Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Ilma horsiise-bulaa bu’aa ba’ii hedduu keessa darbee milkaa'uun warra kaaniif abdii ta'e
Hayyama maatiisaa malee barsuma eegalee, barataa kutaa saddeetii yeroo ture waraana daangaa irratti madaa’uun qofaa ala bule. Eergasiin booda barnootasaa itti fufuun yunvarsiitii biyya alarraa qabxii olaanaan eebbifame.
Galgaloo Liiban Duubaa jedhama. Ijoollee horsiise-bultoota tan du'aafi jireenna jidduutti barnoota ammayyaatiin milkaa'an keessaa tokko yoo ta'u, Dheeda Boorana Liiban, Aanaa Gumii Eeldalloo, ganda horsiise-bulaa Qaallittiitti akka ALI bara 1983 dhalate.
Maatiinsaa horiif godaanun ammoo ganda amma naannoo Soomalee daangesitu Hadheessaatti guddate.
Ijjoollee abbaansaa dhale 27 keessa innis 7ffadha. Akkuma ilmaan horsiise-bultootaa tamittuu horii tiksaa guddate. Tika horii irratti cimaa waan tureef bakka garagaraa looniifi re’ee foorsaa/godaansisaa ture.
Yeroo sun, horsiifatte-bultoonni Booranaa hedduun faayidaa barnootaa hubatanii waan hin beekneef ijjoolleesaanii akka mana barumsaa hin galle barbaadu.
Galgaloon duraan barnoota akkasuma jibbuu dubbata. Nama maqaa barumsaa dha’us hin barbaadu ture.
“Ammoo gaaf tokko hiriyaakoo kan barachaa ture faayidaa barumsaa naaf hime. Wanti nama gaafatanillen hin jiru. Kitaaba, qalamaafi nyaata mana barumsaatti namaa kennanii koottu baradhu naan jedhe.”
Maatiinsaa ammoo akkuma horsiise-bultoota kaanii akka inni baratuuf eeyyamamoo hin turre.
“Horiin yoo ati dhiistee deemte ni badani, mana barumsaa galuu hin dandeettu jedhee na dhowwe aabboon.”
Haata’u malee, erga faayiraa barumsaa hiriyyaa isaarraa hubatee Galgaloon abdii muratee hin teenne. Carraaqqii yeroo dheeraan booda bara 1997 irraa keessa maatii isaa jalaa baduun Mana Barumsa Hadheessaatti barnootasaa kutaa 1-4 barate.
Mana barumsatti milkaa’ina guddaa argachuun, qabxii olaanaa galmeessuun tokkoffaa bahaa ture.
Naannoosanii keessatti garuu haalli barnootaaf mijaa’aa akka hin turre dubbata.
“Yeroo baayye waraanati jira, hanga xiqqa tokko furmaata argannee ammallee waranumaatti deebina.”
Sababa kanaaf, daangaa eeguun hojii mootummaa utuu hin ta’iin jiraattotaan eegamaa waan tureef, namni hundi itti hirmaachuun dirqama ture jedha Galgaloon haala rakkoo walxaxaa keessa ture yeroo yaadatu.
Yeroo boqonnaa innis daangaa eegaa akka ture hima. Bara kutaa saddeeti barataa turetti guyyaa tokko yeroo barumsaa deebiyu gaalli baddee eegnaan barbaacha miila fageeffatee deemee waan hamtuun akka isa mudate ibsa.
Osoo gaala barbaacha deemaa jiruu waraana hamaa gidduutti of arge. Bakka gaala barbaaduu deeme sanatti barataan kutaa saddetii yeroo sanaa Galgaloon sagalee dhukaasaa gamaafi gamanaa gurra nama duuchu keessa gale.
Ima horsiise-bulaa mitiiree, qawwee qabatee deema ture innis. Achumaan innis lola sana keessa seenuu yaadata.
“Lolii sun yeroo dheeraaf ture, guyyaa keessa ammoo rukutamee gara gudeeda kana bakka sadiin maddaa’e. Qofaakoo waanan tureef, alan bule, guyyaa itti aanuu barbaadanii galgala keessa arganii fuudhan mana yaalaa na geessan.
“Rasaasa tokko gaafasuma qalanii na keessa baasani, garuu kaan waggaa tokkoon booda hospitaala Hawaasaatti na keessaa baasan,” jedha Galgaloon.
Baruma Galgaloon lola kanarrati madaa'etti, hiriyaansaa Gonnichii Guyyoo Balaambal kan inni akka baratu taasise ajjeeffamee ture.
Hiriyyaan isaa kun ajjeefamee guyyaa 30 booda akka madaa'es ibsa.
Gonnichiin barataa kutaa 8ffaa ture gaafa waraana daangaarratti ajjeefame.
Miidhamasaaf rakkoo keessa turaniif abdii utuu hin kutatin, barnootaan itti fuufe. Yeroo boqonnas magaala Nageellee Booranaa keessatti barattoota kutaa torbaafi saddeetii muummee barnoota Herregaa fi Afaan Ingiliizii tolaan barsiisaa akka ture hima.
Kutaa 12ffa irratti qabxii olaanaa galmeessuun Yuunvarsiitii Jimmaatti ramadame.
Waggaa tokkoo booda Yuunvarsiitii Jimmaarraa Iskoolaarshiippii Mootummaan kenne Muummee Barnoota "Biomedical Engineering" argatee Biyya Indiyaatti dhaabbata Teknooloojii Vellore jedhamu baratee qabxii olaanaa galmeessuun bara 2022 digrii isaa jalqabaan eebbifame.
Bara barnootaa hedduu kana keessatti mudannoowwan hedduun isa mudachuu hima.
“Gaafa biyya ture, dhukkubsachaa ture, garuu dhibeen hin argamne. Ergasi yeroo dhibeen COVID-19 addunyaa weerare, qabamee achiin booda akka dhibee sombaa qabu bare.
“Rakkowwan kanaaf utuu harka hin kenniin, obsaan irra aanudhaan asi gahe. Waaqaa galatan galcha,” jedha.
Biyya Indiyaatti yeroo barataa ture maallaqa argatuun maatiisaa gargaaraa ture.
Kana argee abbaansaa kan dur barnootaaf fedhii hin qabne ijjoolleesaa warra kaan mana barumsa galche.
“Ijjoollee teenna keessaa jalqaba namni barate obboleessa kiyya guddaadha. Inni garuu kutaa 10tti keessaa bahe. Namni jalqaba maatii keessaa sadarkaa sadarkaa kanarra ga’e ana.
Ergasii ammoo obboleeyyan tiyya baratanii, tokko barsiiftuu, tokko dhiheenna kana eebbifamtee kaan barachaa jiran.”
Akka ijjoolleen naannoosaanii barnootan milkooftuu, Galgaloon karoora hedduu qabachuu hima.