Lammiileen Itoophiyaa Afrikaa Kibbaa jiraatan paartiin kam filannoo akka mo'atu barbaadu?

Lammiileen Afrikaa Kibbaa sagalee isaanii kennaa jiru

Madda suuraa, Getty images

Uummata Afrikaa Kibbaa keessaa %3 kan tahan [miliyoona 2.4] kan tahan baqattootadha. Baqattoota kanneen keessa ammoo lammiileen Itoophiyaa kumaatamni jiru.

Lammiilee Itoophiyaa hojii daldalaa irratti bobba'aniif bakka filatamtuu kan taate Afrikaan Kibbaa har'a filannoo gaggeessaa jirti.

Lammiileen Afrikaa Kibbaa baqattootni hojii nurraa fudhatan jechuun yeroo adda addaa hookkara kaasaa turan. Yakkis biyyichatti baay'ateera.

Waggoota muraasa darban keessa Itoophiyaanota dabalatee baqattoota biyyoota kaanii irratti haleellaan raawwatu akkaan dabaleera.

Human Right Watch gabaasa dhiyeenya baaseen lammiileen biyyoota alaa yeroo duula filannoo kana akka sababaatti oolfamaa jiru waan taheef of eeggannoo gochuu qabu jedhe.

'Lammiileen Itoophiyaa qixuma uummata biyyichaa bu'aa filannichaa eegu'

Waggoota 23'f Afrikaa Kibbaa kan jiraatee fi gaggeesitoota hawwaasa Itoophiyaa keessaa tokko kan tahe Daawwit Tawaldemaariyaam, yoo paartii haaraan filannicha mo'ate maaltu akka uumamu waan hin beekamneef lammiileen Itoophiyaa biyyicha jiraatan, paartii ANC akka mo'atu barbaadu jedhe.

Dhalattuun Itoophiyaa biraa waggoota 20'f Afrikaa Kibbaa jiraachaa jirtu Ma'aazaa Tasfaayee, carraa ANC injifachuuf qabu guddaa tahus, paartiin kamiyyuu gara aangootti yoo dhufe jijjiirama hin qabu jette.

Naannoo daldala isheetti manneen hojii cufaa tahuu kan himtu Ma'aazaan namootni karuma nagaa bahanii sagalee isaanii kennaa jiraachuu himte.

Waggota 16 tahaniif Afrikaa Kibbaa kan jiraachaa jiruu fi Biiroo Haqa biyyattii keessa kan hojjetu akkasumas biiroo tajaajila gorsaa baqattoota Itoophiyaaf kennu kan bane Kosmoos Gabremikaa'el, bu'aan filannoo bara kanaa haalaan eegamaa jira jedhe.

''Itoophiyaanotni biyyicha jiraatan qixuma uummata biyyattii bu'aa filannichaa eegaa jiru'' jedhe.

Hojii dhabdummaa, yakki babal'achuu, dhimma baqattootaa, kufaatii dinagdee fi tajaajilli ibsaa addaan cicituun dhimmoota jajjaboo filannichi irratti xiyyeeffatudha.

Erga 1994 aangoorra kan jiru paartii ANC barana morkii jabaatu isa mudata. Paarticha keessaa ari'amuun paartii Economic Freedom Fighters gurraachota Afrikaa harka qalleeyyii tahaniif sagalee tahuun waan beekamuuf filannoo kana irratti xiyyeeffannoo guddaa argateera.

'Paartiin haaraa mo’atu yoo jiraate maaltu akka uumamu hin beeknu'

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Akka Daawwiit jedhutti paartileen mormituu Afrikaa Kibbaa diinagdeen biyyattii kufuufi humni ibsaa adda ciccituuf ANC itti gaafatamaa godhu.

''Diingdeen kufeera. Hanqina hoggansaa natti fakkaata. Mormitoonni ANC kanaaf gaafatamaa dha,'' jedhu.

Paartiin ANC mormiin itti cimus carraan injifachuusaa bal’aa akka tahe ibsuun filannoon lammiilee Itoophiyaas ANC akka tahe hubachiisa.

''Paartiin haaraa yoo mo’ate maaltu akka uumamuu danda’u hin beeknu. Akka lammii Itoophiyaa biyya kana jiraatu tokkootti ANC’n otoo mo’ateen jaaladha. Akka jirutti jiraachuu itti fufuun waan salphaa miti,'' jechuun kuni baqattootaaf waan wayyu akka tahe ibsa.

Kosmoos immoo dorgommii olaanaa keessa kan jiru Demookiraatik Alliyaans sagalee harka 30 ol akka argatu tilmaama.

ANC’n sagalee harka 40 akka argatuufi isa hafe paartileen EFF, Inkaataa Firiidam Paartii(IFP) Akshiin SA fi paartii pireezidantii duraan Jaakob Zuumaa MK wal-duraa duubaan sagalee argatu jechuun tilmaamni kennameera.

Qindoomina uumuutiin sagalee fooyya’aa argachuu kan danda’an IFP, EFF fi DA akka tahanis amana.

Demookiraatik Aliyaans baqattootaaf balaa akka tahe kan himu Daawwiit, paartii Juuliyas Maalemaa EFF’n ala paartileen jiran ''baqattoota hin fudhatan’’ jechuun hubachiisa.

Ma’aazaan gamasheen waggaa shan shaniin filannoon gaafa taasifamu ''baqattoota asii baasna'' jechuun sagalee akka isaaniif kennan duula akka geggeessan himti.

''Daldala irratti akka keenya lammiileen Afrikaa baayyee waan hin hirmaanneef, godaantota baasnee hojii isiniif kennina jechuun duula geggeessuu,'' jechuun ibsiti.

Haa tahu malee waggoota darbanitti filmaata argiteen ''waan geeddarame tokkollee hin jiru,'' jechuun baranas waan geeddaramu jira jettee waan eegdu akka hin jirre himti.

Kosmoos waan isa yaaddessu qajeelfama ''the white paper’’ jedhamuufi ministeera alaan ragga’e godaantotaaf kan sodaachisu dha.

Qajeelfamni kuni godaantota kan mirga dhorkuufi Afrikaan Kibbaa waliigaltee godaantotaa UN irratti mallatteessite keessaa akka baatu kan gaafatuudha.

Biyya lammiileen Itoophiyaa qabeenya itti horataniifi biyyoota kaanirraa simannaa godaantotaa irratti haala fooyya’a kan qabdu Afrikaa Kibbaa jijjiiru mala.

''Seerri kuni lammiilee Itoophiyaaf balaa dha. Hojimaata baqataa haaraa tokkollee akka hin simanne taasisu dha'' jedha Koosmoos.

''Godaantoti daandii irratti yoo hidhaman, hattuun otoo cubeen isaan waraanee seeraan ala waan tahanif buufata poolisii deemanii himachuu hin danda’an,'' jechuun yaaddoosaa ibsa.

Filannoon booda qajeelfama kanarratti waan geeddaramu jiraachuusaaf mirkanaan dubbachuu hin danda’u.

'Baqattootaaf waan geeddaramu baayyee hin jiru'

Adeemsi sagalee kennuu har’aa haala gaarii taheen raawwachaa akka jiru kan himu Daawwiit paartiin DA baqattootaaf balaa guddaa dha jedha.

Ma’aazaan immoo ANC’n mo’achuunsaa waan hin hafne tahus EFF baqattootaaf waan fooyya’aa qaba jechuun dubbatti.

''Maalemaan hamma yoonaa filamee arguu baannus ‘’Afrikaan Afrikaadhuma. Tokkuma nuyi,’’ jechuun baqattotaaf ejjennoo jabaa qaba,'' jetti.

Kosmoosillee akkasuma EFF’n ''akka dhuunfaatti deeggarus akka biyyatti milkaa’uu danda’aa waan jedhu gaaffii biraati,'' jedha.

Paartiin DA jedhamu baqattootaaf gaarii tahuu baatus jedha Koosmoos naannoo inni jiraatutti fudhatama olaanaa akka qabu hima.

Gaaffiin uummataa guddaan diinagdeen akka fooyya’u, dhiyeessi manaafi humna ibsaa woyyaa’aa argachuu tahuu lammiileen Itoophiyaa kunneen waliigalu.

Ma’aazaan dhimma baqattootaa duula filannoof fayyadamuun alatti baqataaf waan geeddaru qaba jettee hin yaaddu.

Afrikaan Kibbaa akka biyyaatti akka itti fuftuufi diinagdeenis akka fooyya’u paartiin hojjetu uummtaan filatama jedhee amana Koosmoos.

Paartiin ANC mormitootaan qeeqamu ammallee sagalee caalmaa akka argatu eega. Diingdee, humni ibsaa addaan cituufi hojii dhabdummaan ala dhimmi ijoo biraan yakki dabalaa dhufuu dha jedha Daawwiit.

Akka gabaasoti agarsiisanitti waggoota darban keessatti saamicha, gudeeddiifi ajjeechaan sadarkaa olaanaan babal’ateera.

Baatii sadan darban keessatti garaagarummaa daqiiqaa 20’n namni tokko kan ajjeefamu yoo tahu, guyyaa guyyaatti dubartoonni 130 gudeedamu.

Mata bowwaan Afrikaa Kibbaa inni biraan qodinsa qabeenyaa haqa qabeessa hin tane dha.

Sooreyyiin Afrikaa Kibbaa galii biyyattii harka 70 tahu kan to’atan yoo tahu, hiyyeeyyiin biyyattii harka 40 tahan galii biyyattii harka 7 qofa qabatu.

Sirna qollifataa Appaartaayidii qabsoon kan kuffise ANC’n filannoo miilanaan sagaleen argatu yeroo jaqabaaf harka 50 gadi bu’uu akka danda’u qorannoon dursaa taasifame agarsiisa.