Awustiraaliyaa kan ta’an Abuuna Luqaas dubbii falmisiisaa mootummaa mufachiise dubbachuu isaaniin walqabatee ejjennoo isaa ibseera.
Qul. Sinodoosii ‘’Biyya keenya Itoophiyaatti erga yeroo dhihootii dhibdee uumamaniifi rakkoolee yeroo mudataa jiru ilaalchisee ergaawwan Bataskaana bakka hin buune,’’ akka hin fudhanneefi cimsee akka mormu akka ta’e ibseera.
Dubbii Pahphaasiin kuni dubbatan hordofee Bataskaanni Ortodoksii ifatti akka dubbii kana akka balaaleeffattu mootummaan fedhii akka qabu yeroos ibsaa ture.
Abbaan Alangees bakkee dureen amantaa kuni hin jirretti himata banee torban darbe manni murtii hidhaa waggaa jahaa itti mureera.
Wal dhibdeewwan biyyattii keessatti mudatan lubbuu namoota hedduufi qabeenyi baay’ee manca’uu itti fufuu isaan akka isa gaddisiise Qul. Sinodoosii ibseera.
Rakkoowwan kanas mariin furuun akka barbaachisu waamicha dhiheesseera.












