Poolaandiitti aante Romaaniyaan dirooniin Raashiyaa naannoo qilleensa ishee seenuu himatte

Madda suuraa, EPA
Romaaniyaan dirooniin Raashiyaa naannoo qilleensaa ishee seenuu kan himte yoo taatu, isheenis biyya NATO taatee akkanaa gabaaste lammaffaadha.
Xiyyaaronni waraanaa Roomaaniyaa gaafa Sambata darbe haleellaa Raashiyaan Yukireen keessatti raawwatte hordofaa kan turan yoo ta'u, naannoo daangaa kibba Yukireenitti diroonii kana adda baasuu akka danda'era jedhe ibsi ministeerri ittisaa baasee.
Pirezidantiin Yukireen Volodymiir Zeleniskiin daangaa sarbuun kun dogoggora ta'uu hin danda'u jedhan, gochaa ''waraana Raashiyaa babal'ifachuu ifa ta'edha'' jedhan. Moskoo garuu himannaa Romaaniyaa kana irratti yaada hin kennine.
Gaafa Roobii darbe Poolaand yoo xiqqaate diroonii Raashiyaa sadii kanneen naannoo qilleensaashee seenan kuffisuu ishee ibsuun ni yaadatama.
Waraanni Romaaniyaa ibsa isaa kanaan, erga ''Raashiyaan bu'uuraalee misoomaa Yukireen Daanubee irratti haleellaa raawwatteen'' booda'' jeettiiwwan waraanaasaanii F-16 lama osoo daangaa biyyattii Yukireeniitti aanuura to'annoo gaggeessanu diroonii Raashiyaa kana adda baasuu ibseera.
Akkasumas Romaaniyaan Ambaasadara Raashiyaa biyyattii keessatti argaman dhimma kanarratti dubbisuuf Ministeera dhimma alaa kan Buchaarasitti waamteetti.
Dirooniin kun kan maqaa Raashiyaa Shaahed 136 jedhamuun beekamuufi kan Iraan hojjetamee Raashiyaan haleellaa Yukireen irratti raawwattuu fi hordoffiif itti fayyadamtu Geran jedhamuun adda baafameedha.
Diroonin kunis ollaa Chiliyaaa Veche irraa gara kibba dhihaatti fageenya km20 (12.4 miles)tti kan argame yoo ta'u, osoo raadara keessaa hin badin dura adda baafame.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Haata'u malee, naannoo ummanni itti baay'atu irra kan hin balaliinee ykn kan balaa yaaddeessaa ta'e hin fidnedha jedhe ministeerichi.
Hogganaan imaammata alaa Gamtaa Awurooppaa, Kaaja Kallas, taatee kanaan ''sarbama daangaa miseensa Gamtaa Awurooppaa fudhatama hin qabne kan biraa'' jechuun dubbatan.
Seera haaraa Romaaniyaa dhiheenya kana ragga'een, balaliistonni kunneen diroonii Raashiyaa kana akka rukutanii kuffisan hayyamameef, garuu akka hin dhukaasne murteessan.
Ministeerri raayyaa ittisaa ''wabii balaa madaaluudhaan dhukaasa bannuu dhiisuuf murteesse'' jedheera. Ibsi kun kan bahe erga humni qilleensaa diroonii kana kuffisuu dhisuu isaatti miidiyaalee Romaaniyaa irratti qeeqameen booda ture.
Addatti, sambattan irra haleellaa naannoolee dhihaa lama irratti raawwatameen yoo xiqqaate namoota sadii du'uun daandii baaburaa Raashiyaa miidhameera. Akka gabaasa AFPtti maddi odeeffannoo waraanaa Yukireen keessaa tokko itti gaafatamummaa fudhateera.
Waraanni Yukireen warshaalee boba'aa Raashiyaa gurguddoo keessaa tokko kan kibba baha Seent Piiteersbarg fi daangaa Yukireen irraa km 800 (497 miles) fagaatee argamu irratti haleellaa diroonii raawwachuun ibiddi guddaa akka ka'e ibseera.
Bulchaan naannichaa Raashiyaa, ittisa qilleensaa diroonii Yukireen sadii barbadeessuu fi ibiddi kun kan ka'e caccabaa diroonii kufeen ta'u himan.
Akkasums Poolaandis guyyaa Smabtaa dhimma diroonii Raashiyaa irratti yaaddoo qabaachu ibsuun ishee ni yaadatama.












