NATO'n eenyu, keewwatni 4 fi keewwatni 5 waliigaltichaa maal of keessaa qaba?

Madda suuraa, Reuters
Ministirri Muummee Poolaandi Doonaald Taaski, halkan Fulbaana 9-10 wayita dirooniiwwan Raashiyaa naannoo qilleensa biyya ollaa Yukireen cabsuun haleella irratti raawwatanitti xiyyaaronni Poolaandi fi miseensota NATO kanneen biroo hedduu isaani haleelun kuffisuu beeksisan.
Yukireen hanga ammaa miseensa NATO ta'uu baattus, Poolaand garuu miseensa NATO waan taateef Taaski gamtaan kun qulqullinni naannoo biyya miseensa tokkoo, walabummaan siyaasaa ykn nageenyi ishee balaadhaaf saaxilamuu akka qoratu gaafataniiru.
Yaa'ii NATO baatii Waxabajjii keessa taa'ame irratti miseensonni gamtichaa 32 ittisa waloof kutannoo cimaa qaban, kan keewwata 5 jedhamee waamamu irra deebi'anii kan mirkaneessan yoo ta'u, dhiibbaa prezidaantii Ameerikaa Doonaald Tiraamp ji'ootaaf godhame hordofuun baasii ittisaa isaanii dabaluuf waliigalaniiru.
NATO'n maali?

Madda suuraa, Getty Images
NATO - Dhaabbanni Waliigaltee Atlaantiik Kaabaa - bara 1949 Waashingitan DC'tti biyyoota 12'n hundeeffame.
Biyyoonni hundeessanis Beeljiyeem, Kaanaadaa, Deenmaark, Faransaay, Aayislaandi, Xaaliyaanii, Luxembargi, Nezerlaand, Noorweey, Poorchugaal, UK, fi US kan hammatanidha.
Gamtichi amma miseensota 32 guutuu Awurooppaa fi Ameerikaa Kaabaa keessatti qaba.
Miseensonni NATO biyyi tokko isaan keessaa biyya biraan weeraramnaan walii birmachuuf waliigaltee qabu.
Kaayyoon hundeeffama isaa inni guddaan Gamtaan Sooviyeet Awurooppaa keessatti akka hin babal'anne ittisuu ture.
Gamtaa rippabiliika komunistii Raashiyaan durfamu bara 1991tti diigame. Biyyootni dura miseensa hin taane biroos miseensa NATO ta'an.
Gamtaan kun humna waraanaa mataa isaa hin qabu. Garuu biyyoonni miseensa ta'an muddama addunyaatiif deebii kennuudhaaf tarkaanfii waraanaa waloo irratti hirmaachuu danda'u.
Fakkeenyaaf, Nato'n bara 1992 hanga 2004tti waldhabdee Yugoslavia duraanii keessatti uumame gidduu seenuun UN gargaareera.
Keewwanni 5 fi 4 maali?
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Keewwatni 5 qajeeltoowwan ijoo Naatoo keessaa isa tokkodha.
Haleellaan waraanaa biyya miseensa taate tokkoo fi isaa ol irratti raawwatamu akka haleellaa hunda irratti raawwatameetti akka ilaalamu dubbata.
Deebii kanaaf miseensonni walii isaanii "nageenya naannoo Kaaba Atlaantiik deebisuuf fi eeguuf humna hidhate fayyadamuu dabalatee tarkaanfii barbaachisaa ta'ee itti mul'ate" akka fudhatan eera.
Kayyatin kun garuu buufataalee biyyoota alaa ykn naannolee biyyota gamtaa kanaan ala jiran hin dabalatu.
Kanaafidha yeroo Waraana Veetnaam ykn waldhabdee Odoola FolkIland hojiirra kan hin oolin hafe
Tiraamp kanaan dura wabii wal ta'iinsa NATO gaaffii keessa galchuun kaasaa turan.
Haa ta'uu maleeyaa'ii baatii Waxabajjii booda haasawa taasisaniin: "[Keewwata Shanaffaa] waliin nan dhaabadha, kanaafidha kanan as jiru."jechuun dubbate.
Waligaltee Miseensa NETO keewwata 4 jalatti ammoo biyyoonni miseensa ta'an dhimma yaaddoo ta'e kamiyyuu - keessumaa nageenya waliin walqabatee , qaama murtee siyaasaa guddaa Nato kan ta'e Mana Maree Atlaantiik Kaabaatti fiduu danda'u jedha.
Erga NATO'n bara 1949 hundaa'e as keewwatni 4 yeroo torba kaafamee jira.
Biyyoota kamtu miseensa Nato'ti?
Nato'n US, UK, Kaanaadaa, Faransaay, Jarmanii, Xaaliyaanii, Ispeen fi Tarkii dabalatee, Awurooppaa guutuu fi Ameerikaa Kaabaa keessaa miseensota 32 qaba.
Bara 1991 erga Gamtaan Soviyeet jigeen booda, biyyoonni Baha Awurooppaa hedduun,Albeeniyaa, Bulgaariyaa, Hangaarii, Poolaand, Cheek Rippabliik, Isloovaakiyaa, Romaaniyaa, Lituweeniyaa, Laativiyaa fi Estoniyaa dabalatee, walta'insa kanatti makaman.
Yukireen, Bosniyaa fi Herzegovinaa, fi Joorjiyaan miseensa ta'uu baatanis akka itti makamaniif gaafataniiru.
Miseensonni ittisa isaanif hangam baasu?
Miseensonni NATO yeroo ammaa galii gidduu galeessaa ykn GDP isaanii keessaa 2% ittisa irratti akka baasan eegama, kun waadaa seeraan dirqama ta'uu baatus.
US fi biyyoonni teessuma lafaatiin Raashiyaatti dhihoo ta'an - kan akka Poolaandi fi biyyoota Baaltik - akka aadaa isaaniitti baasii guddaa baasau.
Bara 2024tti US doolaara biiliyoona 935 (£686bn) kan baaste yoo ta'u, kunis GDP ishee keessaa %3.2 yoo ta'u, baasii ittisaa NATO hafe walitti qabuun gara dachaa lamatti dhiyaata.
Tilmaamni yeroo dhiyoo akka agarsiisutti miseensonni sagal bara 2024tti 2% milkeessuu kan hin dandeenye yoo ta'u, isaan keessa Ispeen GDP ishee keessaa 1.24% qofa baasuun baasii xiqqaa ta'e gumaachiti.
Galmeen %5 walgahii baatii Waxabajjii irratti waliigalame kun bara 2035tti baasii ittisaa ijoodhaaf GDP tokkoon tokkoon biyyoota miseensaa keessaa %3.5, dabalataan bu'uuraalee nageenyaa bal'aa irratti hanga %1.5 baasuu akka qaban irratti wwaliif galaniiru
Ispeen walgahii kana dura kan iyyattee yoo ta'u, Mootummoonni Beeljiyeem fi Slovaakiyaas yaaddoo qaban ibsaniiru garuu dhumarratti daballii kana fudhataniiru.
Walgahii ji'a Juun keessa gaggeeffamu dura mootummaan UK bara 2027tti ittisa ijoo irratti %2.6 fi tarkaanfiiwwan nageenyaa bal'aa irratti %1.5 akka baasu ibseera.
Yukireen maaliif miseensa hin taane?
Waraana Raashiyaa waliin taasisaa jiruun Yukireen gamtichatti makamuuf carraan qabdu jalaa dukkanaa'era.
Yuukireen duraan biyyoota Sooviyeet Raashiyaafi biyyoota Gamtaa Awurooppaa daangessitu turte.
Garuu miseensa NATO hin turre, ''michuu isaanii'' turte malee. Kana jechuun ammoo fuulduratti yeroo barbaaddetti tokkummaa waraanaa NATO jedhamu kanatti makamuu akka dandeessu agarsiisa
Raashiyaan yaada Yukireen miseensa ta'uu jedhu yeroo hunda mormiti turte. Kana kan gootuuf humnootni NATO daangaa isheetti akki dhiyaataniif sodaa qabdu irraa ka'eeti.
Bara 2008tti gamtaan kun Yukireen dhuma irratti itti makamuu akka dandeessu kan ibse yoo ta'u, weerara Raashiyaan bara 2022 booda Pirezidaantiin Yukireen Volodymyr Zelensky adeemsi kun akka ariifatuuf gaafataniiyyuu hanga yoonaa hin milkoofne.
Hogganaan NATO yeroo sanaa Jens Stoltenberg Yukireen ''yeroo dheeraaf'' itti makamuu akka dandeessu fi garuu dirqama hanga waraanni xumuramutti eguun dirqama akka hin taane dubbatanii turan.

Madda suuraa, Getty Images
Guraandhala bara 2025 walgahii ittisaa Biraaselsitti geggeeffameen Ministirri Ittisaa Ameerikaa Piit Heegseet "US miseensummaa NATO Yukireen akka bu'aa qabatamaa mariitiin ta'etti hin amantu'' jechuun ibsaniiru.
Hoggantoonni ittisa NATO tokko tokko dubbii isaa kana irratti walii hin galle.
Boodarra Zelenskiin yoo Yukireen NATOtti makamuu dandeesse pirezidaantummaa isaanii ''gadhiisuuf'' qophii ta'uu dubbataniiru.
Boodarra Zelenskiin Yukireen Natotti makamuu hin dandeessu jechuu yoo ta'e pirezidaantummaa isaalle "dhiisuuf" fedhii akka qabu ibsee ture.
''Nagaa galmaan gahuuf aangoo gadhiisuu yoo na barbaachise qophiidha,'' jechuun dubbatanii turan.
Gamtaan kun kanaan dura weerara Raashiyaan Yukireen irratti raawwatte ''nageenya michootaaf balaa guddaa fi kallattiin'' jedheera.
Raashiyaa humna guddaa niwukilaraa taate waliin kallattiin waldhabdee uumuuf yaaddoo qabaachuu isheetiin waraana gara Yukireen erguu ykn biyyattii irraa dhorkuu uumuu irraa of qusatteetti.
Kanas ta'e sana Gamtichi akka gareetti meeshaa waraanaa kamuu Yukireeniif hin ergine. Haa ta'u malee biyyoonni miseensota ta'an hedduun dhuunfaatti erganiiru
Akka dhaabbati qorannoo Jarmanii Kiyel Institute jedhutti, US Guraandhala 2022 hanga Waxabajjii 2025tti deeggarsa waraanaa waliigalaaf Yuuroo biiliyoona 64.6 (£55.79) ramadeetti.
Yeroo walfakkaatu keessatti biyyoonni miseensa Gamtaa Awurooppaa UK, Noorweey, Siwiizarlaandi fi Aayislaandi waliin ta'uun gargaarsa waliigalaa Yuuroo biiliyoona 79.8 (Paawundii biiliyoona 68.9) gumaachaniiru.













