Liiverpuuliifi Chelsiin gadi guddataa jiru, kan barana ol guddate Sanderlaand lamaffaa qabatee, Yunaayitid afuraffaatti dhufe

Madda suuraa, Getty Images
Abbaan waancaa bara darbee Liivarpuul tapha Pirimeerliigii afur walitti aansuun mo'amee jira. Kaleessa qe'ee Bireentfoord deemee 3-2 kanniisotaan hiddamee gale.
Liivarpuul guyyootan dura tapaha Chaampiyoons Liigii irratti bareeda taphataa kilaba Jarman Intiraakt Firaankfart mo'atullee kaleessa kan hin eegnetu isa mudate.
Galchii jifataan warra Kannisootaa Daangoo Otaaraa dursee galcheen Liivarpuul daqiiqawwan jalqabaa irraa kaasee raafamuu eegale.
Boqonnaa booda Miilos Kerkeziifi Mohaammad Saalaa galchaniin bayyanachuu barbaadullee Liivarpuul mo'amurraa hin hafne.
Liivarpuul qabxii afuriin dursaa liigichaa kan ta'e Arsenaaliin caalamee sadarkaa 6ffaarra taa'era- Arsenaal har'a Kiristaal Paalaas kan mo'atu yoo ta'e garaa garummaan qabxii gara 9ttiguddata jechuudha.
Warri Bireentfoord ammoo Liivarpuul dabalatee hanga ammaa taphoota afur mo'achuusaaniin sadarkaasaanii gara 10ffatti ol butataniiru.
Yunaayitid lubbuun itti deebite
Yunaayitid taphoota darban sadi walitti aansee mo'achuunsaa abdii itti horee jira. Yeroo dheeraaf milkiirraa fagaachurraa kan ka'e leenjisaan kilabichaa Ruunen Amoorim hari'amuu mala sodaa jedhullee uumee ture.
Jifataan duraanii Maan Yunaayitid sadarkaa yaaddessaa kilabichi torbanootan dura irra ture irraa ka'uun "Yunaayitid lubbuun keessaa baatetti!" jechuunsaan ni yaadatama.
Haa ta'u garuu taphoota darban sadan irratti gahuumsa gaarii agarsiisee mo'achuusaatiin amma "lubbuun waan itti deebite fakkaata."
Kaleessa dirreessaa Oltiraafoorditti Biraayitan affeeree 4-2 mo'ate.
Chaampiyoonaa bara darbee Liivarpuul qabxiin tokkoon caalee sadarkaa afraffaa irra taa'era.
Torban sadi dura Sandaralaan waliin gaafa morkatu, taphicha mo'amnaan Ruuban Amooriim dhumateeraaf kan yaaddoo guddaa ture. Taphichi osoo hin eegalin qondaalonni kilabichaa hari'amuu Amoorim cimsanii mormanii ture.

Madda suuraa, Getty Images
Inumaayyuu abbummaa kilabichaa keessaa gahee kan qabu Sar Jiim Raatkiliif Amoorimiif waggaan sadi akka barbaachisu dubbachuun deeggartoota abdii kutachiisee ture.
Akka sodaatame hin taane- Yunaayitid taphicha ni mo'ate. Torbee darba ammoo Anfiilditti Liivarpuul mo'ate- bara 2016 booda yeroo jalqabaaf Anfiilditti Liivarpuul mo'achuusaati.
Kaleessa ammoo wagoota dhiyoo as kilaba Yunaayitid mo'achuun beekamu, Biraayitan Oltiraafoorditti affeeruun mo'ate.
Amooriim komii ji'oota 11 ta'uuf itti roobaa ture torbanoota darban irraa kaasee waan ofirraa mulqaa jiru fakkaata.
Taphattoonni Yunaayitid kan bara darbeerra barana gahuumsa gaarirra akka jiran dubbate Amooriim kaleessa yaada kenneen.
"Kna bara darbee wajjin yoo wal-bira qabamu garichi bara kana tapha baay'ee bareeda taphachuudhaan eegale," jechuun dubbate.
Yunaayitid erga bara 2024 as walitti aansee sadi mo'achuunsaa alana; sanaayyuu Ruuban Amoorim jalatti.
Sandarlaand baranuma ol guddatee Arsenaalitti aanee taa'e

Madda suuraa, Getty Images
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Bara darbe yoowwana Sandarlaand abjuunsaanii gara Pirimeerliigitti guddachuudha.
Abjuunsaanii sun milkaa'ee amma Arsenaalitti aanun gabatee Pirimeerliigii lammaffaarra taa'aniiru.
Sandarlaand yeroo gabaabaa kanatti jijjiirama akkasii fida jedhee namuu hin eegne, Kaleessa Cheelsii injifachuun qabxii 17 sassaabbatee qabxii lamaan Arsenaalin caalamee lammaffaa jira.
Sandarlaand Shaampiyoon Shiippii keessaa ol guddatee taphoota 9 irratti qabxii 17 sassaabbachuunsaa gahuumsa hin eegamne ta'uutu himamaa jira.
"Sandarlaanda bifa kanaan ni eegala jedhee namni eege ni jira jedhee hin amanu," jedha Maayikil Kaariik turtii BBC Radio 5 waliin taasiseen.
Kilabichi ganna darbe baasii paawundii miliyeena 161 baasuun taphattoota haaraa 15 malatteessise.
Taphattoota haaraa mallatteessise keessaa 'amballii' duraanii Arsenaal Giraanii Xhaakaa nama murteessadha.
Kaleessa Sandarlaandiin kan mo'ame Cheelsiin akkuma Liivarpuul gadi guddataa jira.
Cheelsiin taphoota darban lama mo'atus kaleessa injifatamuurraa hin oolle. Taphoota sagal taphate keessaa qabxii 14 qabatee yeroo ammaa gabatee Pirimeerliigii 8ffaarra jira.















