Waraana Sudaan: 'Reenfa namootaa akka balfaatti boollatti gatamun arge'

Kanneen ijaan argan akka jedhanitti RSF reenfi namootaa akka bakkeetti gatamu ajajeera

Maalim waan bulchiinsa lixa Sudaan Daarfuur keessatti argeen guddoo shororkaawe.

''Suuraa fi viidiyoo kana waraabee mul'isuu koo namoonni waliin hojjedhu osoo beekanii silaa yoona du'eera,'' jedha namni kun bilbila isaa irraa suuraa reenfa namootaa hedduu qabu agarsiisaa. Nageenyasaaf jecha maqaasaa jijjiirreerra.

Bakki isaa daangaa Chaad magaalaa El Geneina jedhamtu keessatti.

Biyyaa ba'uusaa dura garee namoota reenfa karaarraa guuranii awwaalanii ture.

Sudaan erga Ebla darbeetii waraana humna addaa (RSF) fi humna waraanaa biyyattii gidduutti gaggeeffamuun raafamaa jirti.

Lolli hamaan bakka RSF keessaa madde, Daarfuur keessatti gaggeeffamaa jira.

Of eeggannoo: Gabaasi kun qabiyyee fi suuraa miira namaa jeequ qaba

Reenfi namootaa hedduun, gariin bullukkoo fi huccuudhaan maramanii mul'atu. Kaan lafeetti ba'ee kaan ammoo tortoree jira.

Maalim suuraa reenfaa qofa miti kan BBCtti agarsiise, mooraa dhaabbilee gargaarsa saamamee fi barbadaa'es mul'iseera.

''Baayyeen rifadhe. Miira sodaa fi shororkaa'uu keessa osoo jiranii ajjeefaman. Reenfi nama hedduu torban tokkoo oliif daandiirra tureera,'' jedha.

Viidiyoon inni bosona keessa dhokatee waraabe baayyee miira namaa miidha. Reenfi namaa konkolaataarraa gara iddoo awwaalcha jumlaatti wayita garagalfamu agarsiise.

''Reenfa kunneen awwaaluuf wayita itti deemnu RSF ni dide. Ajaja RSFn konkolaachisaan reenfa namootaa kana akka balfaatti boolla guddaa tokkotti darbee deeme,'' jedhe Maalim.

Isa booda namuu bakka sanaa akka dhabamu ajajan jedhe.

Kanneen kumaatamaan lakkaa'aman waraana dheessanii daangaa qaxxaamuruun Chaaditti baqatan

Madda suuraa, Reuters

Reenfi kan eenyuu akka ta'ee fi akkamiin akka ajjeefaman namni beeku hin jiru.

Namoonni Chaaditti baqatanii jiran garuu RSF Lixa Daarfuur keessatti dhiirota adamsee ajjeesaa akka jiru himan.

Maatiin namni isaanii ajjeefamuu himatan, RSF hawaasa Araba hin taanerratti qiyyaafatee haleellaa gaggeessaa jira jedhan.

Iddoo sakatta'iinsaatti nama dhaabanii gosa kam akka ta'an gaafatu jedhan.

Nu ajjeesu jedhanii waan sodaataniif kanneen gosa Masalit ta'an hin himatan.

RSF dhimma kanarratti BBC'f deebii kennuurraa of qusateera.

Jalqaba ji'a kanaarratti garuu hawaasa Masalit addatti qoodee haleeleera himannaa jedhu waakkatee ture.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Gabaasi UN Kamisa (Adoolessa 13, 2023) baase reenfi namoota gosa Maslit ta'anii 87 boolla tokkotti awwaalamee argamuu mul'ise.

Namoonni kunneen Lixa Daarfuur keessatti garee RSFn ajjeefamuutu himama.

Suuraa fi viidiyoon akkasumas yaadi Maalim kennu gabaasa UN waliin walsima.

Akkuma gabaasi UN mul'isetti, Maalimis reenfi namoota hedduu boolla tokkotti wayita kuufamu arguu suuraan deeggaree ibse.

Bakki reenfi itti gatamu Lixa magaalaa El Geneina ollaa buufata poolisii bakka al-Turab al- Ahmar jedhamutti ta'uu ibse.

Reenfi namootaa fi kan rukutamanii lubbuun keessa jirtus walmakeera jedha Maalim. Reenfi guyyoota saddeetiif bakkee bule, kaan madaadhaan guyyaa hanga kana turanii lubbuun keessaa baate.

Maalim waan magaalaasaa keessatti raawwataa jiru kana waraabee olkaa'uu fedha, garuu haala kanaan bakka sana turuu hin dandeenye.

''Baayyeen sodaadhe. Wayita reenfi namootaa akka lafarraa kaafamu ajajaa turan nama mobaayila harkaa qabu adamsaa turan,'' jedhe.

Reenfi gariin lafatti tortore
Ibsa waa'ee suuraa, Lammileen kuma kurnatti lakkaa'aman lola dheetanii biyya ollaa Chaad galaniiru

Daarfuur keessa kan jiraatan gosonni Arabaa fi hawaasi Gurraacha Afrikaa erga waggaa kurna lama duraatii wal-lolaa jiru.

Kanneen Araba hin taane mootummaan nu qoollifatee warra Arabaaf looga jechuun haleellaa eegallaan gidduusaaniitti diinummaan hammaate.

RSF hidhattoota warra Arabaa yakka hamaa raawwataa turan irraa hundaa'e.

Gareen hidhattoota warra Arabaa mormitoota humnaan cabsaa ture, lammiilee kuma dhibbaan lakkaa'aman ajjeese.

Gareen kun hookkara biyya raase uumuu fi gosaan qoodee saba ajjeesuu isaan, jaarraa 21ffaa keessa yakka duguuggaa sanyii isa jalqabaati jedhameen himatameera.

Waraanni RSF fi humna waraanaa Sudaan gidduutti Ebla darbe eegale ammoo walitti bu'iinsa Daarfuur kana akka haaraatti hammeesse.

Ji'a darbe keessa bulchaan Daarfuur Lixaa gareen RSF hawaasa Masalit irratti yakka duguuggaa sanyii raawwataa jira jechuun erga himatee booda ajjeefame.

Yakka Daarfuur keessatti raawwate bara 2005 irraa eegalee qorataa kan jiru Manni Murtii Yakkaa Idil-addunyaa (ICC), Sudaan keessatti yakki waraanaa raawwatamaa jira dhimma jedhuuf qorannoo jalqabaa eegaluu ibseera.

Abbaa Alangaa Olaanaa jaarmiyaa kanaa kan ta'an Kariim Kaan, ''Seenaan Daarfuur, kan lammiilee hedduu du'aa fi gadadoof saaxile irra deebi'a sodaa jedhu qabna,'' jechuun Mana Maree Nageenyaa UN'tti himan.

Akkuma lammiilee Sudaan kumaatamaa kaan Daarfur keessaa buqqa'anii, Maalimis qe'ee itti deebi'u hinqabu.

Manni isa abiddaan barbadaa'eera, qabeenyi maatiisaa cufti saamameera. Kan hunda caalaa dhukkubsu garuu, maatiifi hiriyootasaa hedduu achitti hin argatu.

bakka itti argama El Geneina agarsiisu