Pirezidantii Afrikaa Kibbaa bu'aan filannoo gaarii hin taane isaan mudate

Prezidantiin Afrikaa Kibbaa Siiriil Raamaafoosaan, erga paartiinsaanii Kongireesii Biyyoolessaa Afrikaa (ANC), kan waggoota 30 dura erga sirni Appaartaayidii kufee asitti yeroo jalqabaaf sagalee caalmaa dhabee booda, paartiin isaanii bu’aan filannoo rakkiisaa ta’e mudachuu amanan.
Paartiin ANC kan yeroo tokko Neelsan Maandeellaadhaan durfamee ture, filannoo Roobii darbe gaggeeffameen teessumma paarlaamaa 400 keessaa teessoo 159 qofaa kan injifate yoo ta’u, kan kanaan duraa 230 irraa gadi bu’eera.
Obbo Raamaafoosaan ammalleen bu’aa filannoo kana akka injifannoo dimokiraasiitti ibsuudhaan, paartiileen mormitootaa akka bu’ura isaan walfakkeessuu barbaadaniif waamicha taasisan.
Ammattis marii gamtaa hundeessuuf qophaa’aa kan jiran fakkaatu.
Paartiin mormituu Aliyaansi Dimokiraasii (AD)n Obbo Raamaafoosaa walin gamtaa uumuudhaaf mari’achuudhaaf banaa ta’u ibsuun, garuu haal-dureewwan ijoo motummaasaa mormeera.
Sagalee hunda lakkaa’ameen booda ANCn parsantaa 40 kan xumure yoo ta’u, bu’aa filannoo darbe argate irraa parsantaa 58 gadi bu’uu Komishiniin Filannoo Dilbata kaleessaa ibseera.
Kunis haala hamaa paatichi sodaataa tureen %45 gadi ta’uu xinxaltoonni himaniiru.
Kanaafuu ANC amma mootummaa ijaaruudhaaf tumsa paartiilee kaan argachu qabaata.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
‘‘Ummanni keenya dubatanii ture, nuti jaalannuus dhiifnuuf ummanni dubbatee ture’’ jedhan Raamaafoosaan.
‘‘Akka dursaa paartiiwwan siyaasaatti, akka hundi hawaasa keessatti eddo itti gaafatamummaa qabnuutti, sagalee ummata keenyaa dheenyeerra. Fedha isaaniis kabajuutu nurra jira.’’
Itti dabaluunis, filatoonni paartileen akka bu’uura walfakkaataa barbaadan fedhu jedhan.
‘‘Karaa sagaleesaanitiin, haala ifaa ta’een dimokiraasiin keenya cimaafi kan dandamatu ta’u agarsiisaniiru,’’ jedhan.
Paartiileen siyaasaa biyyattii waliin hojjachuun gamtaa hundeessuudhaaf torban lama qabu. Isaan booda paarlaamaa haaraan pirezidantii filachuuf walgaha.
Paartiin DA teessuuma 87 qabachuudhaan paarlaamaa keessatti paartii guddicha lammaffaa ta’un turuus gamtaa hundeessuuf mari’achuuf banaa ta’u hime.
‘‘Namoonni kaan kanneen heera mootummaa keenya fi waan inni bakka bu’u jaalatan hunduu siyaasa xixiqqoo fi dantaa cinaa dhiisanii amma harka akka walqabanan gaafanna,’’ jedhan hogganaan DA Joon Iseenhuseen.
Haa ta'u malee, paartiin isaanii hojiiwwan ijoo ANCn dursa kennaniif lama mormeera. Isaanis, imaammata aangeessuu gurraachotaa, kan bara sanyummaa Appaartaayidii keessatti akka loogiin irratti raawwatame hordofuun dinagdee keessatti qooda gurraachootaaf kennuuf kaayyeffateefi Labsii Inshuraansii Fayyaa Biyyaalessaa (NHI) addunyaa maraaf kunuunsa fayyaa kennu hundaaf waadaa seenuudha.
ANCn ammo imaammattoonni lamaan marii gamtaa hundeessuu keessatti kan irratti hin mari’atamne ta’uu ibseera.
Pirezidaantiin duraanii Jaakoob Zuumaa amma Paartii uMkhonto weSizwe (MK) kan teessoo 58n sadarkaa sadaffaa qabate kan hoogganan yoo ta’u, bu’aan filannoo wayita labsamuutti kan irratti osoo hin argamiin, mormuu akka danda’an garuu yaada dhiyeessan turan.
Paartiin MKn ammo ANC waliin hojjechuuf akka qophaa'u himuudhaan garuu osoo Mr Raamaafosaadhaan hogganamu miti jedhe.
Bara 2018 waldhabdee aangoo hadhaawaa taasifameen booda Aab Zuumaan aangoo pirezidaantummaa fi dursaa ANC ta’uun bakka bu’anii ture.













