Leenjisaan duraanii Liiverpuul Yargan Kiloop leenjisummaan kilebichatti deebi'uufii?

Madda suuraa, Getty Images
Leenjisaan duraanii Liiverpuul Jargan Kiloop irra deebi'uun Liiverpuul leenjisuu akka danda'u akeeke.
Kiloop Ingilaand keessaa waan fedhe taheyyuu kilaba kamiyyuu hin leenjisu jedhan. Liiverpuul yoo tahe garuu tahuu danda'a jechuun deebisan.
Haala Liiverpuul tibbana keessa jiru irratti kan gaafataman leenjisichi taphattoonni amma Liiverpuul qabu warra dandeettii guddaa qaban akka tahan himan.
''Warri waan hamaa dubbatan arguuf jirtu. Filooriyaan Wiirz taphataa dandeettii akkamii qabu akka tahe arguuf jettu. Hin dogoggoriinaa'' jedhan Kiloop.
Kiloop waggoota sagal Liiverpuul turee osoo jaalatamuu kilebicha keessaa bahe.
Arne Islootiin itti waamuun imaanaa itti kenne. Isloot bara jalqabaa isaatti waancaa Piriimer Liigii injifate.
Bara kana garuu haala gaariin erga jalqabee walitti aansuun taphoota afur mo'ame.
Kun gaaffii kaasuu jalqabeera. Kilooppis gara Liiverpuulitti yoo deebi'a tahee jedhamee kan gaafatameef kanaafi.
Hojii leenjisummaa keessaa natti hafe jedhee waanan gaabbu hin qabu. Rooba keessa sa'aatii lamaa fi sadii dhaabbachuu?
''Taphaan booda miiidyaaleef dhaabbadhee ibsa kennuu? Dhiphina isa kamin natti hafe jedha?''
Kiloop hojii amma itti jiran akka jaalatan kaasanii tarii yoo hojii leenjisummaatti kan deebi'u tahe garuu Liiverpuul qofa akka tahu himan.
Maanchisteritti maaliif Fergusaniin bakka bu'uu didan?
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Tibbana Poodkastii Istiiv Bartileet irratti dhiyaatee kan dubbate Kiloop, bara 2013 akkan Sir Aleeksi Fergusaniin bakka bu'ee Maanchister Yuunaayitid leenjisuuf gaafatameen ture jedhan.
Yeroo sana leenjisaa Boorushiyaa Doortimondi turan. Garuu gaaffii kileba guddaa irraa yeroo sana dhiyaateef osoo hin fudhatiin hafan.
Maanchister Yuunaayitid Fergusan jalatti waancaawwan Piriimer Liigii 13, Shaampiyoonsi Liigii lamaaa fi FA shan mo'ataniiru.
Bara 2013 garuu osoo deeggartoonni hin eegiin soorama akka bahan labsan. Ergasii Maanchister Yuunaayitid gaduma deeme.
Leenjistoota maqaa gurguddaa qaban akka Joosee Moorinihoo, Luwis Vaan Haal fa'aa fidanis hin milkoofne.
Kiloop ''na barbaadanii ture. Yeroo sirrii hin turre. Yeroo sana Doortimoondi waliin kontiraatan qaba ture. Yeroo sana kileba kamiifuu jedhee dhiisee bahuu hin danda'u ture.
''Garuu waanan yeroo sana tole jechuu dideef sababoonni tokko tokko jiru. Namoonni natti dubbataa turan waan ani hin jaalanne natti himaa turan.
''Yuunaayitid kilaba baay'ee guddaadha. Taphattoota jiru jedhaman arganneerra. Taphataa kana arganneerra, isa kana mallatteesifneerra na jechaa turan. Taa'ee itti yaadeen kun pirojektii ani barbaadu miti jedheen murteesse'' jedhe.
Isaan keessaa tokko Pool Poogbaa akka deebisaanii mallatteesisan hin barbaadun ture jedhe Kiloop.
''Pool taphataa jabaadha, waan ajaa'ibaati. Garuu takka takka waan akka kanaa anaaf hin hojjetu. Roonaaldoo fudhadhu, Meesii waliin addunyaa irratti taphattoota jajjaboo addaati. Deebistee gaafa fidduu garuu siif hojjechuu dhiisuu mala'' jedhe Kiloop.
Dhuguma Yuunaayitid Roonaaldoo iyyuu deebisee mallatteesisuun haala gaariin irraa hin fayyadamne.
Yaada taphattoota cicimoo walitti siif qabna, sana booda leenjista jedhu hin jaalanne jedhan Kiloop.
Kiloop taphataa gidduugaleessaa jaalala kubba miilaa qabu irratti hojjechuun guddisanii waancaa injifachuun beekamu.
Sadiyoo Maanee fi Mohaammad Saalaa, Roobertoo Fermiinoo mallatteesisuun gahumsa akkamii akka irraa argatan addunyaatti agarsiisaniiru.
Kiloop maaliif Maanchister Yuunaayitid kufaatii keessaa bahuu dadhabe jedhamee yoo gaafatamu, ''ergan leenjisaa Liiverpuul tahee takkaa yaadee hin beeku'' jedhe.















