Estooniyaan erga xiyyaaronni waraanaa Raashiyaa daangaashee cabsanii seenanii booda tumsa NATO gaafatte

Ibsa waa'ee viidiyoo, Ministirri dhimma alaa Estooniyaa wayita Nato deeggarsa gaafatan

Xiyyaaronni waraanaa Raashiyaa MiG-31 jedhaman sadi Jimaata (Fulbaana 19, 2025) daangaa Estooniyaa cabsuun seenuu hordofee biyyattiin birmannaa miseensota Nato gaafatteetti.

Xiyyaaronni kunneen seeraan ala daqiiqaa 12f daangaa Estooniyaarra turan.

Ministeerri dhimma alaa Estooniyaa gocha qaanii hin qabne jechuun tarkaanfii Raashiyaa kana balaaleffateera.

Dubbi himaan Nato ''yogguma sana tarkaanfiitti seenuun xiyyaarota kunneen duubatti deebisuu,'' himan.

Kun gocha maal na dhibdeedhaan Raashiyaan raawwachaa jirtu keessa tokko ta'uu fi dandeettii saffisaan deebii kennuu Nato kan mul'isedha jedhan.

Raashiyaan dhimma kanarratti daftee deebii hin kennine. Boodarra garuu turtee daangaa Estooniyaa sarbuu waakkatteetti.

Xaaliyaanii, Finlaand fi Siwiidiin ergama Nato jalatti ga'eesaanii ba'achuuf xiyyaarasaanii kaafataniiru.

Biyyoonni kunneen damee Nato baha jiru cimsuuf kutannoo akka qaban ibsaniiru.

Torbee darberraa eegalee biyyoota miseensa Nato fi Raashiyaa gidduutti muddamni hammaateera.

Miseensa Nato kan ta'an Poolaand fi Roomaaniyaan dirooniiwwan Raashiyaa hedduun daangaa qilleensaa isaaniitti seenuu ibsuu booda muddamni hammaate.

Naton taatee kanaaf deebii kennuuf jeettiiwwan waraanaa dabalatee humna waraanaa isaa gara bahaatti sochoosuu eegaleera.

UStti ambaasaaddara Estooniyaa kan ta'an Kiristiyaan Pirik daangaan qilleensaa Estooniyaa cabe salphaa akka hin taaneefi biyyoota Natof ergaa akka qabu dubbatan.

''Raashiyaan irra deddeebiin Nato tuttuquun ilaalaa jirti,'' jedhan.

''Raashiyaan miseensonni Nato waraana irratti Yukireen tumsuu dhiisanii akka ofirraa ittisuurratti xiyyeeffataniif hojjechaa jirti jennee amanna,'' jedhan.

Sambata kana ganama Raashiyaan lixa Yukireen haleelteetti. Wayituma kanatti xiyyaaronni waraanaa qilleensa Poolaand irratti bobbaafamaniiru.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Ministirri dhimma alaa Estooniyaa Margus Tsahkna daangaa Estooniyaa cabsanii seenuu jechuun ''tuttuqanii waraanaaf nama kakaasuudha,'' jedhan.

Kanaaf miseensonni Nato tokkummaan ka'uun eenyummaasaanii akka agarsiisan gaafatan.

''Daqiiqaa 12f daangaa biyya Nato cabsuun waan salphaa miti. Daangaan qilleensaa Nato deebii quubsaa kennuutu irraa eegama. Siyaasaanis, gochaanis deebii kennuu qaba.''

Ministeerri Ittisaa Raashiyaa ''jeettiin waraanaa sun balalii seera idiladdunyaa hordofe irra turte. Sagantaa balalii qabameefiin balali'aa turte. Daangaa biyya kamiiyyuu hin sarbine,'' jechuun deebii kenne.

Galaana Baaltik kan qabeenya biyyoota kunneen hundaa ta'e irra balali'aa turuu ibse.

Xiyyaarri waraaanaa kun odoola Vaindloo kan qabeenya Estooniyaa ta'erraa kiilomeetira 3 fagaattee balali'aa akka turte ibse Ministeerri dhimma alaa Raashiyaa.

Ministirri Muummee Estooniyaa Kiriten Mikaal seerri ittiin bulmaata Nato keewwati 4 akkamiin akka isaan tumsuu qaburratti miseensota waliin mari'achuu akka barbaadan Jimaata ibsaniiru.

Keewwati 4 wayita rakkoon akkanaa miseensota Nato 32 keessaa tokko mudatu akka waliif birmatan eera.

Torban kana keessa miseensota Nato lamatu keewwata kana gaafatan. Poolaand erga Raashiyaan daangaa qilleensaa ishee keessatti dirooniiwwan dhukaastee booda gaafattee turte, ammammoo Estooniyaa.

Ibsa waa'ee viidiyoo, Daawwadhaa: Jeettiin Raashiyaa daangaa qilleensaa Estooniyaa cabsee seenuun ''rakkoo guddaadha'' jedhan Tiraamp

Taatee Estooniyaatti mudate booda Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp gaazexeessitootaaf ibsa kennaniiru.

''An hin jaallanne. Wanti akkasii wayita ta'u an itti hin gammadu. Rakkoo guddaa ta'uu danda'a. Garuu boodarran isin beeksisa,'' jechuun gaaffii gaafatame deebisan.

Pirezidantiin Komishinii Gamtaa Awurooppaa Ursula von der Leyen ''doorsisa kamiifuu deebii ni kennina, damee Nato baha jirus ni cimsina,'' jechuun X irratti barreessan.

''Akkuma doorsisi nutti hammaataa deemu dhiibbaan nuti uumnus cimaa deema,'' jedhan.

Torbee darbes humni waraanaa Poolaand dirooniiwwan Raashiyaa daangaa qilleensaa biyyattii seenan keessaa sadi rukutee kuffisuu ibsee ture.

Ministirri muummee biyyattii dirooniiwwan Raashiyaa 19 ta'an daangaa qilleensaa isaaniitti seenuu ibsanii turan.

Raashiyaan waan kana beekaa itti yaaddee akka hin raawwanne himte.

Poolaand haleeluuf karoora akka hin qabne humni waraanaa Raashiyaa ibseera.

Guyyoota booda ammoo Roomaaniyaan dirooniiwwan Raashiyaa qilleensa ishee keessatti arguu ibsite.

Ministeerri Ittisaa biyyattii dirooniiwwan argaman kunneen yeroo booda raadaar keessaa dhabamuu ibse.

Dhimma kanarratti Raashiyaan yaada hin kennine.

Taatee Poolaand fi Roomaaniyaatti mudate kana hordofee Naton jeettiiwwan fi loltoota isaa gara bahaatti bobbaasuu eegaleera.

Xiyyaaronni waraanaa UK, Faransaay, Jarmanii fi Deenmaark sirna ittisa qilleensaa Poolaand irratti hirmaataa jiru.

Biyyoonni Nato kunneen damee jaarmiyaa qindoomina waraanaa baha jiru cimsuuf warra dursanii sochii eegalanidha.