Liyoneel Mesiin erga biyyasaa akka Waancaa Addunyaa mo'attu godhee boodas seenaa haaraa galmeessuu itti fufe

Taphataan lammii Arjantiinaa yeroo ammaa PSG'f taphatu Liyoneel Mesii erga kubbaa miilaa taphatu jalqabeeti galchii 800ffaa galchuun seenaa haaraa hojjete.

Mesiin galchii kana erga biyyisaa Waancaa Addunyaa injfattee booda Paanamaa 2-0'n wayita injifatan galche.

Taphataan sarara fuulduraa ganna 35 Mesiin, Kiristiyaan Ronaaldootti aanee taphataa lammaffaa sadarkaa kanarra qaqqabedha.

Gooliiwwan kunneen Mesiin baroota dorgommii (seasons) 17 keessatti gooliii 672 Baarselonaaf lakkoofsise fi 29 ammoo kilaba PSG dhaaf lakkoofsise dabalata.

Kana malees, Mesiin galchiiwwaan sadarkaa idil-addunyaatti lakkoofsise 99 qaqqabeera.

Dursaa garee kubbaa miilaa Arjentinaa kan ta’e Mesiin istaadiyeemii Bonos Ayirisitti argamu 'Monumental de Nunez' jedhamutti daqiqaa 89ffaarratti goolii galche.

Kibxata dhuftu Arjentinaan dorgommii qabdurratti goolii kan sadarkaa idil-addunyaa 100ffaa lakkoofsisuu mala.

Mesiin Chaampiyeensi liigii afur dabalatee Laliigaa 10, Koppaa Ameerikaa fi Waancaa Addunyaa darbee injifateera.

Meesiin taphataa beekamoo yeroo hundumaa yaadataman keessaa tokkodha.

Badhaasa Baalon d’Or taphataa kubbaa miilaa Awuroppaa keessa cimanii mul'ataniif kennamu si'a torba injifateera.

Kanaan taphataan itti qixxaatu hin jiru. Ronaaldoon badhaasa kana si'a shan injifate.

Mesiin Barselonaa umrii ganna 13'n kan seene yoo ta’u, waancaa 35 Baarselonaa waliin injifachuun seenaa kilabichaa keessaatti taphataa hunda caala injifannoo danuu galmeessiise ta’uun yaadatama.

Kilabii Ispeeniif galchii hedduu galchuuniifi hiriiree taphachuun riikardiin kan isaati.

Mesiin gooliwwan 474 galchuun, gooliwwaan 192 ol akka galu gargaaruun Laligaa Ispeen keessatti haala addaan yaadatamu.

Meesiin Laligaa Ispeen keessatti hatirkii hunda caalaa lakkoofsise - si'a 36.

Akkasumas bara dorgommii tokkoo keessatti waancaa sadii si'a saddeet injifachuun Ronaaldoo waliin rikkoordii qooddate.

Ronaaldoon Chaampiyeensi Liigii keessatti taphataa hunda caalaa goolii hedduu lakkoofsise yoo ta’u, goolii 140 lakkoofsise sadarkaa duraa qabatee ture.

Mesiin goolii129 lakkoofsise.

Mesiin lammii Arjantiinaa taphoota idil-addunyaa hedduu hiriiree taphate (172) dha. Tapha idila addunyaa irratti galchiiwwan 99 galche.

Lammiin biyya isaa Gabireel Baatistutaa tapha 78 keessaa 56 galchuun itti aana.

Seenaa keessatti galchiiwwan idil-addunyaa hedduu galchuun Mesii kan caalan taphattoota lamadha.

Tokko Ronaaldoo Porchugaaliif 120 galchuun akkasumas Ali Daayi Iraaniif 109 galchuun Mesii ni caalu.