Chaayinaa-Tibeetitti kirkira lafaan yoo xiqqaate namoonni 126 du'an

Chaayinaa naannoo gaarri heddummaatu Tibeet keessatti kirkira lafaa Kibxata mudateen, yoo xiqqate namoonni 126 du'anii 188 kan ta'an ammoo madaa'uu miidiyaan mootummaa Chaayinaa himeera.

Balaa kanaan gamoowwan 1,000 caalan miidhamaniiru, lubbu baraartonni naannawa gaara Evarastitti dhihoo jiru kanatti argamuun kanneen lubbuun hafan barbaacha itti fufaniiru.

Kirkirri lafaa magaalaa qulqulluu Tibeet Shigaatis jedhamutti akka saatii naannoo sanaatti 09:00 mudate humni isaa rektari iskeelii 7.1 yoo ta'u, lafa jala ammoo kiiloomeetira 10 fagaata akka ragaan US Geological Survey irraa argame mul'isutti.

Biyyoota ollaa akka Neppaal fi Indiyaattis sochiin lafaa dhaga'ameera.

Naannoon sun lafti jalli hunkuramni uumamaa gurguddaan waan jiruuf kirkirri lafaa itti heddummaata. Shigaatis magaalota qulqulluu Tibeet keessaa akka tokkootti ilaalamti.

Kirkirri lafaa Kibxata mudate kun Chaayinaa keessatti baroota dhiyoo asitti isa hunda caalaa hamaa lubbuu galaafatedha jedhameera.

Viidiyoon CCTV miidiyaa mootummaa Chaayinaa maxxanse kirkirri lafaa kun manneen yoo diiguufi gamoowwan yoo jijjigsu agarsiisa.

Hojjetoonni lubbuu baraaruuf bobba'an ammoo wantota caccaban keessa oliifi gadi fiiguun yeroo gargaarsa dhiyeessan mul'atu.

Bakka kirkirri lafaa itti hammaatitti dhiyoo kan jiru Kaawontii Tingaay keessatti amma haalli qilleensaa qorra -8C irraa gara -18Ctti gadi bu'uu Buchiinsi Metirooloojii Chaayinaa ibseera.

Naannoo kanatti tajaajilli bishaaniifi ibsaa addaan citeera.

Tingaay Kaawontiin kun tulluu guddicha addunyaa kanaa Everest (Mount Everest ) jalatti kan argamtu yoo ta'u, namoota tulluu kana koruuf addunyaarraa garastti imalaniif ka'umsadha.

Sababa kanaan, sagantaan daawwannaa turistootaa Kibxata ganamatti qabamee ture hedduun haqameera.

Kirkirri lafaa waggoota 100 darban keessa lubbuu dhala namaa miliyoonaan lakkaa'amu galaafateera. Tekinoloojiin foyyaa'aa deemus dhumaatii sababa kirkira lafaan mudatu xiqqaa qofa kan hir'isuu danda'e.

Kirkira lafaa cimaa Fulbaana 9, 2023 Morookoo keessatti mudateen namoonni 2,000 ol lubbuu dhabaniiru. Namoonni hedduun ammoo miidhamaniiru.

Kirkirri lafaa dhum- torbee kana Morookootti mudates kirkira lafaa addunyaarratti dhumaatii guddaa qaqqabsiisan keessa isa tokko jedhameera.

Guraandhala 2023 kirkirawwan lafaa lama sadarkaan isaanii 7.8 fi 7.5 ta'e Turkiifi Sooriyaatti mudatan seenaa kirkira lafaa yeroo dhiyoo keessatti dhumaatii guddaafi balaa cimaa addunyaa irratti qaqqabsiisan keessaa warra gurguddoodha.

Kirkirawwan kunneen lubbuun namoota 50,000 ol akka darbuuf sababa ta'aniiru. Haata'u malee, dacheen kirkira lafaa kanneen lamaan caalaa hamoo ta'an argiteetti.

Akka daataan Ji'ooloojikaal Sarvayii US irraa argame mul'isutti, seenaa keessatti kirkirri lafaa hunda caalaa cimaan bara 1960 keessa Chiilii, kibba Vaaldiiviyaatti mudate. Sadarkaan kirkira lafaa kun Reektar iskeeliidhaan 9.5 ture.

Kirkirri lafaa maalidha, akkamiin uumama?

Akka NASA Science jedhutti, kirkirri lafaa raafama (sochii) kirkira guddaa lafa jalatti uumamudha. Kirkirri kun lafa jalatti ta'ee gara irra keessaatti sochiiwwan dhalataniidha.

Yeroo lafa jalatti rakkoon tokko uumamee akka tasaa sigigaachuun dhalatu kirkira lafaa uumuu danda'a. Saa'inaawwan Tektoonikii lafa jalatti yeroo hunda suuta jedhanii socho'u, garuu fiixeen isaanii yeroo walitti bu'u rigataaf sababa ta'a.

Rigata uumame dandamachuuf wantonni ta'an ammoo muddama lafa jalatti dhalchuun kirkirri lafaa uumama. Danbaliin sababa muddama lafa jalaa kanaan uumamu ammoo humna yeroo gadhiisanitti kirkira nutti dhaga'amu kana qaqqasiisa.

Lafti irra keessaan bareedduufi bakka jabaataa fakkaatus, lafti jalli garuu sochootoofi danfa qaba. Lafti wantota bu'uuraa afurirraa ijaaramte jedhu saayintistoonni.

Qola jajjabaataa, ho'a, hanga tokko mantilii jajjabaataa, akkasumas koorii dhangala'aa karaa diidaa qabuufi koorii jajjabaataa karaa keessaa qabu.

Qolli lafaa inni jajjabaafi irra keessaa, minxaafa jajjabaataa mantil sun qama lafaa litoosfeer jedhamu uumu. Litoosfer kun ammoo akkuma qola hanqaaquutti guutummaa lafaa osoo qaawwa hin hambisiin kan haguugu miti.

Saa'inaawwan tektoonikii (tectonic plates) ciccitoo nama ajaa'ibaniifi hubannaan ol ta'an gurguddoorraa hojjetame. Saa'inaawwan tektoonikii kunneen ammoo minxaafii mantil jala jirurra suuta dhaabbataadhaan yaa'u.

Sochiin akkasii osoo hin dhaabbatiin taasifamu kun qola Dachee kanarratti muddama uuma. Yeroo muddamni kun gar-malee guddaa ta'u, gara baqaqa badii (faults) uumutti geessa.

Saa'inaawwan tektoonoc (tectonic plates) kun yeroo socho'an, bakka rakkoon (faults) itti uumame kunis akka soscho'u taasisa. Kanaaf, kirkirri lafaa sochoo osoo hin eegamiin tasa qola lafaa toora rakkoon (fault) jirutti ta'udha.

Bakki kirkirri lafaa itti jalqabu ammoo wiirtuu (epicenter) jedhama. Kirkirri lafaa guddaan kan dhaga'amu yeroo baayyee lafa wiirtuu isaatti dhiyoottidha.

Haata'u malee, hollannaan kirkira lafaa fageenya kiiloomeetira dhibbaan ykn kumaan wiirtuu isaarraa fagaatee jiruttis ni dhaga'ama.

Akka NASAn kirkirri lafa irratti qofaa miti kan uumamu jedhu. Dirra Addeessaa, Maars, Veenus fi Juppiitara irrattillee kirkira lafaa safaranii arganiiru.