Haleellaa Israa'el mana barnootaa Gaazaatti raawwatteen 27 ol ajjeefaman

Dhohinsi naannoo mana barnoota Dar al-Arqamitti mudatee fi wayitanamootni baqatanagarssiisu.

Madda suuraa, Reuters

Haleellaa qilleensaa Israa'el kaaba Gaazaa mana barnoota namoota buqqa'aniif akka dawootti tajaajilaa ture irratti raawwatteen yoo xiqqaate lammiileen Filisxeem 27 ajjeefamuu ministeerri fayyaa Hamaasiin geggeeffamu beeksiseera.

Magaalaa Gaazaa kutaa kaaba bahaa Tuffah keessatti kan argamu manni barnootaa Daar al-Arqam wayita haleelamu kanneen ajjeefamaniin alattis hedduun miidhamuun gara Hospitaala naannawa sanitti geeffamaa turan.

Waraanni Israa'el mana barnoota rukutuu isaa hin ibsinee garuu, ''wiirtuu ajajaa fi to'annoo Hamaas keessa turan" haleele jedhe.

Ministeerri fayyaa kanaan dura haleellaa Israa'el sa'aatii 24 darban keessatti raawwatteen namootni biroon 97 ajjeefamuu gabaasee ture.

Israa'el haleellaa qilleensaa malees duula lafootiin daangaa Filisixeem bal'aa qabachuuf akka jirtu ibsiteetti.

Dubbi himaan dhaabbata ittisa siiviilii Gaazaa kan Hamaasiin geggeeffamu Mahmuud Bassal, haleellaa mana barnootaarratti raawwatame kanaan namoota ajjeefaman keessaa daa'immanii fi dubartoonni akka turan himaniiru. Kana malees dubartootni ulfaa fi miseensotni maatii hedduu bakka kanatti ajjeefamuu hime.

Viidiyoon hospitaala al-Ahli naannawa haleellaan itti raawwatame sana jiru irraa argame akka agarsiisutti daa'imman wayita konkolaataan gara sanatti geeffaman miidhaan cimaan irra gaheera.

Haleellaa xiyyaaraa Magaalaa Gaazaatti raawwatameen daa'imman dabalatee namoonni miidhaman Hospitaala Al-Ahliitti wal'aanamaa jiru.

Madda suuraa, EPA

Ibsi Raayyaa Ittisa Israa'el (IDF) irraa ba'e akka agarsiisutti, bakki magaalaa Gaazaa keessatti rukute loltoonni Hamaas namoota nagaa fi loltoota Israa'el irratti haleellaa karoorfachuuf itti fayyadamaa turan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Itti dabaluudhaanis miidhaa namoota nagaa irra gahu salphisuuf tarkaanfiiwwan hedduun fudhatamuu ibseera.

Kamisa ganama jiraattonni Shejahiya fi naannoolee ollaa afur hatattamaan gara dhiha magaalaa Gaazaatti akka baqatan ajaja dabarseera.

Ajaja walfakkataa torban kana keessa IDF naannoolee kaaba Gaazaa hedduu, akkasumas guutummaa magaalaa kibbaa Rafah fi kutaalee ollaatti dabarseen lammiileen Filisxeem gara 100,000 ta'an akka baqatan taasiseera jedha UN.

Israa'el walii galteen dhukaasa dhaabuu fi warra butaman gadhiisuu marsaa jalqabaa baatii Amajjii keessa Hamas waliin waliigaltee irra ga'e xumuramuu fi mariin waliigaltee kana marsaa lammaffaa irratti taasifamu erga dhaabatee booda Bitootessa18 Gaazaa irratti haleellaa qilleensa irraa fi duula lafoo ishee haaromsite.

Dubbi himaan olaanaa IDF, Birgaadir Jeneraal Effihe Defrin, Kamisa darbe ibsa kennaniin, duulli isaanii kun guyyoota darban keessa ''gara sadarkaa biraatti ce'eera'' jedhan.

Haleellaa Tuffah keessatti raawwatameen duraa Ministeerri Fayyaa Gaazaa yeroo walfakkaataatti yoo xiqqaate namoonni 1,163 du'uu ibseera.

Ajansiin Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii kanneen ajjeefaman keessaaa daa'imman 300 ol akka argaman ibse.

Jiraattonni magaalaa Shejaya gara magaalaa lixa Gaazaatti baqachuu kan jalqaban erga waraanni Israa’el Kamisa darbe akka baqatan ajajee booda.

Madda suuraa, Reuters

Israa'eel namoota butamanii hafan 59 Hamaas qabate akka gadhiisuf dhiibbaa waraanaa kana gochaa kan jirtu yoo ta'u, isaan keessaa hanga 24 lubbuun jiru jedhamee amanama.

Haa ta'u malee, Hamaas yaada Israa'el yeroo dhiyootti dhukaasa dhaabuu haaraa dhiheessite, kan jaarsummaa US 'n taasifamu akka hin fudhanne ibseera.

Marii kana keessatti giddu-galeessa ta'an keessaa tokko kan taate US waliin qindoominaan kan hojjetame ta'uu himame irratti akka hin bobbaane ibseera.

Garuu karoora jaarsummaa Qaxar fi Masrii kana guyyoota 50f waraana dhaabuuf kaa'an qofa akka fudhatu ibseera. Bal'inni karoora sanaa guutuun hin ibsamne, garuu namoota butaman shan akka gadhiifaman jijjirraa kanaaf ammoo humnoonni Israa'el kutaalee Gaazaa dhiheenya kana irra deebi'anii qabatan irraa akka ba'anii fi gargaarsi namoomaa akka taasifamu kan hammate akka ta'e himame.

Waraana Israa'el fi Hamsa gidduutti baatii Onkoloolessa 7 bara 2023 egaleen Israa'el irraa namoonni gara 1,200 ta'an kan ajjeefaman yoo ta'u kanneen 251 ta'an ammoo butamanii ture.

Gaazaattis ammoo namoonni 50,520 ol ajjeeffamuu ministeerri fayyaa naannichaa beeksiseera.