Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Hawaasaatti cirrachi hadhooftuu 2,000 ol garaa dubartii keessaa baafame
Cirrachi hadhooftuu akka Itoophiyatti lakkoofsaan ''hunda caalaa danuu'' jedhame wal’aansa baqaqsanii yaaluu hospitaala Hawaasaatti raawwatameen dubartii ganna 40 keessaa baafame.
Cirrachi wal'aansa baqaqsaanii yaaluun baafame kun 2,094 ta'uutu eerame.
Ispeeshalistiin wal’aansa baqaqsanii yaaluu hospitaala Paanasiyaa yaala kanarratti hirmaatan Dr Tsaggaayee Chaboo, lakkoofsi cirracha baafamee kun guddaa ta'uu ibsan.
Dr Tsaggaayeen hanga yoonaatti barruu dhimma fayyaa Itoophiyaarratti lakkoofsi hangas guddaan gabaafame hin beeku jedhan.
‘’Akka Afrikaattu cirracha lakkoofsaan baayyee ta’ee galmaa’uu danda’a’’ jedhu.
Wal’aansarratti cirrachi hadhooftu baafamu ''giddugaleessaan 1 hanga 100 hin caalu'' jedhan.
Yeroo hedduu wal’aansa baqaqsanii yaaluutiin cirracha hanga torbaa ta’u baasanii akka beekan dubbatu.
Hakiimni kun akka BBC'tti himanitti wal’aansa baqaqsanii yaaluu sa’aatii lamaaf walakkaa fudhateen gara dubartii kanaa keessaa baafame.
Dubartiin maqaan isaanii hin eeramne kun guyyaa lama booda gara manasaanitti deebi’an.
Namni wal’aansaaf kana argatan dursa sababa dhibee kaansarii hucubaan walqabatuun qabamanii mana yaalaatti deddeebi'aa turan.
Akka hakiimni kun jedhanitti, cirrachi hadhooftuu hedduummate kun dhangala’aan hadhooftuu dhabamuutti miidhaa irraan gahe.
Cirrachi hadhooftuu maali?
Hadhooftuun soorata coomaa daakuuf gargaara.
Cirrachi hadhooftuu dhangala'aan soorata bulleessu wayita hadhooftu keessatti kuufamu uumama.
Rakkoon cirracha hadhooftuun kuufamuun walqabatu kun qacceen dhaalamuu, sabababa dhibee biroorraa maddu, ulfaatinni qaamaa tasa garmalee dabaluu fa’aan akka walqabatu ibsan.
Namoonni umriin isaani 40 ol ta’e, keessattuu dubartoonni rakkoo cirrachaa hadhooftutti hidhata qabuuf saaxilamuu malu.
Namoonni gabbina qaamaa qaban, ulfaatinni isaanii yeroo gabaabaatti dabaluu rakkoo fayyaa kanaaf caalaatti saaxilamoo ta'uu eeran.
Namoonni dawaa ulfa ittisu fudhatanillee carraa rakkoo kanaaf saaxilamu akka qaban ibsan.
Hadhooftuu keessatti qabiyyeen keemikaalaa argaman wal madaaluu dhabuun gara cirrachaatti akka geeddaramuu maluus eeran.
Ulfi jijjiirama hormoonii waan hordofsiisuuf cirracha hadhooftuu akka uumamu qooda qabaachuu akka malu ibsan.
Mallattoo akkamii qaba?
Namoonni rakkoo cirracha hadhooftuun walqabatu qabaachuuf dhiisuun qorannoo altiraasaawundiin adda baafama.
Namoonni harki 80’n otoo cirracha hadhooftuu qabanii mallattoon dhukkubbii otoo hin qabaatiin waliin jiraatu jedhan.
Namoonni harka 20 hin caallerratti ammoo mallattooleen dhukkubbii akka mul’atan kaasan.
Mallattooleen isaan tarreessan ijoon: cooma yoo nyaatan garaan bokokuu, dhukkubbii garaa, sooranni bullaa’uu diduu, ijjisaanii keellootti geeddaramuu, harma lamaan gidduu mallattoo gubaati fa'aa eeran.
Yeroo baayyee mallattoon isaa dhibee garaachaa wajjiin walfakkeenya qabaachuu ibsan.
Cirrachi kun hammi isaa yoo garmalee guddates hanga kaansarii hadhooftuu qaqqabsiisutti gaha.
Cirachi hadhooftuu, tiruu miidhuu hanga hanga lubbuu namaa dabarsuutti balaaf nama saaxiluu danda’a jedhan Dr Tsaggaahee Chaboo.