Barattoota Yihudootaa eeguu dadhabe jechuun Tiraamp Yunivarsiitii Kolumbiyaa irraa doolaara miliyeena 400 kute

Madda suuraa, Getty Images
Bulchiinsi Tiraamp Yunivarsiitiin Kolumbiyaa mooraasaa keessatti jibbiinsa sababii malee Yihudootarra gahu dhaabuu dadhabe jechuun battalumatti maallaqa yunivarsitiichi federaalaarra argatu doolaara miliyoona 400 kute.
Ibsi ejensiiwwan federaalaa afur baasan akka jedhetti, kutamuun maallaqaa kun ''arrabsoo barattoota Yihudootaarra gahu dhaabuu dadhabuu isaanii irra kan ka'u."
Kolleejjiin Niiw Yoork kun bara darbe giddugala hiriira deeggartoota Filisxeem ture. Waraanni Gaazaa akka dhaabatuu fi deeggarsa Ameerikaan Israa'eliif taasiftu mormaa turan.
Jalqaba torban kanaa Pirezidaant Tiraamp manneen barnootaa fi yunivarsiitiiwwan "mormii seeraan alaa" hayyaman irraa maallaqa akka kutan doorsisanii turan.
Ministirri Barnootaa Liindaa MakMaahon ibsa Jimaata darbe kennaniin barattoonni Yihudootaa mooraa isaanii keessatti "jequmsa hin dhaabanne, doorsisaa, fi doorsisa farra Yihudootaan miidhamanis, aanga'oonni yunivarsitiicha tarkaanfii fudhachuu didan," jedhan
"Har'a, kana booda tarkaanfii fudhachuu dhiisuu isaaniif obsa akka hin qabne Kolumbiyaa fi yunivarsiitiiwwan biroof agarsiifna," jette.
Dubbi himaan Kolumbiyaa, yunivarsiitichi beeksisa kana ilaalaa jiraachuu fi maallaqni kun federaalaarra akka deebi'u mootummaa waliin hojjechuuf waadaa galuu BBC'tti himaniiru.
"Dirqama seeraa Kolumbiyaa ni kabajna, beeksisni kun hangam hamaa akka ta'e hubanneerra. Farra Yihudootaa dhaabuu fi nageenyaafi nageenya barattoota, barsiisotaa fi hojjettoota keenyaa mirkaneessuuf kutannoo qabna," jette.
Kolumbiyaan yunivarsiitiiwwan US keessatti beekamoo ta'an keessaa tokko yoo ta'u, barattoota gara 30,000 qaba.
Bara darbe yunivarsitiicha keessatti barattoonni waraanaa Israa'el Gaazaa keessatti geggeessitu mormuun hiriira US keessatti isaa guddaa ta'e geggeesaa turan.

Madda suuraa, Reuters
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Waraanni Israa'el erga Hamaas Onkoloolessa 7 bara 2023 Israa'el irratti haleellaa raawwateen booda eegale.
Tarkaanfii waraanaa Israa'el fudhateen lammiileen Filisxeem gara 48,440 ta'an akka ajjeefaman ministeerri fayyaa Hamaasin geggeeffamu ibse.
Walii galteen dhukaasa dhaabuu baatii Amajjii keessa ga'ameera, garuu marsaan jalqabaa dhiheenya kana erga xumuramee booda sodaan dabalaa dhufeera.
Pirezidaantiin Kolumbiyaa Kaatrina Armstrong Jimaata darbe Imeelii yunivarsiitii guutuuf ergiteen "kun yunivarsiitii keenyaaf yeroo balaa guddaa'' jechuun barreessuu Niwu Yoork Taayims gabaaseera.
"Haquun maallaqni kun qorannoo fi hojiiwwan murteessoo yunivarsiitichaa biroo irratti dhiibbaa akka qabu, barattoota, barsiisota, hojjettoota, qorannoo, fi kunuunsa dhukkubsattootaa irratti dhiibbaa akka qabu gaaffii hin qabu," jechuun barreessiteetti.
Bara baajataa 2024, galii hojii yunivarsiitichaa waggaa irraa maallaqni federaalaa doolaara biiliyoona 1.3 akka ta'e gaazexaan barattoota Kolumbiyaa ibseera.
Murtee gargaarsa Kolumbiyaa irraa kutuu kan qeeqan Daarektarri Gamtaa Siivilii Niiw Yoorki Doonaa Liibermaan, tarkaanfii kun seeraan alaa ta'uu fi "kolleejjii fi yunivarsiitiiwwan haasaa barattootaa fi duula yaada Tirampii hin deeggare kanneen akka Israa'el qeequu ykn mirga Filisxeem deeggaruuu akka dhorkan taasisuuf jetti.
Ebla darbe, mormitoonni Filisxeem deggeran gamoo yunivarsiitii Kolumbiyaa Hamilton Hall jedhamu, maqaa 'Hind's Hall' jedhu itti moggaasan. Kun yaaddannoo daa'ima ganna shanii, Hind Rajaab, kan humnoota Israa'eliin Gaazaa keessatti Amajjii 2024 ajjeefamteef.
Mormiin kun pirezidaantiin Yunivarsiitii Kolumbiyaa Minuchee Shafiik akka hojii gadhiisan taasise. Isheen pirezidaantii Yunivarsiitii guddaa kan sababa mormii waraana Gaazaa irratti hojii gadhiisan sadaffaa taate.
Miseensan garee barattootaa Yihudootaa tokkoo Kolumbiyaa adabuuf tarkaanfii fudhatame kana simachuu isaa dhaabbata oduu Asoosheetid Preesitti himeera.
Hiriirtonni Filisxeem deggeran dhiheenya kana Kolumbiyaatti mormii itti fufaniiru.












