Abbootiin qabeenyaa alaa Itoophiyaatti daldala alaa hanga qinxaabootti hirmaachuun eebbamoo yaaddoodha?

Tarkaanfiiwwan jajjabaa MM Abiy Ahimad erga gara aangootti dhufanii booda taasisan keessa tokko diinagdee biyyattii gabaa biyya alaatiif banaa taasisuudha.

Waggaa sadiin dura dameen Telekom saaqamu hordofee, Safaricom gabaa Itoophiyaa keessa seeneera. Haaluma walfakakatunis imaammanni waggaafi baatii saddeetiin dura dameen baankii abbootii qabeenyaatiif banaa gochuudhaaf dhiyaate mana maree ministirootaatiin ragaasifameera.

Dhiheenya kana ammoo murtee MM biyyattiin darbeen, abbootiin qabeenyaa biyya alaa daldala alaa (export) daldala galii (import), daldala jumlaa (whole sale) fi daldala cinxaaboo (retail) irratti akka hirmaataniif kan hayyamuudha.

Boordiin invastimantii MM Abiy hogganan qajeelfama murtee kana hojiirra oolchu baaseera.

Komishiniin Invastimantii Itoophiyaafi Ministeerri Hidhata Qaxanaafi Daldalaa, Kamisa Ebla 18, 2024 waloon ibsa gaazexessitootaaf kennaniiru.

Dameewwan kunneenis abbootii qabeenyaa biyya alaarraa daangeeffamanii ibsameera. Ibsichaanis sabiin dameewwan kunneen ittiin daangeeffama tarreesseera.

‘‘Abbootiin qabeenyaa biyya keessaa dhiibbaa dorgommii abbootii biyya alaarraa akka eegaman gochuun qabeenyaa akka horataniif carraa kennuuf, akka sirna hidhata daldala biyya alaatiin wal baraniifi muxannoo akka argataniif kan kaayyefate akkasumas kan kaayyoo biyyaaleessaa diinagdee walitti fufaa biyya keessarratti hundaa’e ijaaruu kan qabuudha,’’ jedhe.

Itti dabalunis, imaammanni dameewwan daangeessuu ‘‘haala barbaadamun kaayyoo barbaadame galmaan gaheera jechuun hin danda’amu’’ jedha.

Dabalataanis, ‘‘dameewwan daangeeffamaniitti gahuumsi tajaajilaa bal’aan, rakkooleen qulqullinaa fi gahumsaa mudataniiru,’’ jedhe ibsichi.

Qajeelfamni MM Abiyiin mirkanaa’e kunis, ‘‘bu’aalee murtaa’aa hanga ammaatti galmaa’an qabaatulleen, kaayyoon imaamatichaa haala eegameen’’ akka hin milkoofne ibseera.

Akkasumas, ‘‘dameewwan eegumsii taasifamu tajaajila gahumsaa, qulqullinaa fi si’omina waliin wal qabatee komiiwwan irratti dhiyaataniiru. Gochaawwan seeraan alaa yeroodhaa gara yerootti dabalaa dhufaniifis saaxilamaniiru,’’ jedhe.

Kana hordofuunis abbootii qabeenyaa alaa dandeettii qabaniifi hayyamamoo ta’aniif damee kana banaa taasisuun akka barbaachise kaasa. Oggeessoonni diinagdee ammoo murtee mootummaa kanarratti yaadawwan garaa garaa kennu.

Oggeessi diinagdee haala diinagdee Itoophiyaa itti dhiheenyaan hordofuufi maqaansaa akka hin eeramne gaafate tokko, ‘‘ilaalchi damee kanneen abbootii qabeenyaa alaatiif saaqamuun akka waan hundaaf furmaata ta’etti fudhachuu rakkoodha’’ jedha.

‘‘Banaa taasisuu akka furtuu waan hundaatti ilaaluun dogndora olaalaadha’’ jechuun mormu.

Oggeessi diinagdeefi faayinaansi Dr Abdulmannaan Mahaammad gamasaanitiin, rakkooleen qajaalfamichaan eeraman karaawwan lamaan furamu danda’u jedhu.

Furmaatawwan kanneen keessaa tokko, dorgommii ta’usaa kan kaasan Dr Abdulmannaan, furmaanni biraa to’annoo mootummaa ta’u kaasu.

Dr Abdulmannaan ‘‘seerrii gaariin jiraatulleen, bakka dorgommiin hinjirreetti gabaan rakkoo qaba. Dorgommiin hanga tokko rakkoo fura,’’ jechuun gabaa keessa dorgommiin jiraachun barbaachisaa ta’u kaasu.

Dameewwan abbootii qabeenyaa alaarraa cufamanii turuunsaanii kan kaasan Dr Abdulmannaan, ‘‘jijjiramni qabatamaan fidan homtuu hin jiru. Banamunsaanii sirriidha garuu bu’aa ni fiduu ykn ni dhiisuun dhimma biraati’’ jedhu.

Abbootiin qabeenyaa biyya alaa diinagdee keessa seenuun eebba ykn abaarsa?

Abbootiin qabeenyaa alaa diinagdee keessa seenuun ‘‘eebba ykn abaarsa qabatee dhufa?’’ kan jedhu irra dedebiin dhagahama.

MM Abiyyis ta’ee aanga’oonni kaan, murteen mootummaa kun ‘‘diinagdee fooyyeessuuf’’ akka ta’e yoo dubbatan dhagahamu.

Dhimmoota diinagdee Itoophyaan ittiin ibsamtu keessaa tokko kan ta’e daldalli alaafi keessaa wal madaaluu dhabuudha. .

Oggeessi diinagdee maqaansaanii akka eeramu hin barbaadne tokko, wal madaalu dhabuu kanaaf sababiin inni olaanaan ‘‘hidhata oomishaarra rakkoo jiruudha. Garuu ammoo rakkoon bu’uuraa alatti erguu dadhabuun keenyaa, ka’umsiisa jiddu-galuumsi (interventions) omishummaa keessatti taasifame hangas mara milkaa’aa ta’u dhabusaatiirraa kan maddeedha’’ jedha.

Oggeessi kunis abbootiin qabeenyaa biyya keessa galuunsaanii daldala alaarratti jijjirama guddaa fiduu dhiisuu danda’a amantaa jedhu qaba.

Oggeessi kunis ‘‘Invastaroonni kaappitaala olaanaa qaban dhufuu danda’u. Garuu biyyi oomishuu yoo hin dandeenye rakkiisaadha. Gara oomisha jiru wal saamuutti deemamu danda’ama’’ jedhan.

Akkasumas fedhii abbootii qabeenyaa kanneenii guutuudhaaf sirni oomishaa gosa omisha murtaa’e qofarratti qofaa xiyyeefachu danda’a yaaddoo jedhu akka qaban dubbatu.

‘‘Kunis yeroo gabaabaatti sharafa alaa argamsiisuu danda’a ta’a’’ kan jedhu oggeessi kun, ‘‘adeemsa dheeraadhaan garuu damee al ergii miidhuu danda’a. Gosa oomishaa amma jiru irraa hir’ataa adeemuu mala,’’ jechuun yaaddoo qaban BBCtti himan.

Dr Abdulmannaan haaluma walfakkaatuun rakkoon muummeen daldala al-ergii kan abbootii qabeenyaa qofaa osoo hin taane, ‘‘rakkoo oomishaatis’’ jedhu.

Qajeelfamichi ulaagaalee abbootiin qabeenyaa daldala al-eriirratti hirmaachu barbaadan guutuu qaban tarreesseera.

Abbaan qabeenyaa alaa buna dheedhii gabaa alaatiifh dhiyeessuu barbaadu tokko, kan waggoota walitti aananiif jiddugalaan buna doolaara miilyoona 10 baasuu Itoophiyaadhaa bitan ta’u qabu.

Kana malees, wagga hayyamicha itti argateetti, buna miiliyoona 10 baasu alatti erguuf waliigaltee seenu qabaata.

Abbaan qabeenyaa midhaan zayitiigabaa alaatiif dhiyeessuu barbaadu ammo waggoota walitti aanan sadiif waggaan kan miidhaan zayitaa miiliyoona shan baasuu bitee ta;u akka qabu qajeelfamicharratti kaa’ameera.

Akkasumas abbaan qabeenyaa daldala caatii irratti hirmaachu barbaadu, hami maala qaa gara miiliyoona tokkootti gadi hir’ateera. Haala qajeelfamichaatiin, abbaan qabeenyaa loon foonii gabaa alaatiif dhiyeessuuf barbaadu tokko, seenaa bittaa akka qabaatuuf hin dirqiisiifamu.

Haata’u malee dandeettiin oomisha biyyatti gadaanaa ta’un abbootiin qabeenyaa daldala alaarratti akka xiyyeeffatan taasisuu akka danda’u dubbatu oggeessi kun.

Abbootiin qabeenyaa alaas al-ergiin alattis, daldala keessaa (import) xaa’oofi boba’aarrattis hirmaachuf qajeelfamichaan hayyamameera.

Jaarraan Markaatoo dhumaa jiraa laata?

Qajelfama amma raggaasiifame kanaan, abbootiin qabeenyaa biyya alaa, daldala waliigala xaa’otiin alatti daldala biyya alaafi biyya keessaa kamuu irratti hirmaachuu ni danda’u.

Oggeessi diinagdee maqaan akka hin eeramne gaafachuun BBC’f yaada kennan kun akka jedhaniitti, ‘‘rakkoon daldala jumlaa fi qinxaaboo mummeen rakkoo hidhata dhiyeessitiiti’’ jedhu.

Sirna hidhata dhiyeessii qindeessuun tajaajila kennuu danda’u umuun rakkisaa ta’us ni kaasu. Rakkoo kana furuudhaaf ammoo mootummaan Itoophiyaa kan hundeessee ture, ‘‘Ala Bejumlaa!’’ gabaabumatti hafusaa kaasu.

Abbootiin qabeenyaa alaa daldala jumlaarratti hirmaachuuf dhufan tarii hidhata dhiyeessitii qindeessuu ni danda’u ta’a jedhu. Haata’u malee, abbootiin qabeenyaa kunneen seenuunsaanii daldaltoota jumlaa biyya keessaa ‘‘taphaan ala gochuuf carraan qabu bal’aadha’’ jechuun yaaddoo qaban kaasu.

Dr Abdulmannaanis akkasuma, muxannoo ‘Ala Bejumlaa’ kaasuudhaan, garuu ammo, homaa osoo hin milkeessiin eessa akka jiruyyuu hin beekamu’’ jedhan.

‘‘Motummaan Itoophiyaa saaqunsaa gaarii ta’e osoo jiruu, waan seeraan ta’eef qofa jijjirama fida jechuu miti’’ kan jedhan Dr Abdulmannaan, qajeelfamni qofti waan bahee abbootiin qabeenya gara biyyaa hin seenan jedhu.

Abbootiin qabeenyaa dameewwan jedhaman irratti hirmaachuuf ulaagaalee mootummaan ka’aman hunda guutuu qabaatu.

Abbootiin qabeenyaa alaa daldala qinxaaboo irratti hirmaachuun ‘‘yeroo gabaabaatti jijjirama gatii argamsiisuu danda’a’’ jedhu. Haata’u malee, adeemsa keessa daldaltoonni gurguddoonni kunneen erga tokkicha dhiyeessitiifi maamiltoota qabatanii booda, gatii kaa’uu danda’u ta’a jechuun yaaddoo qaban ibsu.

‘‘Tasgabbiin gatii ni dhufa jedhamus, hanaga lafa qabataniitti kan yeroo gabaabaa qofa ta’a.’’

Itti dabaluunis, sababii kanaatinis ‘‘Jaarraan Markaatoo dhumachu danda’a’’ jchuun dhiibbaa daldala qinxaaboo biyya keessaarratti qabaatu himu.

‘‘Daldalaan Markaatoo hojii alaa galchurratti bobba’eera. Yoo alaa galchiitoonni biyya alaa dhufan ammo Markaatootti baayyeen taphaan ala kan ta’an ni jiraatu’’ jedhu.

Dr Abdulmannaanis ammoo, furmaanni namoota bitaniif yeroo dhihootti dhufu ni jiraata jennee abdii osoo godhachu baannee gaariidha jedhu.

Dorgommii yoo abbootiin qabeenyaa biyya keessa galuutti umamuun kan fayyadamu ‘‘tokko warra bitaniidha. Dorgommiin yoo jiraatu ammo diinagdeen biyyaa ni fayyadama. Mootummaansi taaksii waan argatuuf ni fayyadamama,’’ jedhu.

Gama daldaltoota biyya keessa ilaalunis ‘‘waan haala salphaan gabaa keessa bahan natti hin fakkaatu’’ jedhu.

Dorgommiin akkuma jireenya dhuunfaa gabaa keessa jiraachun waanuma egamuudha kan jedhan Dr Abdulmannaan, ‘‘dorgommiin hin mallee wayita umamuutti garuu to’annoon mootummaa cimaan’’ ni barbaachisa jedhu. To’annoo mootummaa kana hojiirra oolchuufis dhaabbiileen mootummaa fooyyeeffamu (reform) taasifamu barbaachisa jedhan.

Oggeessi biraa BBC dubbise garuu, ‘‘akka oggeessaatti diinagdeen cufamee taau qabaata hin jedhu. Garuu diinagdeewwan duraan banan, kanneen bananii bulchuu danda’aban, kanneen dhiibbaa keessatti argaman irraa barachu qabna,’’ jedhan.

Gahee diinagdee fi siyaasni biyyaa qabaatu

Oggeessoonni diinagdee BBCn dubbise lamaanu abbootiin qabeenyaa biyya alaa biyya keessa galanii dinagdeen akka fooyya’uuf haaloonni fooyyeeffamuu qaban jiraachuu kaasu.

Dr Abdulmannaan, ‘‘abbaan qabeenyaa biyya alaa itoophiyaa keessa galee invasti gochuudhaaf haala tasgabbaa’aa diinagdeefi siyaasaa gaafata’’ jedhu.

‘‘Haalawwan kunneen bakka hin guutamneetti, waan seeroonni waraqaarra kaa’amaniif qofa jijjiramni ni dhufa jechuu miti’’ jechuun, yeroo gabaabaa keessatti abbootiin qabeenyaa gara biyyaa ni galu jechuu miti jedhu.

Oggeessi diinadgee kaan ammoo, akka diinagdeetti abbootiin qabeenyaa akka dhufanif ‘‘haalli jajjabeessu’’ akka hin jirre kaasu.

Haalawwan kanneen keessaayis tokko, bulchiinsa sharafa alaa biyyatiiti. ‘‘kan jiru damee faayinaansii bu’aa argatan akka salphaatti baasuu danda’ani miti,’’ jedhan.

‘‘Haalli kun yoo jijjirame malee abbootiin qabeenyaa salphaatti dhufuu hin danda’an. Yoo kun jijjirame ammo gama maallaqa to’achuutiin dandeettii qabnu kan hir’isu ta’a’’ jedha.

Dr Abdulmannaanis yaada kana waliin waliigaluudhaan, ‘‘abbaan qabeenyaa tokko Itoophyaa dhufe erga invasti godheen booda, maallaqakoo nan baasa yoo jedhuutti haalli shafara alaa kanuma beeknu bowwoo mataati’’ jedhu.