Ijoollee Booranaa-Keeniyaa wallaansoon jireenya horsiise-bulaa qabxiin caalanii argamuu hin dhorkine

Barataa Daawuud Alinuur jedhama. Ilma horsiise-bulaa Oromoo Booranaa, Keeniyaati. Akkuma ijoollee horsiise-buulaa kamuu yeroo manni barumsaa cufamu gaalaafi loon tiksuun warra isaa gargaara. Yeroo barumsaa ammoo fageenya hanga kiiloomeetira saddetii miillaan gammoojjii horsiise-bulaa keessa deemuun barata.

Wallaansoo jireenya horsiise-bulaa marraafi bishaan barbaachaaf loon faana fagaatanii deemuun Daawuud fi barattoota mana barumsaa isaa biroo qormaata biyyaalessaa kutaa 8ffaa Keeniyaan qabxii ajaa'ibaa galmeessisuu isaan hin dhorkine.

Daawud dabalatee ijoolleen horsiise-bulaa Oromoo Booranaa mana barumsaa Dhaddacha Lakkoolee Marsabeeti bulchiinsa Mooyyaleetti argamuu cufti qormaata biyyaalessaa qabxii dansaa galmeessisuun seenaa hojjechuu BBCn hawaasa mana barumsichaarraa odeeffateera.

Barataa Daawuud Alinuur 500 keessaa 403 fiduun mana barumsaa Dhaddacha Lakkoolee tokkoffaa yoo ta'u, shamarran lama ammoo isatti aananiin lamaffaafi sadaffaa bahaniiru.

Barattoota miliyoona 1.2tti siqan Keeniyaatti qoraman keessaa qabxiin barataa Daawud galmeessise kun tarree olaanaa keessa jira. Sababiin isaas lakkoofsa barattootaa anga kana qoraman keessaa barattoota 8,091 qofatu 400 ol fide akka ragaan ministeera barnootaa biyyattii agarsiisutti.

Daawud fi barattoota mana barumsaa Dhaddacha Lakkoolee biroof gaalaafi loon tiksaa barachuufi kiiloomeera hedduu deemanii barachuu qofa hin turre rakkoon.

Weerarii konovayirsas barnoota addaan kute, ijjoolleen horsiisee bulaa kan duraanuu barnoota argachaan itti ulfaata manaatti deebise, hedduunsaanii horii faan godaanani.

Erga weerarri koronaavaayirasii qaqqabeetii barattoonni Keeniyaa manumatti karaa toora interneetii akka baratan yommuu taaifamu, kun ijoollee horsiise-bulaaf hedduu rakkisaadha. Sababiin isaas, inteneetii argachuun rakkisaa waan ta'eef.

Akkas ta'ee garuu qabxii Daawud fi barattoonni mana barumsichaa cufti galmeessan maatiifi barsiisonni BBCn dubbise akka isaan ajaa'ibee dubbatu.

Yeroo gabaabduu manneen barnoota banameetti fayyadamuun baratoonni hedduun milka'usaaniitti maatiifi barsisoonni gamachuu qabanillee ibsaa jiru.

Akkamitti akka qabxii isaa dhaga'e yeroo dubbatu Daawuud Alinuur, "waa'ee qabxiisaa neetwakiin rakkisaa waan tureef osoo gala tiksaa jiruun tureeen dhaga'e," jedha.

Baratoonni magaalaa guyyaa qabxiin beeksifamuutti raadiyoofi televisheenii keessaan hordofan kan jedhan Ittaanaan Hoogganaa mana barumsichaa barsiisaa Shaamaa Diidaa, baratoonni baadiyaa garuu horii tiksuuf bosona keessa waan jiraniif dafanii dhagahuu hin danda'an jechuun yaada barataa Daawud dhugoomsu.

Akka barsiisaa Shaamaan jedhuutti, baratoonni tun guyyaatti kilomiteera saddeet miilaan deemanii baratu. Kana malees, nyaata argachuun rakkisa ta'uu hima.

Tanaan alatti barsiisonilleen faggoorraa dhufuu, bakkisaa baadiyaa waan ta'eef manneen kiraa hin qabu. Kanaafuu, kutaa mana barnootaa keessa bulu jedha Ittaanaan hooganaa mana barumsichaa kun.

"Bakka keessa jiraannu hin qabnu, kutaadhumma ijjoolleen keessatti barattu tokko keessa rafna. Yeroo garii osoo rafnuu baratoonni nutti dhufti. Kun waan seera keessa hin jirre."

"Dhukkubi kun [Koronaavaayiras] ijjoollee manaatti deebisee akkamiin qormaata kana dabarti jechuun sodaachaa ture," jedhan Abbaa Alii Guyyoo, kan intallisaa barattoota qabxii olaana argatte keessa jirtu.

Barsiisaa Shaamaaa gammachuu itti dhagamte ibsuun, milka'inni barattoota mana barumsichaa hoogganaa qajjeelaa qabaachuufi hariiroo gaarii barsiistonni maatiii barattootaa waliin qaban jedha.

"Akka waan qormaata kana ofii kenyaan fudhanneetti gammanne. Halkan kalee gamachuu qabnuuf rafuu dadhabne. Namni duraan maqaa mana barumsa Dhaddacha Lakkoolee hin dhaga'in amma baratee gammachuu nu waliin qoodachaa jirra.

Gumaachi maatii barattootaa milkaa'ina barattoota kanaaf olaanaa ta'uu kan himu barsiisaa kun, yeroo rakkoon uumamu dafanii furaa bakka hir'inni barsiisaa mudatuttillee nama barate kan isaan gargaaruu bakka buusu jedha.

"Barnoota ijjoolleesaanii hordofanii hojii barsiistotaa gargaaruu," jechuun maatii ijoollee kanneen galateeffata.

Obboleessi Daawuud Yunivarsitii Keeniyaataatti gosa barnootaa Elektirooniikaal Injiinariingii barachaa jiru Abdi Alinuur, haala mijataa hin taane kana keessatti qabxii obboleessi isaa fide kana jajateera.

"Jaarolleen guddoo gammade imimmaan buufte. Nalleen qabxii gaarii fideen ture duraan garuu hanga kan Daawud kana hin geettu malee. Inni qaroodha, ammallee osoo magaalaa keessatti baratee, Keeniyaa keessatti tokkoffa ta'uu danda'a ture," jechuun cimina obboleessa isaa hime.

Barattoota dubraa Daawuditti aananii qabxii gaarii kan fidan keessaa abbaan barattuu Hawoo Alii, Abba Alii Guyyoo intalti isaa milkaa'uuf hedduu gammadeera jedhan. Sababa ji'oota hedduu barnoota malee manatti hafaniif, hagan darbuu jennee eegaa hin turre jedhan.

"Yaadi kiyya guddaan akka isheen bakka gaarii qaqqabdun fedha. Namni keenya dubartoota guddoo tufata. Ani akka dubartiin cufti kabaja argattee gargaaramtee,intalli tiyyalleen akka ijjoollee biyyaattii bakka geettuun fedha. Garuu dandeetti Waaqayyootu qaba," jechuun miira gammachuu isaanii kan himan.

Abba Aliin horsiisee bulaan ijjoollee dhiiraa barsiifatee, tan durbaa eerumsiisu jedhu. Garuu ''Wanti isaan beekuu qaban namni fulduraalleen maatii ofii gargaaruu dubartoota,'' jedhan.

"Ijjoollee cufa wal-qixxeessuu malan, tokko ol fuudhanii taan gadi qabanii ilaaluun waan fudhatama hin qamne," jedhan.

Barattuu Haawwoo Alii ammoo ifa dhabuun barnota isaanii duuba deebisuu dubbatti. Gara fuula duraatti doktarii ta'uun fedha kan jettuu Haawwoon, erga of dendeetteen booda qe'eesheetti deebitee neetwarkii ijjoollee horsiise-bulaatiif dhaabuuf karoora qabdi.

Baratoonni mana barumsaa Dhaddachaa Lokkoolee qabxii bareedaan darban kunneen, barnoota sadarkaa lammaffaaf manneen barumsaa biyyoolessaa bebeekammotti akka baratan abdii guddaan eegachaa jiru.