Itoophiyaan warqee dubartoota lamaan gargaaramtee shaampiyoonaa addunyaa jahaffaan xumurte

Gudeef Tsgaaye

Madda suuraa, Getty Images

Shaampiyoonaan Atileetiksii Addunyaa 19ffaa Dilbata kaleessaa wayita xumuramu Itoophiyaan meedaaliyaa warqee dubartootni argamsiisan lama dabalatee meedaaliyaa sagaliin addunyaarraa jahaffaa baatee xumurte.

Guyyaa dhumaa dorgommii kanaatti meetira 5000 dhiirotaan Itoophiyaan meedaaliyaa osoo hin argatiin hafteetti.

Dorgommii gufachiisa meetira 3000 dubartootaan godhameenis Itoophiyaan medaaliyaa osoo hin argatiin hafteetti.

Dorgommii kanarratti atileetotni dubaraa warqee argamsiisuun sadarkaa Itoophiyaa argatteef gahee olanaa bahaniiru.

Meetira 10000'niin sadarkaa tokkoo hanga sadii bahuun injifataniiru, Dorgommii maraatooniinis tokkoffaa fi lammaffaa bahaniiru.

Dorgommii meetira 10,000 dhiiraan Solomoon Baaraggaa sadaffaa bahuun meedaaliyaa nahaasaa kan argamsiise yeroo ta'u, 1,500 dubartootan Dirribee Waltajjii lammaffaa bahuu meetii argamsiisteetti.

Gufachiisa meetira 3000'n riikardii addunyaa kan harkaa qabu Lammeechaa Girmaa, shaampiyoonaa kana irratti warqee injifachuuf eegamus lammaffaa bahuun meetii argamsiiseera.

Dorgommii maaraatoonii dhiiraa guyyaa dhumaa gaggeefameen Li'uul GabraSillaasee sadaffaa bahuun nahaasa argamsiiseera.

Itoophiyaan shaampiyoonaa kanarraa meedaaliyaa warqee lama, meetii afuriifi nahaasa sadii walumatti meedaaliyaa sagal argachuun addunyaarraa jahaffaa Afrikaa irraammoo Keeniyaatti aanuun lammaffaa bahuun xumurte.

Shaampiyoonaa Atileetiksii Adunyaa bara darbee Ameerikaa Origoonitti gaggeeffame irratti biyyoota Afrikaa keessaa tokkoffaa bahuun ture kan xumurte.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

''Gareen Biyyaalessaa Itoophiyaa haala qilleensaa jijjiiramuufi amanuun rakkisu keessatti... ofii isanii kennuun Itoophiyaan meedaaliyaa sagaliin adunyaa irraa jahaffaa, Afrikaarraa ammoo lammaffaa bahuun xumureera'' jedheera Federeeshiniin Atileetiksii Itoophiyaa ibsa baaseen.

Afrikaa irra tokkoffaa bahuun kan xumurte Keeniyaan ammoo meedaaliyaa 10 kan sassaabbatte yeroo ta'u, addunyaa irraa shanaffaa ta'uun xumurte. Atileetiin Keeniyaa Feet Kipyeegoon meetira 1500 fi 5000'n meedaaliyaa warqee lama argamsiifteetti.

Meetira 800'niis akkasuma Meerii Mooraa meedaaliyaa warqee sadaffa Keeniyaan shaampiyoonaa kanarratti argattee argamsiifteetti.

Ameerikaan meedaaliyaa warqee 12 dabalatee meedaaliyawwan 29 argachuun addunyaarraa tokkoffaa ta'uun yoo xumurtu, Kaanadaa, Ispeeniifi Jamaayikaan sadarkaa lammaffaa hanga arfaffaa jiu qabataniiru.

Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa Hangarii magaalaa Budaapestitti godhame kana irratti wantootni dinqisiisoon mula'ataniiru.

Kanneen keessaa meetira 5000 dubartootan 1-3 bahuu atileetota Itoophiyaa, gahumsa addaa Feet Kiipyeegoon warqee lama itti injifattee ni eeramu.