Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Raashiyaan morkataa beekamaa biyyattii Aleksii Naavaalnii summii raacha keessaa ba'uun ajjeeste- UK
UK fi biyyoonni Awurooppaa michoota UK ta'an Raashiyaan morkataa beekamaa biyyattii Aleksii Naavaalnii keemikaala summaawaa raacha keessaa ba'uun ajjeeste jedhan.
Naavaalniin waggaa lama dura mana hidhaa Saayibeeriyaatti du'e. Ergasii Biriteenii fi michoonni ishee qorannoo saamudaa gaggeessuun ajjeechaa raawwate kanaaf mootummaa Raashiyaa himataniiru.
Kora Nageenyaa Muunik keessatti gaggeeffamerratti Ministirri dhimma alaa UK Yvette Cooper "yeroo Aleksii Naavaalnii Raashiyaatti hidhamee turetti qaamni nama kana summeessuuf fedhii fi karoora qabu mootummaa Raashiyaa qofa ture,'' jedhan.
Akka gabaasa miidiyaa Tass jedhamuutti ammoo Raashiyaan himannaa kana waakkatteetti.
''Duula odeeffannoo dogoggoraan nurratti eegalamedha,'' jedhe mootummaan Raashiyaa.
Cooper keemikaala summaawaa argame epibatidine jedhamu kanaaf ibsa ga'aan hin jiru jedhan.
Yeroo qondaalli UK kun bu'aa qorannoo kana ibsanitti, biyyoonni Awurooppaa kanneen akka UK, Siwidiin, Faransaay, Jarmanii fi Nezarlaandis dhimmuma kanarratti ibsa waloo baasaniiru.
Haati warraa Aleksii Naavaalnii, Yuuliyaa Naavaalniyaas kora biyyoota Awurooppaa kanarratti hirmaatteetti.
''Raashiyaan sodaa Naavaalnii qabdi turte. Summiin isaan fayyadaman hangam akka tarkaanfii balaafamaa fudhachuu akka danda'anii fi paartii morkataa hangam akkasaan sodaatan agarsiisa,'' jedhan ministirri dhimma alaa UK.
Ibsi waloo biyyoonni lixaa waliin ta'uun baasan ''summii balaafamaa kana morkataa Raashiyaa irratti fayyadamuuf carraas, fedhiis kan qabu mootummaa Raashiyaati,'' jedha.
Gosti raachaa kibba Ameerikaatti argamtu summii balaafamaa baasuun beekamti.
Keemikaalota summaawoo akka hin fayyadamneef qajeeltoowwan seeraa ragga'an kan sarbite Raashiyaan gaafatamumuu akka qabdu UKn gaafatteetti.
Aleksii Naavaalnii ''goota'' jechuun kan ibsan Ministirri Muummee UK Sar Kiir Istaarmar ''dhugaa dubbachuurratti kutannoo fi ejjennoo qabuun yoomuu ni yaadatama,'' jedhan.
''Uummata keenyaa fi seera ittiin bulmaataa keenya duula balaafamaa Raashiyaa fi Puutin jalaa baraaruuf waanan danda'u hunda nan raawwadha,'' jedhan.
Raashiyaa keessatti morkataa cimaa kan ture Aleksii Naavaalnii bara 2024 umriisaa waggaa 47tti mana hidhaa keessatti du'e.
Namni kun keessattuu sochii farra malaammaltummaa keessatti adda durummaan qabsaa'aa ture.
Bara 2020 keemikaala summaawaa Nooviichook jedhamuun summeeffamee Jarmaniitti yaalamee ture.
Wayita Jarmanii irraa gara Raashiyaatti deebi'u to'atame.
Keemikaalli raacha keessaa ba'u kan qorannoon irratti taasifame kun dhukkubbii cimaan akka namatti furuuf kan kennamuudha jedhamus, garuu bu'aan qorannoo summiin waan kanaa baayyee balaafamaa ta'uu mirkaneesse.
Ogeessi Tooksikooloojii Jiil Joonsan summiin raachaa epibatidine jedhamu kun moorfiin faana yoo walbira qabamu harka 200 balaafamaadha jedha.
Summiin kun sirna narvii gidduu akkaan kan miidhu yoo ta'u, qaama namaas akkaan kan dadhabsiisuu fi maashaalee kan hubuudha.
Akkasumas dhahannaan onnee akka harkifatuu fi sirni hargansuu faayidaan ala akka ta'u gochuf humna guddaa qaba.
Summii kana argachuun salphaa akka hin taane ogeeyyiin ni himu. Raachota goodaa jiraatan, sanuu muraasa, keessaa kan argamudha.
Raachonni kunneen dhiibbaa jala yoo jiraatan ykn bakka eegumsi cimaan taasifamuuf jala yoo jiraatan summii kana baasuu akka hin dandeenye ibsan ogeeyyiin.
Kanaafuu maddi summii kanaa soorata bakka raachonni jiraatan jiru ta'uu akka hin oolle bira ga'an.
Gosa raachota kunneenii qabanii kamtu akka summii kana qabu adda baasuun baayyee akka ulfaatu ibsan ogeeyyiin. UK fi michoonni ishee Awurooppaa bu'aa qorannoosaanii ibsuu dura haati warraa Aleksii Naavaalnii abbaan warraashee mana hidhaa keessatti summeeffamuun ajjeefamuu himataa turte.
Kanaan dura saamudi qaama Aleksii Naavaalnii fudhatame akka ajjeefame mul'isa jette Yuuliyaa Naavaalnayaa.
''Guyyaa jalqabaarraa eegalee abbaan waraa koo summeeffamee akka ajjeefame beekan ture. Ammammoo ragaan argameera.''
Aleksii Naavaalnii waggaa sadiif erga hidhamee booda mana hidhaa keessatti du'ee argame.
Manni hidhaa Raashiyaa Aleksii Naavaalnii dhukkubsataa akka turee fi erga of wallaalee booda achumaan akka hafe ibse.