Itoophiyaan jeequmsi Sudaan Kaartuumin alatti gara daangaasheetti bal'achuusaan yaaddahuu ibsite

Ambaasaadda Meles Aleem

Madda suuraa, The Ministry of Foreign Affairs of Ethiopia

Mootummaan Itoophiyaa waraana Sudaan magalaa guddoo Kaartumiifi naannoolee ijoo kaanitti gaggeefamaa jiru gara daangaa fi naannoo kaanittis babal'achaa jiraachuu isaan yaadahuu ibse.

Dubbii himaa Ministeera Haajaa Alaa Itoophiyaa kan ta'an Ambaasaaddar Meles Aleem ibsa miidiyaaleef kennaniin waraanni Sudaan hammaatee sadarkaa ''yaachisaarra'' gaheera jedhan.

Akka qondaali kun jedhanitti waraanni humna dafee qaqqabaa (RSF) fi raayyaa ittisaa biyyattii gidduutti ji'oota dura eegale amma finciltoota bulchiinsa Kibba Kordofaanis hirmaachisaa jira.

Dhabbanni Biyyoota Gamtoomanii gabaasa dhiyeenya baaseen waraana Sudan Ebla darbe egale dheessuun lammiileen Sudaan 50,000 ta'an daangaa qaxxaamuriin gara Itoophiyaa seenaniiru jedha.

Raayyaan ittisa biyyaa Sudaan torbee darbe keessa Sosochiin Walabummaa Uummata Sudaan kan gama Kaabaa (SPLM-North) haleellaa narratti banee jechuun himatee ture.

Gareen kun Sudaan Kibbaa waliinis hidhata kan qabu yeroo ta'u hidhattoonni isaa bulchiinsa Kibba Kordofaan to'atanii argamu.

Amma teessoo bulchiinsa Kibba Kordofaan kan taate magaalaa Kaduglii keessatti sodaan waan hammaateef uummati gadhiisee baqachaa jira.

Gama kaaniin bulchiinsa Sudaan Itoophiyaa waliin wal-daangessu bulchiinsa Biluu Naayil keessattis jeequmsi dhalateera.

Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii bulchiinsa Biluu Naayil naannoo Kumruuk keessatti rakkoo dhalateen akkaan yaaddahuu ibseera.

Walitti bu'iinsi Lixa Daarfuur keessatti dhalates akkuma walitti bu'iinsa isa barkurnee lama duraa san sabummaarratti xiyyeefatee Arabaa fi warra Afrikaa gidduutti hammaachaa jiraa jedhaniiru Ambaasaaddar Meles Alem.