Pool Aleksaandar: 'Namtichi maashiniin somba ta'eef' ganna 78'tti du'e

Namichi daa'imummaan poliyoon qabamee fi maqaa "namticha somba sibiilaa keessaa" jedhamuun beekamu ganna 78'tti du'e.

Pool Aleksaandar bara 1952 wayita da'ima ganna jaha turetti pooliyoon qabame. Kanaanis mormaa gadi qaamnisaa guutuun naafe ykn paaraalaayiz tahe.

Dhukkubni hamaan kun qarqaarsa malee harganuu isa dhorke. Wayita kanatti doktaroonni siilindara sibiilaa keessa isa galchan. Pool jireenyasaa guutuu meeshaa kana keessa dabarse.

Nami kun haala kana keessa ta'ees seera baratee digirii qabate, achiis ogummaa seeraan hojjetaa ture. Kana malees kitaaba seenaasaa himus barreesseera.

"Pool Aleksaandar, 'Namichi Somba Sibiilaa keessaa' kaleessa boqote," jedha barreeffamni marsariitii galii walitti qaburratti maxxanfame.

"Jireenyasaa keessa Pool koolleejii gale, ogeessa seeraa tahe, kitaabas barreesse.

"Pool nama cimaa fakkeenya guddaa tahedha."

Obboleessi isaa Filiip Aleksaandar, "nama jaalalaan nama simatu" ture jechuun isa yaadata. "Seeqnisaa mul'atu" namoota kan tasgabbeessu tures jedha.

"Anaaf akkuma obboleewwan idilee kaanii ture. Wal lolla, ni taphanna, ni shubbisna, wajjin konsartiifaa deemneerra. Akkuma kaanii naaf obboleessakoo ture," jechuun BBC'tti hime.

Obboleessisaa dhukkuba kanaan hojiilee guyyuu jedhaman kanneen akka nyaachuu fa'i raawwachuu dhabuus, galiin of danda'aa turuusaa akka dinqisiifatu hima Filiip.

"Gama kanaan nama cimaadha. Namoota gargaaruun akka isa qarqaaran godha ture," jedha Filiip.

Torbanoota muraasaa asitti rakkoon fayyaa Pool kan hammaachaa dhufe ogguu tahu, obbolaan lamaan kun guyyoota dhumaa wajjin dabarsaniiru. Gaaf tokko ayisikiremii wajjin nyaataniiru.

"Yeroo dhumaasaatti isa wajjin turuu kootti kabajaatu natti dhagahama," jedhe obboleessi kun.

Bara 1952 keessa dhukkuba kanaan wayita qabamu, doktoroonni magaalaa keessa dhalate Daalaas, wal'aansa baqaqsanii yaaluu isaaf taasisuun lubbuusaa oolchan.

Haatahu malee wal'aansa kanaan boodas dhukkubi hamaan pooliyoon, of danda'ee hafuura akka hin baafanne isa dhorke.

Kanaaf furmaati argames meeshaa sibiilaa somba tahuuf "iron lung" keessa isa galchuu ture. Siilindara sibiilaa kana keessa hanga mormasaatti keessa gala.

Meeshaa hargansuu kanaan Pool "farda sibiilaa dullacha" jedhee yaama ture.

Sirni kun jalqabarra siliindara keessaa qilleensa jiru hunda afuufee baasuun, sombi nama kanaa akka bal'atu ykn akka banamu gochuun, hafuura akka galchu godha.

Achiis gaafa qilleensi achii bahe deebiyee galu ammoo, faallaan sombisaa akka gadi dhooqufi qilleensa akka baasu taasisa.

Pool waggoota hedduuf haala kana keessa turuusaarraa kan ka'e, yeroo gabaabaaf qarqaarsa malee harganuus danda'ee ture. Garuu yeroo dheeraaf miti.

Namoonni pooliyoon qabamanii lubbuun hafaniifi 'iron lung' keessa kaa'aman hedduun isaanii, yeroo dheeraa jiraachuun kan barame miti.

Ogeessi seeraa kun garuu barkurnee torbaaf maashina kana keessa jiraate.

Bara 1950'oota keessa Biyyoota Dhihaatti talaalliin pooliyoo argamuusaa hordofee, pooliyoon biyyoota kanniin keessaa guutummaatti dhabameera.

Nami kun Bitootessa 2023 keessa addunyaarra yeroo dheeraaf nama 'somba sibiilaa' keessa jiraate jedhamuun, Guinness World Records irraa beekamtii argateera.

Gabaasa: Gaazexxeessitoota BBC News, Ido Vock fi Cat Snowdon