US meeshaa waraanaa doolaara bil. 6 ta'u Israa'elitti gurgurachuuf karoorfatte

Naatinahuu fi Tiraamp

Madda suuraa, Getty Images

Bulchiinsi pirezidaantii Doonald Tiraamp meeshaalee waraanaa doolaara biiliyoona 6.4 ta'u Israa'eliitti gurguruuf Kongireesiin biyyattii akka raggaasisu gaafachuu maddeen haala kana itti dhiyeenyan beekan miidiyaaletti himaniiru.

Akka gabaasa Rooyitersitti, meeshaleen waraanaa kun gurgurtaan alas deeggarsaan kan kennamu kan dabalatu yoo ta'u helikooptaroota haleellaa raawwatanii fi dooniiwwan loltoota fe'an kan dabalatu akka ta'e ibsameera.

Jimaata darbe waraanni Israa'el magaalaa Gaazaa keessatti haleellaa cimsuu fi bu'uuraalee misoomaa Hamas irratti xiyyeeffachuu isaa kan beeksise yoo ta'u, lammiileen Filisxeem buqqa'an waraana kana keessaa karaa ittiin miliqan akka hin qabnellee gabaasalen kan mul'isan

Gabaasni gurgurtaa meeshaa waraanaa karoorfame kanaa kan bahe wayita hoggantoonni addunyaa torban dhufu kora waggaa UN irratti Niiw Yoorkitti walitti qabamuuf guyyootni muraasni hafutti.

Manni Maree Nageenyaaf tasgabbii Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniis haala Gaazaa keessatti Israa'el raawwachaa jirtu ilaalchisee marii sadarkaa olaanaa ni gaggeessa jedhamee eegama.

Karoorichi waliigaltee doolaara biiliyoona 3.8 helikooptaroota haleellaa AH-64 Apache 30 fi konkolaattota loltoota miillaa 3,250 doolaara biiliyoona 1.9 kan of keessaa qabudha.

Dabalataanis,deeggarsan meeshaalee hidhannoo qabatanii fi dhiyeessii humnaa kanneen adeemsa gurgurtaa kanaanis wal qabataanii jiran doolaara miiliyoona 750 ta'an akka jiran maddeen eeraniiru.

Xiyyara Waraanaa

Madda suuraa, Reuters

Pirezidaantiin Rippabilikaa kun waraana Israa'eliif deeggarsa cimaa gochuun isaanii haleellaa Israa'el Gaazaa irratti raawwattu ilaalchisee yaaddoo Dimookiraatota biratti dabalaa dhufe irraa faallaadha.

Kamisa darbe gareen senaataroota U.S. murtii jalqabaa Seenetii kan mootummaan Filisxeemiif beekamtii akka kennamu gaafatu kan dhiyeessan yoo ta'u, dhiheenya kana Dimookiraatonni Seenetii keessa jiran walakkaa ol gurgurtaa meeshaa waraanaa dabalataa mormuun sagalee kennaniiru.

Gaazexaan Wall Street Journal Jimaata darbe waa'ee gurgurtaa helikooptarootaa fi konkolaattotaa ta'uu danda'u gabaaseera.

Waayit Haawus dhimma kana irratti hanga yoonaa deebiis ta'ee yaada hin hin kennine.

Jimaata darbes Ameerikaan aangoo sagalee sagaleen kuffisuu qabdu (veto power) ishee fayyadamuun wixinee murtii Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii kan silaa Gaazaa keessatti dhukaasa hatattamaa, haal-duree tokko malee akka dhaabbatu gaafatu yeroo 6ffaa kuffifte.