Rakkoo Sudaan: Abiy hanga Al Sisii dureewwan Sudaanitti nagaa deebiisuuf carraa jiru

Madda suuraa, Getty Images
Biyyoonni Sudaan marsanii jiran waraanni biyyattii keessatti gaggeeffamaa jiru yaaddoo guddaa ta'uu waan hubataniif nagaa buusuurratti waan cichan fakkaatu.
Biyyoonni Baha Afrikaa afur Keeniyaan durfaman, lammiilee waraana gidduutti ugguraman baraaruufi dhiheessii deeggarsa namoomaaf haala mijeessuuf jecha humna nageenyaa ramaduuf sochii eegalaniiru.
Garuu humnoonni wal waraanaa jiran tole jedhanii marii nagaaf akka taa'an gochuun qormaata ta'eera.
Erga Ebla darbe waraanni eegalee as ni fakkeessu malee dhugaatti rakkoo jiru karaa nagaan furuuf fedhii agarsiisanii hin beekan.
Humni waraanaa Sudaan, Jenaraal Abdel Fattaa al-Burhaaniin durfamu, bahaa fi giddugaleessa biyyattii gara caalu to'ateera. Bu'uurri isaa cimaan magaalaa guddoo biyyattii Kaartuum keessaa akka hin sochoonu hadheeffatee qabsaa'a.
Morkataan isaa RSF kan Jenaraal Mohamad Hamdan Dagooloo (Hemeetii)n durfamu ammoo gara Kaartuum fuula qajeelfatee haleellaatti jira.
Gareen kun Daarfuur gara lixaafi magaalaa kaaba Kordofan, El-Obeid of harka galfatanii achirraa haleellaatti jiru.
Gareen lameenuu erga walwaraanuu eegalanii, rakkoosaanii nagaan akka furataniif dhiibbaan dippiloomaasii adda citee hin beeku.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Garuu eenyu marii nagaa gidduusaaniitti taasifamu akka dursu irrattis walii hin galamin tureera.
Waraanni eegalee torbee lammaffaarratti Sa'uudii Arabiyaa fi US akkaataa nageenya buusuun danda'amurratti magaalaa Jiddaatti walga'anii turan.
Garuu gareen walwaraanan dhukaasa dhaabu jedhamee kan abdatamaa ture qabatamaan hojiitti hiikamuun abdii qofa ta'eetu hafe.
Ameerikaa fi Sa'uudii Arabiyaan dhimma nageenya buusuu kanarratti wiixinee haaraa qopheessaa jiraachuu himan.
Mariisaanii keessatti Yunaayitid Arab Imireetis (UAE) hirmaachisuu barbaadu, sababiin isaa biyyattiin garee RSF tumsuun jalqabarra jirti.
Hinumaa garee RSF hidhachiisuu itti fufteetti jedhu gabaasaaleen, UAEn garuu dhimma kanarratti homaa hin jenne.
Ji'a tokko dura ammoo dureewwan biyyoota Baha Afrikaa jaarmiyaa jalatti walga'an- Igad jalatti sagantaa marii nageenyaa qindeessuu eegalanii turan.
Haala kanaan Keeniyaa, Itoophiyaa, Sudaan Kibbaa fi Jibuutiin mfilataman.
Biyyoonni kunneen gareen Sudaan keessatti walwaraanan akka dhukaasa dhaaban, deeggarsi namoomaa akka uummata rakkatee jiruuf seenu fi marii siyaasaa qindeessu.
Gareen araaraa kana kan dursan Pireezidantiin Keeniyaa Wiiliyaam Ruutoo waldhibdee humnoota waraanaa Sudaan kanaan ''waraana hiika hin qabne'' ittiin jedhan.
Gareen kun Wiixata darbe (Adoolessa 10, 2023) magaalaa Finfinneetti wayita mari'ate, humni nageenyaa naannawa kanaa gidduu seenuun hookkara Sudaan tasgabeessuu qaba jechuun tarkaanfii fudhachuuf deeman ibsaniiru.
Tarkaanfiin itti aanu Ameerikaa fi Sa'uudii Arabiyaa waliin ta'uun, hooggantoota garee walwaraanaa jiran lameenii- Jenaraal Burhaan fi Jenaraal Hemeetii, fuulaa fi fuulatti walitti fiduun dubbisuudha jedha gareen kun.
Itti aansuun ammoo ''marii siyaasaa hunda hirmaachise'' Hagayya dhufu keessa gaggeessu.
Kun bakka buutota siiviliis hirmaachisuun deeggarsa siyaasaa ga'aa kennuufiin akka marii keessatti ga'ee olaanaa gumaachan taasisuu gaafata.
Haala kanaan Sudaan daandii dimokirasiitti deebi'uushee mirkaneessanii ergamasaanii xumuruu fedhu.
Garuu jenaraal Burhaan Pireezidantiin Keeniyaa Wiiliyaam Ruutoon garee RSF'f looga jechuun waamicha kana didaniiru.
Jalqaba tole jedhanii turan, boodarra garuu jilli bakka buutota RSF marii Wiixata darbee irratti yoo hirmaatan isan irraa hafan.
Ameerikaan gara jalqabaa karoora Wiiliyaam Ruutoo qabatanii ka'an kana deeggaruu irraa of qusattee turte. AU waliin karoora qabattee turte irratti cichite.
Aab Ruutoon dhuma torbee darbee irratti gara Chaad imaluun Pireezidanti Mahamat Deby waliin walarganii turan.
Rakkoon Daarfuur keessatti mudate biyyasaaniif yaaddoo ta'uu kan kaasan Pireezidant Mahamat Deby, akkaataa rakkoo kana qolachuun danda'amurratti hooggantoota Daarfuur waliin dubbachuu ibsan.

Madda suuraa, Getty Images
Erga waraanni eegalee namoonni 250,000 caalan Sudaan keessaa baqatanii Masrii galaniiru.
Hookkarri Sudaan keessaa lammiilee biyyattii galii giddugaleessaa qaban hunda baasuu danda'a yaaddoo jedhu qabu warri Masrii.
Pireezidantiin Masrii Abdul Fattaa al-Siisii dhimma hookkara Sudaan irratti Qataar waliin mari'achuuf karoorsuu himan.
Marii Qataar waliin taasisan dursuun koree isaanii waliin mari'achuus himan.
Pireezidantii al-Siisiin Jenaraal Burhaan akka michuusaanii cimatti ilaalu.
Hidhattoonni garee Islaamaa ofiin jedhan akka gara Sudaan deebi'an ni tumsu, al-Siisiin. Tarkii fi Qataaris yaada kana deeggaru.
Nageenya buusuuf hojii dippiloomaasii hojjetamaa jiru keessatti, sagantaan biyyoota Afrikaa fi biyyoota Arabaa walitti bu'a sodaan jedhu jira.
Ameerikaan ammoo moggaa qabatte. Bakka bu'aan US Sudaan jiru Volker Perthes, jaarsummaa taa'uurra dhaabbilee yeroo ce'umsa dimokiraasii miidhaman deebisuun ijaaruuf deeggarsa teeknikaa kennuurratti xiyyeeffatan.
Jenaraal Burhaan bakka bu'aa Ameerikaa kanarraa mirga eegumsa dippiloomaasii guutuu inni qabu irraa mulqaniiru.
Warri Sudaan hedduunsaanii UN rakkoo Sudaan keessaa furuu keessatti harkifateera jechuun komatu.
Kanaaf tarkaanfii dippiloomaasii kamuu keessatti UN akka hin hirmaanne barbaadu.
Lammiileen Sudaan gariin ammoo Gamtaan Awurooppaa RSF deeggaraa ture jechuun himatu, gamtichi kana ni waakkata.
Sudaan keessatti nageenya buusuuf qormaati mudatu hedduudha.
Haga ammaa tarkaanfiin hooggantoota Afrikaa kan abdiin irratti gatameedha, garuu ammallee gufuutu jira.
Gareen walwaraanan lameen furmaati waraanaa dhufu akka hin jirre amanuuf fedhii dhabuun ammoo hunda caalaa gufuudha.












