Biraazil penaalitiin Kirooshiyaan mo'amtee Waancaa Addunyaan ala taate

Madda suuraa, Getty Images
Biyyi kubbaa miilaan maqaa guddaa qabdu Biraazil Kirooshiyaan injifatamtee Waancaa Addunyaa Kaataar qopheessaa jirtuun ala taate.
Tapha hirboo maayii [nuusa xumuraa] biyyoonni lamaan taasisan yeroo idilee daqiiqaa 90 keessatti galchii malee xumurame.
Yeroo dabalataa daqiiqaa 30 keessatti garuu biyyoonni lamaan tokkoofi tokkoon xumuran.
Biraaziliif Neyimaar lakkoofsisee osoo hin turiin Kirooshiyaaf jijjiiramee kan seene Pektovich lakkoofsise.
Penaalitiidhaan garuu Kirooshiyaan 4fi 2’n Biraazil injifachuun dorgommiin ala gooteetti.
Galchiin Neyimaar galche galchiiwwan 77 taphataan beekamaa Biraazil Pelee biyya isaaf galchen isa qixxesseera.
Biyyoota 16 keessaa Jaappaan rukuttaa adabbii xumuraan mo'attee kan dabarte kirooshiyaan, abbaa Arjantinaafi Neezarlaand keessaa mo'ate morkatti.
Akkuma yeroo kaanii biyyoota waancaa kana ol kaasu jedhamanii eegaman keessaa tokko Biraazil turte.
Kirooshiyaan Waancaa Addunyaa waggaa afur dura Raashiyaatti qophaa’e xumura geessee Faransaayin mo’amtee waancaa dhabuun ishee ni yaadatama.
Wal morkiin Waancaa Addunyaa Kataar qopheessite diraamaan guutamee itti fufeera.
Jimaata galgala sa’aatii afur irratti Arjantiinaan Neezarlaandiin morkatti.












