Barattoonni yunivarsiitiiwwan US mormiitti jiran maal barbaadaniiti?

Madda suuraa, Getty Images
Mooraawwan kollejjoota guutummaa US keessa jiran barattoota waraana Gaazaa keessatti gaggeeffamu mormaniin dhuunfatamaniiru.
Kan Kibxata darbe Niw Yoork kessatti Yunivarsiitii Kolombiyaa keessaa halkan qabaman dabalatee barattoonni kumaa ol to'atamaniiru.
Yunivarsiitiiwwan baayyeen yeroo eebbaaf qophaa'aa jiran kanatti, barattoota dunkaana yunivarsitiiwwan keessa buufachuun mormiitti jiraniin muddamaa jiru.
Barattoonni waraana gaazaa keessatti gaggeeffamu maliif mormuu?
Haleellaa Onkoloolessa 7 Hamaas gaggeesseefi waraana haaloo ba'uu Israa'el gaggeessitu ilaalchisuun barattoonni hiriira waamun, manaa ba'uu dhiisuun, nyaata lagachuun, akkasumas erga dhiyoo as ammoo mooraa keessa dunkaana buufachuun waraanicha mormuu itti fufaniiru.
Dhaabileen barnootaa barattoonni mormiitti jiran itti baratan kunneen hedduun isaanii qabeenyaafi kampaniiwwan gurguddaa of jalatti qabu.
Barattoonnis qabeenyaafi kampaaniiwwan yunivarsiitota kana jalatti bulan akka Israa'el hin tumsine ykn hojii invastimantii Israa'el waliin qaban akka dhiisan gaafachaa jiru.
Afaan isaaniitiin 'divest' jedhu. 'Divestment' jechuun ammoo istookii kampaaniiwwan Israa'el akka gurguran ykn hidhata maallaqaa waliin qaban akka addaan kutan jechuudha.
Yunivarsiitiin qorannoo laboraatoorii irraa kaasee hanga fandii carraa barnootaatti kan isa barbaachisu dolaara biliyoonaan lakkaa'amu harka caalaa kan argatu invastimantii hojjeturraati.
Yunivarsiitii Kolombiyaatti maaltu ta'e?
Kibxata galgala poolisiin mooraa seenuun bakka barattoonni deeggartoota Filisxeem ta'an gamoowwan gidduu dunkaana buufatanii mormii gaggeessaa jiranii isaan bittinneesse.
Poolisoonni kora bittinneessan mooraa seenuun barattoota Galma Hamilton darbii lammaffaarra dhuunfatanii mormiitti jiran guuree konkolaataawwan poolisiitti isaan naqe.
Tarkaanfii fudhate kanaan booda poolisiin ibsa baaseen mormitoota hunda bakka buufatanii jiranii qulqulleessuun muddamni achi ture yeroof dhaabbatee ture jedhe.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Mormiin barattootaa kun jalqaba ji'a darbee keessa jalqabe.
Pirezidatiin Yunivarsiitii Kolombiyaa Minoochee Shaafik mooraa Yunivarsiitichaa keessatti farri-sanyii warra Seem deemsifamaa jiraachuu Kongirasiitti dhiyaattee yeroo ragaa baatetti, barattoonni dhibba hedduutti lakkaa'aman mooraa Apper Manhaataan keessa dunkaana buufatanii mormaa turan.
Guyyaa barattoonni dunkaana buufatanii mormuu jalqaban buleesaa akka itti fufneef ittisuuf yaaliin barattoota jumlaan to'achuuf taasifame hin milkaa'iin hafe. Dhaabsisuun hafee barattoota kollejjoota guutummaa US keessa jiran biroo mormiif kakaase.
Kana hordofee Kolombiyaa keessatti barnoonni qaamaan dareetti argamanii barachuun haqameera.
Mariin waldhibdee dhalate furuuf taasifames addaan cite. Dunkaana buufatanii mormiin deebiyee gamoowwan Yunivarsiitichaa hunda keessatti babal'annaan ammas poolisiin irra deebiin waamame.
Yunivarsiitichi akka jedhetti, galmi manca'eera, karaafi karri cufamanii turan. Kanaaf, poolisiin barattoonni hafan akka gadi yaa'anii dunkaan buufatanii lafa hin guutneef hanga Kibxata waariitti galgalaatti ittisuuf yaalaa ture.
Barattoonni bakka biroo eessatti mormii gaggeessaa jiru?
Rakkoon Yunivarsiitii Kolombiyaa keessatti jabaachaa dhufe gocha walfakkaataa dunkaana buufatanii mormuu guutummaa biyyattiitti akka babala'tu taasise. Fakkeenyaaf, mormiin kun bakka itti babal'atan keessaatti kunneen ni argamu:
Naannoo Kaaba-bahaarraa: Joorj Waashingitan; Biraawun; Yeel; Harvaard; Emersan, Yunivarsiitii Niw Yoork (NYU); Joorjitawan; Ameerikaa; Yunivarsiitii Oof Mariilaand; Joon Hopkiins; Taaftis; Koornel; Yunivarsiitii Oof Pensilveeniyaa; Piriinistan; Teempel; Noorziist; MIT; Ze Niwu Iskuul; Yunivarsiitii Oof Roochester; Yunivarsiitii Oof Piitarsibarg
Weest Koost: Kalifoorniyaa Isteet Poliitek; Humbooldit; Yunivarsiitii Oof Saawos Kaalifoorniyaa; Yunivarsiitii Oof Kaalifoorniyaa; Ohayoo Isteet;
Naannoo Miid-weest: Noorziweestern; Waashingitan Yunivarsiitii iin St Luuwis; Indiyaanaa Yunivarsiitii; Yunivarsiitii Oof Mineesotaa; Yunivarsiitii Miyaamii; Yunivartiitii Oof Michigaan; Univartiitii Oof Ohaayoo; Kolombiyaa Kollejji Chikaagoo; Yunivarsiitii Oof Chikaagoo
Kibba: Emoorii; Vaander bilt; Yunivarsiitii Oof Noorz Kaarolaayinaa; Chaarlootii; ; Chaappil Hiil; Keensaw Isteet; Filooriidaa Isteet; Virjiiniyaa Teek; Yunivarsiitii Oof Joorjiyaa; Ateens
Kibba-lixaa: Yunivarsiitii Oof Teksaas Awustiin keessatti; Raayis; Arizoonaa Isteet
Mormitoonni deeggartoota Filisxeem ta'an akkuma kana dhuma torban darbee mooraawwan yunivarsiitii biyyoota akka Awustiraaliyaa, Kanaadaa, Faransaay, Xaaliyaaniifi UK keessatti walitti qabamaniiru.
Yunivarsitiiwwan mormii ture akkamiin qabatan?
Yunivarsiitiiwwan tokko tokko keessatti barattoota rogeeyyii (aktivistoota) ta'an waliin mariyatanii kan waliigalan yoo ta'u, kaan keessatti garuu guyyaan dhumaa kaa'ameefiif ta'uu yoo didu gara poolisii waamuutti deeman.
Fakkeenyaaf, Wixata darbe Teksaas, Utaafi Verjiiniyaa keessatti barattoonni poolisiin to'atamanii ture. ]Haata'u malee, Boostan keessatti garuu Yunivarsiitii Noorz-weest keessatti mormitoota waliin waliigaluudhaan hanga baayyina dunkaaana buufatanii mormii taa'uu daangessuun danda'ameera.
Mormiiwwan kanneen hanga tokko keessatti gabaasaawwan farra sanyii-warra Seem jiraachuu hordofee, namoonni siyaasaa biyyaalessaa kana caalaa cimanii akka hojjechuu qabaniif kollejjootaaf waamicha taasisaniiru.
Barattoonni Yihudoota (Jeewish) ta'an mooraa baayyee keessatti barataa jiran wanti mudate kun akka miirrri hin tolle itti dhaga'amuufi sodaatan isaan taasisuu BBCtti himaniiru.
Jechoonni mormii osoo walirraa hin citiin dhaga'amanis, dhaadannoofi mallattoowwan garee seeraan akka shororkeessaatti ilaalamu Hamaasiin deeggaruu, fajoo/muggutiifi doorsisni mul'atan turaniiru.
Mormiin kun hojjeteeraa?
Gareen barattootaa deeggartoota Filisxeem ta'an waggootaaf dhaabbileen isaan keessa baratan Israa'el fi dhaabilee Israa'el akka lagachuu, waliin biizinasii hojjechuu dhiisuu ykn invastimantii waliin hojjechuu dhiisuu, qoqqobbii irra kaa'uufi kaan dabalatee dhiibbaa irratti taasisaniif waamicha taasisaa turaniiru.
Hangi tokko addatti hidhata maallaqaa waliin qaban addaan kutan jiraachuurraa kan hafe, yunivarsiitiin US kamiyyu dhiibbaa akka taasifamuuf gaafatame kana kan hojiirra oolche hin jiru.
Dhiibbaawwan tarkaanfii akka lagachuu, waliin hojjechuu dhiisuu, qoqqobii kaa'uufi kaan kuuneen waraana Gaazaa irratti fidan xiqqaadha garuu, mormitoonni kunneen warra waraana kanarraa bu'aa argatan akka saaxilaman gochuufi dhimmi isaanii akka hubatamu gochuu danda'aniiru.
Barattoonni waraana Veetinaam mormuu dur ture maaliif yaadtan?
Aktivistoonni Kolombiyaafi bakka kaan jiran mormiiwwan baroota 1960 gra dhumaa keessa waraana US Veetinaam keessatti gochaa turte yaadatan.
Yeroo sanatti barattoonni kumaan lakkaa'aman to'atamaniiru, poolisii waliinis walitti bu'insa hamaatu gaggeeffame ture.
Bara 1970 yeroo Eegduun Biyyaalessaa dhukaase barattoota mormiirra turanitti banetti Ohaayoo keessatti barattoonni afur ajjeefamuun isaanii ni yaadatama.
Ajjeefamuun isaanii ammoo guutummaa biyyatti mormii barattootaa kakaasuun yunivarsitiiwwan dhibbaan lakkaa'aman akka cufamu taasisee ture.













