Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Biliyeenaroota Afrikaa afur qabeenyisaanii walakkaa qabeenya ardittii caalu
Qabeenyi biliyeenaroota Afrikaa afur qofti giddu-galeessaan dolaara biliyoona 57.4 ta'a. Kun ammoo walakkaa qabeenya ummata Afrikaa miliyoona 750 ta'u ni caala.
Kun waan nama ajaaibu ta'uu danda'a ykn waan dhugaa ta'u fakkaachuu dhiisuu mala. Garuu haqa Oxfam gabaasa isaa Adoolessa 2025 baaseen ifoomsedha.
Qabeenyi guddaan harka nama muraasaa galuun kun ammoo bu'aa moodeela dinagdee walqixa hin taane warra sooressootaaf mijatuu, garuu tajaajilawwan ummata bal'aaf ta'uufi iyyummaa hir'isuuf gargaaru ilaalcha keessa osoo hin galchiin diriirfameeti.
Oxfam gabaasa isaa kanaan sirni gibiraa garaa garummaa qabeenyaa guddaa mul'atu kana sirreessuufi tajaajila barnootaa, fayyaafi bishaan dhugaatii qulqulluu dhiyeessuuf oolu akka uumamuuf waamicha dhiyeesseera.
Dureeyyiin afrikaa kunneen arfan namoota bara darbe jechuun 2024 keessa ardittiirratti soorummaan sadarkaa tokkooffaati hanga shanaffaatti jiranidha.
Kunneen bara kanas qabeenya isaanitiin sadarkaa 1 hanga 5 jiraniidha. Akka Afrikaa qofatti utuu hin taane tarree dureeyyota addunyaa keessattilee kan maqaan isaanii eeramuudha.
Qabeenyaafi walqixxummaa dhabuu qabeenyaa
"Afrikaan qabeenya dhabde miti. Rakkoon jiru, sirna dabaa akka namoonni muraasni qabeenya guddaa dhuunfatanii ummanni bal'aa miliyoona dhibbaan lakkaa'amu ammoo tajaajila bu'uuraa hin arganne taasisedha.
Kun ammoo waan akka tasaa mudate miti. Kufaatii siyaasaa waan ta'eef, haalli kun jijjiiramuu qaba," jedhu Daarektarri Oxfam Afrikaa Fatii N'Zi-Hasan.
Akka Oxfam jedhutti, qabeenyi harka namoota muraasaa galuun kun bu'aa kallattii moodeela dinagdee walqixxummaan akka hin jiraanne taasisuuti.
Moodeeliin dinagdee kun namoota sooressoota ta'an karaa sirna gibiraa abbootii qabeenyaafi sooressootaaf tolu diriirfamedha.
Akkasumas, abbootii qabeenyaa gibira irraa bilisa gochuufi, sektaroota gara abbaa qabeenyummaatti naanneefaman (kanneen akka inarjiifi komunikeeshinii), yeroo tokko tokko ammoo hojmaata namoota muraasaaf qofa tolu diriirsuun diriirfamedha.
"Akka malee walqixxummaan qabeenyaa jiraachuun kun ammoo dimokiraasiin kka hin jiraanne godha; tattaaffii iyyummaa hir'isuufi guddina danqa, rakkoo jijjiirama qilleensaan dhufu daran hammeessa, miidhaa saalarratti hundaa'an babal'isuun mirgoonni namoomaa bu'uura ta'aniifi lammileen kabaja maluuf akka hin argannes taasisa," jechuun yaaddoo qabu ibseera Oxfam.
Biliyeenaroonni qabeenyasaanii kana adda durummaan sektaroota akka albuuda, simintoo, ijaarsaafi biizinasii qonnaa— industiriiwwan tekinooloojii baayyee foyyaa'aa qaban karaa ittiiin salphaatti qabeenya walitti qabachuu danda'anirratti kan xiyyeeffatanidha.
Akka tarreeffama sooressoota barruun Foorbis jalqaba bara kanaarra baaseetti, sooressoonni gurguddoo sadarkaa 1-4 jiran:
Dureessa lammii Naajeeriyaa Alikoo Daangotee (simintoo, shukkaara, xaa'oo, zayita boba'aa), lammii Afrikaa Kibbaa Johaan Ruuppart (industirii meeshaalee qananii), Nikii Oppenhayimer (diyaamandii), akkasumas lammii Masirii Naasir Saawiriis (ijaarsaafi maanufaakcheringiidha).
Aliikoo Daangotee-naajeeriyaa ($23.3 biln)
Alikoo Daangotee dureessa Naajeeriyaa Ebala 10, 1957 kutaa biyyattii Kaanoo jedhamu keessatti dhalatedha. Afrikaa keessatti namoota hojii uumuun ciccimoo ta'a keessaa isa tokkodha.
Hundeessaafi hogganaan Daangotee Giruup kan ta'e dureessi kun industiriiwwan hedduu qabuun ardii Afrikaarratti sooreessa adda dureedha.
Alikoo Daangotee sektara biizinasii kanneen akka: Simintoo, soogidda, daakuu, paastaa, xaa'oo, zayita boba'aafigaazii keessatti baayyee beekamaadha.
Bara 1977, yeroo umuriin isaa waggaa 20 ture liqaa eessuma isaarraa argateen, Dangoteen Leegos keessatti biizinasii xiqqaa jalqabe. Ruuzii, shukkaaraafi simintoo biyya alaarraa galchuun Naajeeriyaa keessatti gurguraa ture.
Biizinasiin alaa galchun suuta malee saffisaan guddachuu akka hin dandeenye hubachuun, baroota 1990ootaafi 2000oota keessa, Daangoteen biyya keessatti invastii gochuun haala kanneen raawwachuun bo'aa dachaan itti argachuu danda'utti bobba'e:
Warshaa shukkaaraafi soogiddaa jiraauu; maashina daakuu ijaaruu.
Isaan booda dhawaataan guddachaa dhufee warshaa simintoo Afrikaatti isa guddaadha jedhame hundeesse.
Tarsiimoo inni meeshaa alaa galchuu dhiisee biyya keessatti omishuu filate kun akka inni baasii hir'isuun sadarkaa foyyeessee gabaa dhuunfatuuf isa gargaareera.
Erga bara 2020tii, Daangoteen oppereeshinii isaa gara sektaroota tarsiimawoo ta'anitti babal'isuu danda'eera.
Bara 2023 keessa warshaa zayita boba'aa calalu addunyaarratti guddaa ta'e ijaare. Kana malees, omisha xaa'oo jalqabe, akkasumas invastimantii qonnaafi geejibaa keessas galee hojjechuu jalqabe.
Boodara Dangotee Giruup Naajeeriyaatiin alatti hundeessee warshaalee simintoo Itoophiyaa, Senegaal,Taanzaaniyaa, Afrikaa Kibbaafi kaan keessatti ijaare. Kun ammoo ejjennoo tokkummaa Afrikaa deeggaruu keessatti maqaa gaariis isaaf uumeera.
Simiintoon Daangootee Afrikaa keessatti oomisha simintoo isa guddaa yoo ta'u, biyyoota Afrikaa 10 keessatti hojjeta.
Warshaa simintoo Itoophiyaa keessaa kan qaban Daangooteen Itoophiyaan alas biyyoota Afrikaa keessatti Investimantii indastirii irratti bobba'aniiru.
Kana malees, dhiyeenya kana Itoophiyaa keessatti warshaa xaa'oo ijaaruuf mootummaa Itoophiyaa waliin waliigaluun gabaafameera.
Daangooteen yeroo dheeraaf dureessa Afrikaa qabeenya olaanaa qaban ta'uun itti fufeera.
Johaan Ruuppart -Afrikaa Kibbaa ($14.2 biln)
Johaan Ruuppart abbaa qabeenyaa Afrikaa Kibbaa Adoolessa 1, 1950 Afrikaa Kibbaa Steleenboosh keessatti dhalatedha. Namni kun hogganaa Richemon Giruup ta'uun beekama. Dhaabbanni Richemon Giruup jedhamu kun ammoo kampanii addunyaarratti meeshaalee qananii ta'an omishu beekamaadha.
Johaan Ruupart ammoo ilma Antoon Ruuppart yoo ta'u, Anton Ruuppat ammoo Afrikaa Kibbaa keessatti nama industirii kan Rembrandt Group (booda Remgro jedhame) hundeessesha.
Johaan Ruupart qabeenya isaa gar-tokko hojii kampanii abbaa isaa keessatti hojjechaa tureen bu'aa buuse keessaati.
Bara 1988 keessa, Johaan Ruuppart Siwiizerlaand keessatti kampanii Richemont hundeesse.
Ricemont ammoo omishaalee qananii ta'an biraandiiwwan bebbeekamoo ta'an omishuun beekama.
Kampaanichi jalqaba sa'aatiiwwan, meeshaaleen faayaafi miidhaginaa, akkasumas meeshaalee qananii kanneen addunyaarratti jaallatamaafi guddachaa dhufan omishiin jalqabe.
Akka barruu Foorbis (202)tti, Johaan Ruuppart namoota Afrikaa keessatti qabeenya dolaara biliyoona 15 qabaachuun walitti aansuun sooreeyyii ta'uun tarreeffaman keessaa tokko ta'e.
Yeroo tokko tokko ammoo Afrikaarratti sooressa tokkoffaa kan ta'e Alikoo Daangotee caalee sadarkaa tokkooffaa yeroo inni irraa fudhate tureera.
Niikii Oppenheyimer-Afrikaa Kibbaa ($10.2 biln)
Niikii Oppenheyimer Waxabajji 8, 1945 kan dhalate yoo ta'u, biliyeenara Afrikaa Kibbaa industirii diyaamoondii keessatti namoota baayyee beekaman keessaa tokkodha.
Bara 1970oota keessa, Niikin biizinasii maatiitti makamuun qabeenya horachuun guddachaa dhufe. Boodarra pirezidantii itti-aanaa Anglo Amerikaa, itti aansuun ammoo hoji-gaggessaa De Beers ta'eera.
Niikii Oppenheyimer Ingilaand Haroowu Iskuuliitti, akkasumas Kiraayist Charch'tti, Oxford'tti Polotikaa, Filoosoofii, akkasumas Ikonoomiksii barateera.
Gaggeessummaa isaa jalatti, De Beers kampanii albuuda baasuurratti qofa xiyyeeffaturraa gara kampanii biizinasii akaakuu garagaraa hojjetutti babal'ateera.
Bara 2012 keessa murtee seena qabeessa ta'e murteessuun gahee maatii De Beers keessaa qaban %40 Aglo Amerikaanitti dolaara biliyoona 5.1tti gurgure.
Kun ammoo to'annoo Oppenheyimer jaarraa tokkoof diyaamandiirratti qabaataa ture xumura itti godhe.
De Beers keessaa soorama bahulllee, Mr. Oppenheyimer addunya abizinasii keessatti nama beekamaa ta'ee itti fufeera.
Nasiif Saawiiris-Masirii ($9.4 biln)
Naasiif Sawaariis Amajji 19, 1961 dhalate. Namni kun abbaa qabeenyaa Masiriifi addunyaa Arabaa fir Afrikaa keessatti namoota sooreyyii ta'an keessaa tokkodha.
Ijoollee Onsii Saawiriis keessaa ilma dhumaa yoo ta'u, hundeessaa dhaabbata Oraaskom nama ta'edha.
Naasiif Saawiiriis Yunivarsiitii Chikaagootti Ikonoomiksii barachuun maatii Saawiiris keessatti nama cimaa ta'edha. Maatiin Saawiiris ammoo Masirii keessatti biizinasii baayyee gurguddoo ta'an keessaa tokkodha.
Masirii keessatti yeroo baayyee sooressa sadarkaa duraarra jiru ta'ee kan ramadamu yoo ta'u, Afrikaafi addunyaa Arabaa keessattis sooressoota jiran keessaa isa tokkodha.
namni kun kampanii jarmanii hidhannoo ispoortii omishu adidas AG keessatti qabeenya gahee guddaa qaba.
Abbaan qabeenyaa kun bakka itti barate Yunivarsiitii Chikaagootti barattoonni Masirii carraa akka argatan gochuuf dhuunfaa isaatiin dolaara miliyoona 20 arjoomeera.