Joo Baayidan si'a sadaffaa Covid-19 qabaman

Pirezidaantin Ameerikaa Joo Baayidan Covid-19 qabamuu waajjirri isaanii Waayit Haawus beekise.

Akka ibsa Waayit Haawus kanatti yeroo ammaa mallattoon Covid-19 giddu galeessa ta'een dhukkubsataa jiru.

Pirees Sekretarii Waayit Haawus kan taate Kaarin Jiin Piir miidiyaatti akka dubbattetti, Joo Baayidan talaallii fudhatanii turan.

Kanaan duras Baayidan si'a lama Covid-19 qabamanii irraa fayyan. Kan ammaa kanaan si'sa sadaffaa qabamuu isaaniti.

Joo Baayidan manguddoo ganna 81ti. Umuriin dulloomuusaanii wajjin wal-qabatee dhibeen kun itti cimuu dandeessi kan jedhus yaaddon jira.

Roobii, Adooleessa 17, gara Laas Veegas imaluun deeggartoota isaanif haasaa osoo taasisanii mul'ataniiru.

Galgaluma kaleessaa haasaa duula na filadhaa karoorfatanii turan haqaniiru.

Baayidan Covid-19 qabamanii dhukkubsachuunsaanii yeroo dhiibban keessoo paartiisaaniifi morkataa isaanii Donaald Tiraamp irraa itti cimetti.

Miseensonni paartii Dimokiraatotaa heddus 'dulloomtaniittuu baallii nama biraatti dabarsaa' jechuun dhiibbaa irratti gochaa jiru.

Dhiibban kun kan eegale erga Baayidan falmii Tiraamp waliin gaggeessan irratti gahuumsa gadi aanaa agarsiisan jedhamanii asiidha.

Filannoo Sadaasa dhufu gaggeeffamurratti bakka Baayidan namni biraa Dimokiraatota bakka bu'ee akka dorgomuuf dhiibban keessoo godhamaa jira.

Baayidan garuu "Waaqarraa yoon dhagahe malee dorgomuu hin dhiisu" jedhanii ture.

Miidiyaaleen akka gabaasanitti gaggeessa Seneetii Ameerikaa kan ta'an Chaack Shuumarifi gaggeessan mana maree biyyattii Hakiim Jeferiis dhuunfan Baayidan wajjin wal-arguun namni biraa bakkasaanii akka dorgomuuf yaada dhiyeessun fedhii paartii Dimokiraasii keessa jirus gurra buusaniiru.

Amma Covid-19 qabamuusaanii hordofee Baayidan mana jireenyasaanii Delaware keessa namarraa adda baafamanii kunuunsi godhamaafii akka jiru Waayit Haawus beeksise.

Achuma taa'anii hojiisaanii idilees gaggeessaa jiru jedhame.

Doktarri isaan yaalu Keevin O'Connor akka jedhetti, Joo Baayidan mallattoolen akka qufaasisuufi funyaan keessaa dhangala'aan bahuu hordofee qorannoo taasifameefin Covid-19 qabamanii amma waldhaansi godhamaafii jira.