Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Dhaabbii fi jilbibbiin baradheen A+ 37 fidee waancaa badhaafame' - Barataa Girmaa Dhaabaa
Barataa Girmaa Dhaabaa barataa collee ijoollummaasaarraa mataasaa danda'e barataa ture, daree fi mana barnootaa keessatti barate hundatti tokkoffaa ba'aa nama tureedha.
Garuu rakkinni itti hammaattee kutaa 12ffaatti yeroo lama kufe.
Innis abdii osoo hin kutin yeroo sadaffaaf qoramee qabxii guddaa fiduun yuuniversitii seene.
''Waanan barachuuf hawwu ijoollumaa koottin tartiibaan teechisee ture. Walduraa duubaan Paayileetii, Medisinii (Doktara ta'uu) fi Faarmaasistii ta’uuf karoorfadheen ture,'' jedhe Girmaan.
Hawwii kiyya keessaa tokko kan ta’e Faarmaasiin na ga’eera jedhe.
Imalli isaa milkaa'inaa garuu dheeraafi bu'aa ba'iin kan guutamedha.
Hiyyeessa baadiyyaa Muloo yuniversitii boonse
Godina Addaa Oromiyaa Naannawa Finfinnee Aanaa Muloo keessatti dhalate.
Maatii qonnaan bultoota ta’an, kanneen barnootarratti hagas mara hubannoo hin qabnerraa dhalachuurraa kan ka’e jireenyi isaa ijoollummaatti qormaataan eegaluu hima Girmaan.
‘’Maatiin kiyya barnootarratti na deeggaruu waan hin dandeenyeef ergan guddadhee sadarkaa of gargaaruurra ga’een barnoota eegale,’’ jedhe.
Bara 1993 umriisaa waggaa 13'tti barnoota eegaluu kan himu Girmaan, ‘’wayita qonnaan bultoonni guyyaa qonna qotaa oolanii galgala barumsa ga’eessotaa baratan animmoo guyyaa horii eegaa ooleen galgala isaan waliin barachuu eegale,’’ jedhe.
Girmaan erga of beekee barnoota waan eegaleef barnoota eegalee torbee jalqabaa [Wiixataa hanga Jimaataatti] keessatti kitaaba haalaan dubbisuu akka eegale hime.
ALI Bara 1993 barnoota ga’eessotaan eegalee bara 1994 ammoo kutaa tokkoffaatti galmaa’ee dareetti barachuu eegale.
Kutaa tokkoffaa hanga 10ffaatti Aanaa Mulootti barachuu kan himu Girmaan, dareesaarrattis ta’e akka mana barnootaa guutummaatti tokkoffaadhaan akka xumure hima.
Girmaan sadarkaa argatee badhaafamaa kan ture jiruu humnaa dirqama itti ta’een wal’aansoo qabaadha.
‘’Kutaa 1-6tti guyyaa keessatti walakkaa hojii qonnaarratti dabarsaan baradhe. Barumsa kiyya osoon adda hin kutin hojjechaan barachaa ture.’’
Kutaa 6 keessaa darbuun wayita barnoota itti aanutti cehu qe’eesaarraa miilaan deemsa sa’aatii sadii deemee barachuuf dirqame.
‘’Kun barnoota kiyya itti fufuurratti baayyee na qore. Kanaafuu maal hojjedheen baradha jedheen yaaduu eegale. Barattoota abbootii qabeenyaa ta’an kan waliin barannu dabalatee qo’achiisuun eegale, haala kanaan barnoota kiyya osoo adda hin kutiin itti fufe.’’
Girmaan kutaa 8ffaatti qormaata ministirii qoramuun qabxii 99.9 fide, kutaa 10ffaattis qormaataa biyyaalessaa (maatirikii) gosa barnootaa qorame kudhan keessaa sagal A+ galmeessuun Afaan Amaaraa qofa B fiduun milkaa’e.
‘’Kutaa 10ffaatti qabxii 4 fideen Mana Barumsaa Qophaa’inaa Sulultaa- Caancoo Abbaa Gadaa seene. Asitti hojii barattoota qo’achiisuu akkan itti hin fufneef namoonni na hin beekan. Kanaafuu hojii humnaa hojjechuun itti fufe,’’ jechuun qormaati haaraan isa mudachuu ibsa.
Barnoota kiyya adda kutuurra hojii humnaa hojjechuu hanga ba’aa baachuu ga’eera jedha.
Sababa jireenyi itti cimee fi hojii humnaas heddummeesseef dhibeen kalee isa qabuu kan himu Girmaan, ‘’Kanarraa kan ka’e qabxii kutaa 12ffaa seensa yuuniversitii argachuu hin dandeenye,’’ jedhe.
Qabxii fooyyeffachuuf Waardiyyaa ta'e
Girmaan qormaata kutaa 12ffaa seensa yuunivarsitiif fudhatamu jalqaba yeroo fudhatu qabxii 700 irraa 298 qofa waan argateef darbuu hin dandeenye.
Dhiibbaa jireenyarraa kan ka’e dhukkubbi kalee natti cimee qabxii ga’aa fiduu baadhus abdii kutadhee hin teenye jechuun hima.
‘’Yoon baadiyyaatti deebi’e hojii nan hojjedha, garuu ibsaa argadhee qo’achuuf nan rakkadha. Garuu ammas taanaan an yuuniversitii galuu qofa osoo hin taane qabxii olaanaa akkan fiduu danda’u dhibbaa dhibba nan amana.’’
Kaayyoo fi mul’atasaa kana milkeessuuf magaalaa keessaa hojii gosa kamuu taanaan hojjechuuf murteesse.
‘’Jalqaba hojii waardiyyummaa eegaleen achumatti qo’achuu itti fufe. Haata’u malee, mindaan ji’aan argadhu [qarshii 500] na jiraachisuu hin dandeenye. Kanaafuu hojii biraa- mana simitoo hojjechuu fi guyyaa guyyaa ammoo ba’aa baachaa [kulii hojjechaa] qo’annaa kiyya itti fufe,’’ jedha.
Girmaan waggaa eegee qorumsaaf taa’us ammas ifaajeensaa hin milkoofne, qabxii 267 fidee kufe.
Haata’u malee, osoo harka hin kennin yeroo sadaffaaf qoramee qabxii guddaa 500 fiduun Yuuniversitii Walaayitaa Sooddoo seenee barnootaa Faarmaasii baratee eebbifame.
Girmaan akka jedhutti dhukkubni kalee mana barumsaa qophaa’inaatti isa eegale yuuniversitiillee biraa hin hafne.
‘’Yuunivarsitii waggaa tokkoffaan akkuman eegaleen natti cimuu eegale. Maallaqan ittiin yaalamus nama na gargaarus hin qabun ture. Hangan barnoota kiyya adda kututti natti cime,’’ jechuun ammas qormaati biraan isa qore.
''Dhaabbii fi jilbibbiin baradheen A+ 37 fide''
Sababa dhukkubi kalee itti cimeef barnootasaa itti fufuuf kan rakkate Girmaan, taa’ee barachuu gonkumaa akka hin dandeenye ibse.
‘’Wayitan taa’uu baayyee na dhukkuba ture. Qilleensa gashuu fi baasuun dadhabe. Kanaafuu dhaabbadhee barachuuf akkasumas yeroo natti cimutti ammoo dareedhaa gadi ba’uuf mana barumsaa Faarmaasiitti eeyyadhee jennaan barsiisoti hundi naaf eeyyaman,’’ jedhe.
Waggaa tokkoffaatti dhaabbatee barachuun gosa barnoota hundumaa A+ fiduu hime Girmaan.
Qabxii 4 keessaa 4 fiduun waggaa lammaffaatti darbus amma ammoo gaaga’ama lubbuuf akka isa sodaachise dubbata.
‘’Wayita kana barnoota kiyya adda kutuuf nan dirqame. Hospitaala Xiqur Anbassaatti riifarii naaf barreessan. Barumsa kiyya adda kutuurra jedheen beellama hordofaa barumsa kiyyatti ciche. Daree galee barachuu baadhus odeeffannoon hiriyoota kiyyarraa argadhuunan qo’achuu itti fufe.’’
Qormaati isa mudate kun qabxiisaarratti dhiibbaa uumuu kan hime Girmaan, qabxii afur keessaa 3.8 argatee darbuu hime.
Girmaan yuuniversitii seenee waggaa lammaffaa gara dhumaasaatti deeggarsa yuuniversitii, hiriyootaa fi barattoota irraa walitti qabameef naannoo birrii 80,000tiin yaalamee haga tokko itti fooyya’uu hime.
Waggaa sadaffaarratti haga tokko fooyya’iinsa agarsiisuun gosa barnootaa hunda A+ fiduun gara waggaa afraffaatti darbe.
Waggaa sadaffaa gara dhumaa fi guutummaa waggaa afraffaatti ammoo ammas qormaati biraan isa mudate - dhukkuba onneen qabame.
Dhiibbaa dhukkuba kalee jalaa dandamachuuf dhaabbatee barataa turuu kan hime Girmaan garuu dhukkuba onneef ammoo dhaabbachuun waan nama hin dandeessifneef ammas waggaa afraffaatti guddoo qoramuu hime.
‘’Mana kitaabaallee seenee dubbisuun dadhabe. Boodarra jilbeenfadheen dubbisuu eegale. Kun hanga tokko furmaata naaf ta’e. Ammammoo barattoonni haaraan miirasaanii gara kiyya godhan. Akka waan barumsi natti cimee dhiphadhetti [tension] na fudhatan. Kunimmoo hamilee na buusuu eegale,’’ jedhe.
‘’Duuba doormii kiyyatti galeen yeroo kaan jilbiibbiidhaan yeroo garii ammoo dhaabbiidhaan qo’annaa kiyya itti fufe.’’
Waggaa shanaffaarratti ammoo dhukkubni madaa’uu garaacha itti dabalamuu kan hime Girmaan, ‘’dhukkuboonni kunneen sadan walitti ida’amanii akkan guutummaatti kutaa seenee hin baranne na godhan,’’ jedhe.
‘’Ammallee harka hin laanne. Akka fedhaa fi dandeettii kiyyaatti garuu hin qo’anne. Ta’us garuu waggaa shanaffaas qabxii bareeda fideen xumure.’’
Girmaan qormaata kana hunda dandamatee qabxii 4 irraa 3.95 akkasumas A+ 37 galmeessuun waggaa shan xumuree yuuniversitiidhaa ba’e.
‘’Akka dandeettii fi karoora kiyyaatti qabxii yuuniversitii hunda A+ fiduun 4 fidee eebbifamuu ture. Ta’us qormaata kana hunda baadhee hagana fiduunuu waan boonsaadha.’’
Girmaan birkii barnootaa Faarmaasiin hunda caalee meedaaliyaa warqii argateera, akka waliigalaattis (mooraadhaa) qabxii olaanaa fiduun waancaa badhaafameera.
Girmaan yeroo ammaa yuuniversitiirraa eebbifameera. Hojii qabachuu dura qormaata COC qoramuuf eegaa jira.
Rakkoo dandamatanii kaayyootti cichuu...
Girmaan uumamusaan rakkoo keessatti kufee achi keessa turuurra furmaata ittiin keessaa ba'u barbaaduutti akka xiyyeeffatu hima.
''Iccitiin milkaa'ina kiyyaa rakkoo dandamadhee kaayyoo kiyyatti cichuudha,'' jedhe.
''Rakkoo keessatti kufee duubatti deebi'uurra furmaata barbaadee keessa ba'ee milkaa'uurratti xiyyeeffadha.''
Rakkoo kamuu sammuu ofiitti fayyadamanii keessa kutuun ni danda'ama jedhee waan of amansiisuuf milkaa'uu hime.
Wayitanni qormaata kutaa kudha lammaffaa yeroo lama kufu yaadi hamilee isa buusu, ammoo kan isa jajjabeessus kennamaafii akka ture hime.
''Yeroon irra deddeebi'ee kufu hiriyoonni koos maatiinis abdii kutatanii turan. Barumsarraa carraa hin qabdu waan ta'eef hojii biraa eegali, umrii kees hin gubin naan jedhan.''
Ammoo kan ''homaa miti ni dabarta. Waan guddaarra ni geessa, jabaadhu,'' kan jedhanis jiru.
Rakkoo isarratti heddummaate hunda dandamatee amma kaayyoosaa galmaan ga'achuutti gammachuu guddoo akka qabu kan hime Girmaan, gara fuulduraattis barnootasaa hanga sadarkaa PhDtti barachuun qoricha aadaa jiran beeksisuu akka barbaadu hime.
Kana malees kitaaba Tooftaa mala jireenyaa jedhu barreessuus himeera.