'Sistamiin hin jiru' - Rakkoon maamiloota baankii Itoophiyaa mudataa oolu maal irraa madda?

Madda suuraa, Getty Images
Waggoota arfan darban keessa hanqinni sharafa alaa fi qaala'insi jireenyaa rakkoowwan gurguddoo dinagdee Itoophiyaaf qormaata tahan keessaa isaan jalqabaati.
Gama biraan ammoo baankota haaraan banamuu fi damee faayinaansii biyyattii gara dijitaalaatti ceessisuun hojiiwwan jalqaban keessatti eeramu.
Itiyoo Teelekoom fi dhiyeenya biyyattiitti tajaajila isaa jalqabeefi dhaabbata telekoomii biyya alaa jalqabaa Itoophiyaa seene kan tahe Safaariikoom tajaajila faayinaansii biyyattii gara dijitaalaatti ceesisuuf hojiitti jiru.
Tajaajilli faayinaansii biyya tokkoo gara dijitaalaatti ceenaan ammoo daddabarsi maallaqa callaa xiqqaachuun yeroo fi humna qusachuuf oola.
Kun tahuu dhabuu fi rakkoolee biyyattii mudatan kaan walitti ida'amuun hanqinni maallaqa callaa baankota dhuunfaa tokko tokko akka mudataa jiru ni dhagahama.
Itoophiyaatti waggoota lama dura jalqabee namni tokko guyyatti maallaqa callaa kuma 50 ol akka hin baafanne daangaan kaa'eera. Daddabarsa maallaqaa moobaayilaan garuu hanga Birrii Kuma 500tti ni eeyyamama.
Kun ammoo maamiltoota hojii daldalaa adda addaa irratti bobba'an irratti rakkoo guddaa tahuu namootni BBC'n dubbise himu.
Namootni kunneen guyya guyyaan gara baankota dhuunfaa tokko tokko yeroo deemnu, kaan maallaqni hin jiru, kaan ammoo 'siistamii [system]' badeera jechuun nu deebisu jechuun komatu.
Hanqinni maallaqa callaa baankota dhuunfaa mudachuu malu maal irraa ka'a?
Mee dura komiiwwan dhagahaman irraa haa eegallu.
'Sistamiin' hin jiru'
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Namni maqaan isaa akka dhahamu hin barbaanne tokko yaada BBC'f kenneen magaalaa Finfinnee yeroon deemu, guyyaa hedduu 'sistamiin badeera'' jechuun na deebisu jedha.
Namni kun daldalaa tahuu himuun meeshaalee bitatee gara kutaa biyyatti deebi'uuf rakkoon akka isa mudatu hima.
Gama ATMn maallaqi baafachuu danda'us daanga'aa waan taheef hojii isaa irratti dhiibbaa uumeera.
Dr Guutuu Teessoo ammoo dhugaan jirtu kana miti jedhu.
Baankotni dhuunfaas tahe mootummaa hedduu kan isaan ittiin wal dorgoman keessaa tokko kuufama qusannoo isaaniitinidha.
Dhiyeenya Baankiin Daldala Itoophiyaa kuufama maallaqaa isaa Birrii Tiriiliyoona tokkoon gahuu isaa ibseera.
Baankotni dhuunfaa kaanis kuufama isaanii guddisuuf maamilootni akka herrega baankii isaan biratti banan duula guyya guyyaan gaggeessuun bansiisaa oolu.
Kanaaf dameeleen baankii dhuunfaa hedduun akka maamilootni maallaqa hin baafneef danqaalee garagaraa uumu jedhu ogeessi dinagdee kun.
''Sababa isaan uuman keessaa, maallaqa callaa hin qabnu, sistamiin hin hojjatu, baasii haganaaf mirkaneessuu gaafanna'' kan jedhudha jedhu.
Baankileen maallaqa maamilaaf kennan kan fudhatan baankii biyyaalessaa irraa guyya guyyaan kan qoodamuufidha.
Garuu dhiyeenya baankota haaraa gara 11 tahan Itoophiyaatti banamaniiru.
Kanaaf yeroo lakkoofsi baankotaa dabalaa deemu hammi maallaqaa isaaniif qoodamu ammoo xiqqaata jedhu hayyuu dinagdee Dr Guutuu Teessoo.
Rakkoon nageenyaa hanqina maallaqaa fide
Sababa rakkoo nageenyaan hawaasni tajaajila baankii sirnaan itti dhabees ni jira.
Fakkeenyaaf turtii waggaa tokko oliif sababa waraana tureen Naannoo Tigraay keessa tajaajilli baankii adda citee ture.
Gama Lixaafi Kibba Oromiyaattis rakkoo nageenyaatu jira. Keessumaa Godina Horroo Guduruu Wallaggaatti hawaasni hamma qarshii baasu daanga'u himu.
Jiraataan Aanaa Abbay Coomman tokko baankiidhaa guyyaatti maallaqa callaa Birrii 1,000 baafachuun akka hin eeyyamamne BBCtti hime.
''Guyyaa tokko maallaqa maatiikoof ergame Birrii 5,000 baafachuufan baankii deeme. Garuu Birrii 1,000 malee siif hin eeyyamamu na jennaan namoota afuriitti raabseen maallaqakoo baafadhe,'' jedhe.
Akka sababaatti kan itti himames maallaqni hin jiru kan jedhu akka tahe hime.
Namootni yaalaafis tahe bittaa gurgurtaaf maallaqa callaa barbaadan salphaatti kanuma baankiitii qaban baafachuu akka hin dandeenye hima.
Godinaalee Wallaggaa keessatti yeroo adda addaatti baankotni qaama hidhateen saamamaa akka turan mootummaan ibsaa ture.
Kana irraa kan ka'e kuufamni maallaqaa baankii keessa taa'u xiqqaa akka tahe hojjetaan baankii dhuunfaa tokko maqaan akka eeramu hin feene BBCtti hime.
Dr Guutuu Teessoo naannoo rakkoon nageenyaa jiru keessaa maallaqa baankii galu gara baankii biyyaalessatti galchuuf rakkoo waan tahuuf hanqinni maallaqa callaa akka mudatu gochuu danda'a jedhan.
''Yeroo rakkoo nageenyaa jiru maallaqa callaa konkolaataan bakka inni itti caalaa kuufamee jiru sochoosuun rakkoo yeroo itti ta’eedha.
''Dabalataanis baankolee hedduu keessaa humna hidhateen yeroo adda addaa maallaqni miliyoonatti lakka’amu akka fudhatamu dhageenya. Maalaqni sun immoo deebi’ee mana baankiitti hin kuufamu.''
Naannoo Tigiraay keessas nageenyi dhibuun daddabarsi maallaqaa callaa baankiin alatti akka gaggeefamu taasiseera jedhu.
Kun ida'amee akka biyyatti hanqinni maallaqa callaa akka jiraatu taasisuun garasitti dinagdee biyyaafis balaadha jedhan.
Hanqina tajaajila dijitaalaa
Namootni maallaqa callaa harkatti dabalanii akka deemaniif sababa guddaa kan tahu tokko biyyattii keessaa ammayyuu tajaajilli kaffaltii dijitaalaa xiqqaa tahuu isaati.
Mootummaan tajaajila dijitaalaa kana babal'isaa akka jiru himullee ammayyuu jalqabbii irratti argama.
Galii guddaa mootummaan argatu irra jireessaan gibira lammiilee biyyattii irraa walitti qabamu yoo tahu, kutaa biyyaa adda addaa irraa hanga baankii gidduugaleessaa gahutti yeroo akka gaafatu himu Dr Guutuu Teessoo.
Maallaqni callaan bifa adda addaan walitti qabamu erga baankii biyyaalessaa galee booda guyya guyyaan baankota dhuunfaafis tahe kaaniif qoodama.
Maallaqni bifa gibiraanis tahe galii mootummaa walitti qabame yoo yeroodhaan gara baankii biyyaalessaa hin galle hangi maallaqa baankotaaf qoodamus ni xiqqaata jedhu Dr Guutuun.
Kunis tahee baankotni mootummaa irratti hirkatan fooyyee akka qaban himu.
Sababni isaa mootummaan galii isaa baankii daldalaa dabalatee dhaabbilee qusannoo kaan keessatti waan qusatuuf baankota dhuunfaa irra isaan fooyyee qabu jedhan.
Hunda caalaa osoo tajaajilli faayinaansii biyyattii guutummaan gara dijitaalaatti ce'e garuu maallaqa callaa konkolaataan fe'uun waan xiqqaatuuf rakkoon akkasii ni salphata jedhu.
Qaala'iinsa jireenyaa
Itoophiyaatti qaala'insi gatii dabalaa dhufuun %33 akka gahe ragaaleen Baankii Addunyaa irraa arganne ni agarsiisu.
Mootummaan qaala'insi jireenyaa to'achuuf tarkaanfii adda addaa fudhataa tureera. Isaan keessaa oomisha biyya keessaa dabaluun isa tokko.
Hanqinni sharafa alaa biyyattii mudates sababa qaala'insa jireenyaa isa jalqabaati.
Mootummaan oomishaalee adda addaa yeroof biyya alaatii galuu hin qaban jedhe irratti dhorkaa dabarsuun isaas kan yaadatamudha.
Yeroo qaala'insi jireenyaa dabalaa adeemu hammi maallaqaa namni tokko qabatee socho'uu isa kana duraa irra waan caaluuf namootni hedduun maallaqa isaanii baankiidhaa baafachuuf dirqamu jedhu hayyuun dinagdee Dr Guutuu Teessoo.
Dabalataan erga bara 2018 as sochiin maallaqaa seeraan alaa baankiin ala ture dhibbeentaan guddaa ta’uu isaan hanqinni maallaqa callaa baankota akka mudatuuf sababa taha jedhan.
Daddabarsa maallaqa seeraan alaa kana to'achuuf mootummaan Itoophiyaa bara 2020 jijjiirraa noottii biyyattii taasiseera.
Tahus kun furmaata waaraa fiduu hin dandeenye jedhu Dr Guutuun.















