'Fedhiin aangoofi maallaqaa dabaluun qormaata ta'aniiru- Abuna Maatiyaas

Madda suuraa, EOTC TV
Bataskaanni Ortodoksii Itoophiyaa rakkoo cimaa keessa darbaa akka jirtu Paatiraarkiin Mana Kiristaanaa Ortodoksi Tawaahidoo Itoophiyaa Abuna Maatiyaas ibsan.
Abuna Maatiyaas kana kan jedhan wal-gahii waliigalaa sinodosii bataskaanattii har'a eegalerratti yoo ta'u, qormaanni alaafi keessaa bataskaanattii akka mudatan dubbatan.
"Bataskaanni Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa yeroo ammaa qormaata cimaatu ishee mudataa jira; qormaanni alaa kan hin oollef yoo ta'ellee, isaan olitti qormaatileen keessaa ka'an ergama ishee akka sirnaan hin bahanneef gufuu itti ta'aniiru," jedhan Abuna Maatiyaas.
Dabaluunis bataskaanittii keessatti fedhiin muudamaafi maallaqa jaallachuu dabalaa dhufuu, gargar bahiinsi, wal-qoccoluufi akkuma argan dubbachuun dabalaa dhufuu himuun kuni ammoo "dhageettii amantoota biratti qabnu ture nu jalaa hir'isuuf jedhu," jedhan.
Ofii of muudun Bataskaana Ortodoksii Itoophiyaa keessatti mul'ataa jiraachuu kan ibsan Abuna Maatiyaas, "namoonni keessoo keenyaa" rakkoo alaa dhufuuf haala mijataa uumera jechuun nageenyafi tokkummaa bataskaanattiirratti yaaddoo uumuu ibsan.
Waggaa tokko dura abbootin amantaa bataskaanattii sinodosii kan biraa hundeessuu beeksisuusaanii hordofee rakkoon cimaan bataskaanittii keessatti dhalatee ture.
Kanarraa ka'uun MM Abiy gidduu seenun wali-galteerra gahamuun ni yaadatama.
Haa ta'u garuu Abuna Maatiyaas jalqaba kora sinodosiirratti haasaa har'a taasisaniin, ammayyuu bataskaanittiin qormaatawwan alaafi keessoo keessa jiraachuu himan.
Paatiraarkichi ergaa dabarsaniin waggoota darban keessa yakkoonni garaa garaa raawwatamuu ibsuun sinodosichi araara buusuf akka hojjatu waamicha dhiyeessan.
Yakka hojjatame araara, dhiifamaan cufanii bira darbuun yakkoonni wal-fakkaatoon akka hin mudanneef sirni jabaa ta'e ijaaramuu akka qabus waamicha godhan.
Dabaluunis, wal-dhabdeen biyyattii keessa jiru uummataaf qormaata ta'uurraa kan ka'e, maddeen qormaata bataskaanattii mudatan keessaa tokko kana ta'uu himan.












