Mana amantaa hordoftoota amantii hundaaf ijaarame argitanii beektuu?

Manni amantaa kun erga ijaaramee waggaa 100 ol ta'eera - bara Waraana Addunyaa tokkoffaa ijaarame.

Caamsaa 1915'tti Xaaliyaaniin Empaayera Ostiroo-Hangarii irratti lola labsuun Waraana Addunyaa tokkoffaa (WWI) keessa seente.

Gaarren wal-xaxoo Awurooppaa kan amma Isloovaniyaa jedhamtutti lola guddaatu gaggeeffame. Gaarreen bu'aa bahii hamaa qabuufi lafa lolaaf mijataa akkasumas rakkisaa ta'eedha.

Lola cimaafi dheeraa gaarreen kanarratti gaggeeffameen loltoonni Ostiriyaafi Hangarii heddu gatii kaffalan.

Gaarreen Isloovaaniyaa irratti kan argamu adda waraanaa Isoonzoo jedhamutti loltoonni miliyeena 1.5 du'aniiru ykn achi buuteensaanii dhabameera, ykn summeeffamaniiru, akkasumas booji'amaniiru.

Maarree, jaallansaanii biraa du'an yaadachuuf loltoonni lubbuun hafan waan ittiin isaan yaadannu tokko ijaaruufii qabna yaadni jedhu ka'e.

Kanaaf ammoo Mana Amantaa 'Memorial Church of the Holy Spirit' jedhamu ijaaran.

Ijaarsa isaa kan adda godhu ammoo loltootumatu ijaare. Keessafi alaan miidhagina adda kan qabu yoo ta'u hanga har'aa mallattoo nagaafi wal-ta'iinsaa ta'ee ilaalama.

Rood Kuudar mana amantaa kana namoota daawwachiisuun beekama. "Ijaarsi akka mana amantaa keenyaa duudhaalee Awurooppaa bakka tokkotti qabate hin jiru," jedha.

Loltoonni kun mana amantaa kana ijaaruusaaniin namoonni aadaa, afaanifi amantaa garaa garaa qaban waliin jiraachuu akka danda'an mirkaneessaniiru jedha Rood.

Waraana Addunyaa tokkoffaaratti Empaayera Ostiro-Hangarii bakka bu'anii kanneen lolan saba, amantaafi aadaa garaa garaa keessaa kan dhufan turan.

Waraana kanarratti gama lamaaninuu hanqina meeshaa waraanaa, qorra gaarren Islovaakiyaa dandamachuu dadhabuun kan dhumanis danuudha.

Loltoonni gama lamaanii heddu garuu haleellaa meeshaa waraanaa jabaa gama lachuu dhuka'uun akka dhuman hima Rood.

Dhuma bara 1915'tti loltoonni Ostiriyaafi Hangarii Birgeedii Gaara 3ffaa (3rd Mountain Brigade) jedhaman loltoota isaan biraa kufan kan ittiin yaadatan siidan wayii akka dhaabatuuf yaada akka dhiyeessan himti hayyuu Seenaa kan taate Ramjana Fortunaat Cernilogar.

Yaadi loltoonni dhiyeessan kun jeneraalotaan fudhatama erga argateen booda, lotoonni ijaarsa kanaaf kan oolu maallaqa walitti funaanuu eegalan.

Yaadannoo loltoota du'aniif maaltu haa ijaaramu kan jedhu filannoo garaa garaatu dhiyaate.

Kanneen keessaa ogummaa bobbocaa kan qabu Veenaa irraa adda waraanaa daawwachuuf kan dhufe namni Remigiyes Geeylin jedhamu kan dhiyeessetu fudhatama argate - mana amantaa loltoonni amantii garaa garaa hordofan itti waaqeffatan ijaaruu kan jedhu.

Loltoonnis yeroo boqonnaa isaanitti dizaayinii Remiigiyes kenneen mana amantaa kana mukarraa ijaaran.

"Walakkeessa bara 1916tti loltoonni kanneen du'an maqaasaanii walitti qabuun muka irratti gubuun maqaa loltoota du'anii barreessan.

''Amma maqaa loltoota du'anii 2, 565 tu as jira," jechuun manni amantaa kuni hordoftoota amantaa garaa garaaf tajaajilaa akka ture hima Rood Kuudar.

Bakki ijaarsa mana amantichaa loltoonni diinaa arguu bakka hin dandeenyetti bakka adda waraanaa irraa fagaatee ijaaramuu himti hayyuu Seenaa kan taate Ramjaanan.

"Loltoonni Ostiroo-Hangaarii yeroo gara aadaa, amantaafi afaan garaa garaa qabu. Manni amantaa kun isaan hunda akka tajaajiluuf ijaarame.

"Loltoota sana keessa Kaatolikii Roomaa, Kaatolikii Giriikii, Ortodoksii, Musliimota Boosniyaa irraa dhufan, Yihudotafi Pirotestaantota fi kanneen amantii hin qabne [Athiests) turan," jedha Rood.

Loltoonni kun yeroo gara gaaratti ol-bahanii lolatti osoo hin seenin dura mana amantaa kana seenuun akkaataa amantaa isaanitti kadhannaa gaggeessanii, 'lubbuu koo yaa Waaq sitti kenne' jedhanii deemu turan.

Yeroo ammaa manni amantaa kun akka mallattoo nageenyaafi araaratti ilaalamuun bakkeewwan daawwataman keessaa tokkoodha.

Gubbaa isaatti afaan Laatiniin "Pax" jedhamee barraa'ee jira. Kana jechuun "nagaa" jechuudha.