Ministeerri Barnootaa gosa barnootaa qormaata kutaa 12 irratti dhiyaataniifi hafan haaraa ifoomse

Barattoota mana-barumsaa mootummaa magaalaa Fnfinnee yeroo qormaatarra jiranitti

Madda suuraa, MINISTRY OF EDUCATION/FB

Ministeerri Barnootaa Itoophiyaa gosoota barnootaa qormaata kutaa 12ffaa irratti dhiyaatanii fi keessaa hambise haaraa ifa godhe.

Kanaan dura qormaata kutaa 12ffaa irratti dhiyaata kan ture barnoonni Lammumaafi Naamusaa akka hafu yoo taasifamu, barnoonni Ikonoomiksii ammoo warra Saayinsii Hawaasaa barataniif qormaata kutaa 12ffaa haaraa kanatti akka makamu taasifame.

Bara barnootaa kana keessa sadarkaa lammaffaatti sirna barnootaa haaraa hojiirra oolchuu kan jalqabe Ministeerri Barnootaa, gosa barnootaa kutaa 12ffaa irratti dhiyaatan jijjiiraa jiraachuu Amajji 18, 2024 xalayaa baaseen beeksise.

Akka xalayaan Ministeerri Barnootaa Biiroo Barnootaa Naannoleefi Bulchiinsawwan Magaalaatiif erge agarsiisutti, gosoota barnootaa qormaataaf dhiyaatanirratti jijjiirama taasisuun kan murtaa'eef sirni barnootaa haaraan hojiirra oolaa waan jiruufidha.

Sirni barnootaa haaraa barana hojiirra ooluu jalqabe kun, gosoota barnootaa kutaa 11ffaafi 12ffaa kennaman irratti jijjiiramni taasifame.

Haaluma kanaan barattoonni Saayinsii Uumamaa filatan barnoota kanneen akka Maanifaakchering, Konistiraakshin, Saayinsii Fayyaa, akkasumas barnoota Hojiifi Tekinikaa akka baratan taasifameera.

Barattoonni Saayinsii Hawaasaa ammoo gaazexeessummaa kan of keessatti hammate warra akka afaaniifi Saayinsii Hawaasaa fi Maarkeeting kan dabalatu dhimma biizinasiin walqabatan, akkasumas barnoota ogummaawwan aartii kanneen akka tiyaatiraafi fiilmii baratu.

Barnoota kutaa 11ffaafi 12ffaarratti kennamanitti kan haaraa dabalaman akkuma jiran, kanneen sirna barnootaa duraaniin turanii amma hir'faman ammoo jira.

Isaan keessaas, hanga kutaa 10ffaatti qofa akka kennaman kan taasifaman barnoota Lammumaafi Naamusaa, akkasumas Fayyaafi Jabina Qaamaa keessatti ni argamu.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Sababa sirna barnootaa haaraa hojiirra oolchuun jalqabameen gosonni barnootaa qormaata kutaa 12ffaa irratti kennaman, "beekumsa, dandeettiifi ogummaawwan" barattoonni akka qabaatan barbaadamu hangam barataniiru kan jedhu kan qoramanii ittiin ilaalamanidha jechuun BBCtti dubbatan Daarektarri Olaanaa Tajaajila Madaallii Barnootaafi Qorumsaa Dr. Isheetuu Kabbadaa.

Hoj-maata kanaan dura tureen barattoonni Saayinsii Uumamaa baratan gosoota barnootaa torba qoramanii firiin isaanii 700 keessaa galmaa'aaf ture. Gosa barnootaa ja'a kan qoraman barattoonni Saayinsii Hawaasaa ammoo firiin isaanii 600 keessaa qabamaaf ture.

Tarree qormaata kutaa 12ffaa haaraa ba'een garuu barattoonni Saayinsii Hawaasaas ta'an kan Saayinsii Uumamaa gosti barnootaa qoraman ja'a akka ta'u murtaa'eera. Sababa kanaan, gosti barnootaa Lammummaafi Naamusaa damee barnootaa lamaanuu keessaa baafameera.

Kanaan dura barattoota Saayinsii Hawaasaaf qormaata kutaa 12ffaa irratti kennamaa kan hin turre barnoonni Ikonoomiksii ammoo akka itti dabalamee qorataman taasifameera.

Akka ibsa Dr. Isheetuutti, barnoonni Lammummaafi Naamusaa qormaata kutaa 12ffaa irratti akka hin kennamne kan taasifameef, sirna barnootaa haaraa kanaan barnoonni kun kutaa 10ffaa booda waan hin barsiifamneefidha.

Dr. Isheetuun sababa barnoonni Ikonoomiksiin akka kanatti makameef yeroo ibsan, "Ikonoomiksiin kanaan duras tureera. Gidduutti yaadawwan qorannoo ka'anii qormaata keessaa akka bahe ni beekna. Amma garuu gara sirna barnootaati deebiyeera. Kitaabnis maxxanfameeraaf. Akka barataniif carraaqqii taasifama jiruun qormaataarratti warra dhiyaatanittis osoo dabalamee yaadonni jedhan ka'aniiru," jedhan.

Qormaanni kutaa 12ffaa barnoota kutaa 9ffaa irraa kaasee kennamu kan hammatu yoo ta'u, bara kana garuu qormaanni Ikonoomiksii kan kennamu kutaa 12ffaa keessaa qofa akka ta'e Ministeerri Barnootaa xalayaa barreesserratti eereera.

Hannaafi walirraa galgalchuu qormaata kutaa 12ffaa xiqqeessuuf to'achuuf akka danda'amuuf A L I bara 2014 irraa kaasee qormaanni kutaa 12ffaa yunivarsiitiiwwan keessatti kennamaa kan ture yoo ta'u, waggoota lamaan darban kana keessa barattoota lakkoofsaan baayyisee xiqqaa ta'e qofatu darbuu danda'e.

Qormaanni kutaa 12ffaa bara kanaa yoom akka kennamuuf yaadame BBCn Daarektara Olaanaa Tajaajila Madaallii Barnootaafi Qormaataa Dr. Isheetuu gaafateera. "Amma naannolee waliin mariitti jirra. Yeroo dhiyootti ni beeksifna," jedhan.