Mormiin waraana Gaazaa yunivarsitiiwwan US raase akkamiin babal'ate?
Yunivarsitiiwwan US bebbeekamoo keessatti mormii waraana Gaazaa keessa jiru ilaalchisuun gaggeeffamu babal'ateera. Kana hordofee ammoo jumlaan barattoota hidhuun raawwatamaa jira.
Mormii kana ilaalchisuun ergaan miidiyaalee hawaasaarrati maxxanfaman baayyinaan Intifada-'diddaa biyyoota Arabaa' waliin walqabsiisu.
Namoonni tokko tokko “Intifada Hayyootaa” jechuun gara sadarkaa “Intifada sadarkaa idil-addunyaatti” guddachuu qaba jechaa jiru.
Barattonni daree barnootaa keessaa ba’anii dunkaana buufachuun duula waraanaa Israa’el Gazaa keessatti gaggeessaa jirtu mormaa jiru.
Dhaabbileen barnootaa mormiin kun keessatti dhalatan Niiwu Yoork keessatti kan argaman Yunivarsiitii Kolombiyaafi Yunivarsitii Niwu Yoork, Berkeliitti kan argamu Yuunivarsiitii Kaaliforniyaa, akkasumas Yunivarsitii Michigaan keessatti argamu.
Bostan keessa kan jiran Kollejjii Emersan fi Yunivarsiitii Tuuftis keessatti, akkasumas Kaambiriijitti dhiyoo kan jiru Inistitiyuutii Tekinooloojiii Masaachuseetis (MIT) keessatti mormiin gaggeeffamaa jira.
Barattoonni hiddi dhaloota isaanii Yihudii ta’an baayyeen haalli mooraa keessa jiru sodaachisaadha jechuun yaaddoo qaban ibsachaa jiru.
Akkamiin jalqabee, akkas finiine?
Viidiyoo kana daawwadhaa



