Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Naannoo Somaaleetti namoonni 24 lolaan du'anii, abbaan warra 23,000 buqqa'an
Sababii rooba cimaa naannoo Somaaleetti roobeen lolaa umameen yoo xiqqaate namootni 24 du’anii, abbootii warraa 20,000 ol qe'ee isaanii irraa buqa'aniiru.
Rooba naannichatti torban darbe keessa eddoowwan garaa garaatti reebe hordofee lolaa umameen, qabeenyaafi beeladoota irra miidhaan olaanaan qaqabusaa abbaan taayitaa naannichaa beeksiise.
Balaa kanaanis hanga ammaatti lubbuun namoota 24 yoo badu abbootiin warraa kuma 23 ta'an ammoo qe'eesaanii irraa buqqa'uun himame.
Naannoo Somaaleetti, Biiroo Ittisa Balaatti qindeessaan Akeekkachiisa dursaa Obbo Bashiir Arab BBCtti akka himaniitti, balaan lolaa kunis waliigalatti midhaan heektaara kuma 10 kan barbadeessee yoo ta'u, loon 3,600 du'aniiru.
Balaan lolaa kunis irra caalaan kan qaqabe aanaalee qarqara lagaatti argaman irratti akka ta'e dubbatan.
''Godinni Shalalee, Afdeerii fi Liiban kanneen balaan irra caalaa keessatti mudateedha. Hanga ammaatti aanaalee 28, gandoota 82 fi magaaloota gurguddaa sadii keessatti lolaan mudateera. Isaanis Afdeer keessatti kan argaman Caratii, Godina Shinilee keessatti kan argamu Qalaaffoo fi Godina Liibaniitti kan argamu Dollo Oddooti'' jedhan.
Sababa balaa lolaa qaqabeetiin waliigalatti abbootiin warraa 42,301 haala garaagaraatiin balaan kan irra qaqabe yoo ta'u, isaan keessaayis abbootiin warraa kumi 23 bakka jireenyaasaanii buqqaafamu abbaan taayitichaa BBCtti hime.
Itti dabaludhaanis, ''roobni torban sadaffaa baatii Fulbaanaa roobni roobuu erga eegalee as rooba qofaan osoo hin taanee sababiiwwan garaa garaatiin lubuun namootaa darbeera,'' jedhan.
Naannawa kusaa bishaaniitti sababii rooba cimaatiin bishaan waan guuteef ijoolleen loon tiksan daakuudhaaf seenanii, lubbusaanii darbeera. Isaan dabalatee hanga ammaatti namoonni 24 duba'aniiru jedhan.
Sababii lolaatiin ''daandii, buufataalee fayyaa, buufataalee leenjii qonnaan bultootaa fi bu'uuraalee misoomaa kaan irratti miidhaan qaqabeera'' jechuun dubbatan.
Obbo Bashiir akka jedhaniitti naannoo naannoolee lageen itti wal arganiitti bishaan haalaa olaanaadhaan waan dabaleef, akkasumas lagaraan danbali'uun naannichaarratti miidhaa qaqabsiisaa akka jiru ibsan.
Akkasumas torbanoota muraasa darbaniif roobni cimaan kuutalee Afrikaa Bahaa adda addaatii miidhaa qaqabsiiseera.
Keeniyaa keessatti balaa lolaa uumameen manneen hedduu bishaaniin fudhatamanii, yoo xiqqaatee namoonni 15 du’uu Dhaabbatni Fannoo Diimaa ibse.
Kaabaa biyyattii keessatti gandootiin guutummaatti bishaaniin liqimfamuu isaanirra kan ka’e, jiraattoonni lafa ol ka’aatti baqachuuf dirqamaniiru. Lafti qonnaa hedduunis lolaa kanaan barbada’aniiru.
Taanzaniyaa keessattis roobni cimaa walitti fufiinsaan roobuu gabaafameera.
Sirni qilleensaa El Nino jedhamu kun Somaaliyaa fi Itoophiyaa keessati balaa lolaa tasaa uumuun, namoonni kuma kadhaniin lakka’aman qe’ee isaaniirra buqqa’aniiru.
Taateewwan haalaa qilleensaa ciccimoon irra daddeebiin miidhama kan jiran biyyoota Gaanfaa Afrikaa keessatti jijjiiramni qilleensaa miidhaa guddaa geessisaa jira.
OCHA Fulbaana keessa akka ibsetti sababa sirna qilleensaa El Nino jedhamuun, Baha Afrikaa keessatti Onkololeessaa hanga Muddeetti roobni cimaa roobuu mala.
El Ninoon sababa ho’iinsaa Garba Paasifikin kan uumamuu yoo ta’u, lolaa, bubbee, googinsaa fi ibiddaa safaa uumamu waliin hidhata qaba jedhama.