Fesbuukiin Itoophiyaatti hokkora kakaasuun beenyaa birrii biil. 100 ol akka kaffalu himatame

Madda suuraa, Reuters
Himanni Facebook irratti dhiyaate yeroo walwaraansi Itoophiyaa keessa jiru algoorizimiin Fesbuukii jeequmsii fi haasaan jibbiinsaa akka babal’atu gargaare kan jedhuudha.
Abirhaam Maahirag, abbaan isaa barsiisaa kan turaniifi Fesbuukii irratti haleellaafi doorsifni irra gaheen booda ajjeefaman, warreen himata banan keessaa tokkodha.
Namoonni himata banan miidhamtoota namoota haasaa jibbiinsaa facebook'n saaxilamaniif dolaarri biliyeena 2 [birrii Itoophiyaa biiliyoona 100 ol] akka kaffalamu fi algoorizimiin facebook akka geeddaramu barbaadu.
Kaampaniin Meta ammoo gama teknoloojiitiin haasaa jibbinsaa haquuf kan duraani caala hojjataa fi ammayyeessa jiraachuu hime.
Bakka bu’aan Meta akka himanitti, haasaan jibbinsaa fi jeequmsa kakaasuun faallaa seeraa facebookti.
‘’Hojiin nageenyummaa fi amanamummaa hojjannu dub-deebii dhaabbileen Sivilii fi dhaabbileen idil-addunyaa biyyattii keessa jiran nuuf kennaniin qajeelfama,’’ jedhan bakka bu’aan Meta.

Madda suuraa, FOXGLOVE
Haala beela fakkaatan
Himannaan Mana Murtii Olaanaa Keenyaatti baname kun gartuu duula gaggeessan’’ Foxglove’’ jedhamuun deeggarama.
Meta’n wirtuu qabiyyeewwan maxxanfaman hordofu magaalaa guddoo Keeniyaa Naayiroobii keessaa qaba.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Waraana mootummaa Itoophiyaa fi humnoota Tigiraayi giddutti ka’een namoonni kuma dhibbaan lakkaa’aman du’anii ture.
Ji’a darbe qaamoleen lamaan walii-galteerra gahaniiru- ta'us garuu dhiyeenya kana hawaasa Afaan Oromoo fi Amaaraa dubbatan gidduutti walitti bu'iinsi hammaatee jira.
Bara darbe abbaan Obbo Maahirag jeequmsa Itoophiyaa keessatti mudateen miidhame.
Sadaasa 3, bara 2021 Pirofeesar Maahirag Amaare Abirahaam hidhattoonni qawwee hidhatan doqdoqeedhaan yuunvarsiitiirrra hanga mana isaatti hordofanii, mana maatii isaanitti erga dhiyaatanii rasaasaan rukutan.
Ilimi isaanii akka jedhutti, namoonni haleellicha raawwtan otoo abbaan koo dhiiguu namoonni akka hin gargaarre dhorka turan jedhe. Sa’aatii torbaaf lafaa otoo hin kaafamiin ciisee du’e.
"Haleellaan sun otoo hin qaqqabin dura maxxansa facebook irratti maqa-balleessii fi odeeffannoo waa’eesaatii maxxanfamaa ture," jedhe ilmisaa.
Maxxansi sun akka facebook irraa bu'uuf irra deddeebin gabaasan illee erga abbaan isaa ajjeefamee booda garuu maxxansi sun kan haqame.
Akkasumallee maxxansi biraa dhaabbatichi haquun irra ture hanga Mudde 8, 2022tti oonliyiniirra ture.
‘Hojii gahaa miti’
‘’Facebook haasaa jibbinsaa tamsaasuu otoo dhaabee fi waan maxxanfamus sirnaan hordofee abbaan koo amma yoonatti lubbu ni jiraata ture,’’ jedhe Maahirag.
Akka keenyatti maatiin biroo dararamuu akka hin qabne mirkaneeffachuun barbaada, Meta’n dhuunfaan dhiifama akka na gaafatuun barbaaa,’’ jedhe.
Facebook haasaa jibbiinsa fi jeequmsa kakaasu akka jajjabeessu mana murtiitti himate.
Warreen qabiyyee facebook Afrikaatti horodofan ‘’gahaa miti,’’ jechuun warri maxxansa Afaan Oromoo, Amaaraafi Tigree to'atan muraasa jechuun himate.
Meta’n BBCtti akkas jechuun hime;’’ Qabiyyeewwan qajeelfama cabsan to’achuuratti dandeetti qabnu caalatti cimsachuuf hojjattoota naannichaa beekumsa qabanii fi ogeeyyii afaan naannichatti bal’inaan dubbataman kanneen akka Afaan Amaaraa, Oromoo, Somali fi Tigiree beekan qacarra,’’ jedhe.












