Barattoonni Itoophiyaa roobootii ibidda dhaamsu hojjetan Ameerikaatti badhaafaman

Madda suuraa, ABUGIDA ROBOTICS
Wiirtuu Roobootiksii fi Teeknolooji Abugidaa jedhamu jalatti barattoonni leenji'aa turan torbee muraasaan dura waldorgommii roobootiksii ''roboo-feest'' idil-addunyaa Ameerikaatti adeemsifameen damee sadiin injifataniiru.
Kan jalqabaan barattoota waggaa 10 gadi dorgommii Rooboo Paared jedhamuun kana mo'ataniiru.
Inni lammataa barattoota sadarkaa gidduugaleess kutaa 7-8 keessa jirantu irratti hirmaate. Inni sadaffaa ammoo barattoota kutaa 9-10 jirutu hirmaate.
Damee kanaan barattoonni jaakkeetti hojjetan. Jaakkeettiin isaan hojjetan kuni qaama namaarraa tempireechara fudhachuun hamma ho'aa nama sanaaf barbaachisutti kan sirreessu dha.
Dorgommii bulchiinsa Michigaan Yunivarsiitii Teeknolojii Laawuransitti adeemsifameen barattota Itoophiya bakka bu'an 23tu hirmaate.
Jaakkeettii qorra to'atuufi roobootii ibidda dhaamsu
Barattonni kunneen deeggarsa mana kitaabaa Abrihootiifi Bulchiinsa Maagaalaa Finfinneen ji'oota saddeetii hanga waggaa sadii leenji'aa turanii wiirtuu robootiksii Abugiidaa kanaan dorgommiif dhiyaatan.
Barattoonni kutaa 7-8 jiran jaakkeettii ho'a qaama namaa to'atu hojjetan jetti hundeessituufi hoggantuu mummee Wiirtuu Robootiksii fi Teeknoloojii Abugidaa akkasumas Yunivarsiitii Finfnneetti barsiistuu mekaanikaal injiinariingii kan taate Mihireet Waalgaa.
''Jaakkeettiin kuni kara sadiin tempireechara qaama nama uffatuu fudhachuun hamma ho'aa ykn qorraa gahaa tahe atoomaatikiidhaan gadhiisa,'' jette.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Akka Mihireet jettutti barattoonni kunneen hojii herreegaafi fiiziksii baayyeen booda moodeela erga hojjetaniiti kan isaan jaakkeettii kana tolchan.
''Jaakkeettiin kuni dachaa sadii kan qabu yoo tahu meeshaaleen elektirikiin itti suuqamanii jiranis akka salphaatti bahuufi galu danda'u,'' jetti.
Namoonni dhukkubsatanii hospitaala ciisanii jiran jaakkeettii kana fayyadamuu danda'u jechuunis ibsti Mihiiret.
''Dhukkubsattoonni sireerra jiran yeroo dheeraa achitti waan dabarsaniifi waan hin gaggaragalleef dugdi isaanii fa'a ni madaa'a, yeroo kana jaakkeettiin kuni ho'a akka qaamasaaniitti tolutti mijeessaafi,'' jetti.
Kana malees namoonni naannoo haalli qilleensaa hamaa tahe keessatti hojjetan jaakkeettii kana fayyadamuu danda'u,
''Fakkeenyaaf hojjettoonni daandii qilleensaa biyya garagaraa waan deemaniif takkaa qorra, takaa ammoo ho'a cimaa keessa waan dabarsaniif jaakkeettii kana fayyadamuu ni danda'u,''
Jaakkeettii kana yeroo tolchinus miyoota adda tahan fayyadamneerra jette.
Barattoonni kutaa 10-12 jiran ammoo siniiyar egzibishiinii damee jedhamurratti dha kan isaan hirmaatanii jetti Mihireet.
Damee kanaan barattoonni sirna roobootii ibidda sadarkaa indaastiriitti mudatu to'achuu danda'u hojjetan.
''Roobootiin kuni ibiddi reef qabachuuf gaafa jedhu adda baaseetu dhaamsuu danda'a.''
Indaastiriiwwan keessa gaasiin bahu jira inni ibidda qabatee yoo gubachuun mudate naannoonis hin faalama waan taheef roobootiin kuni gama kanaanis faayidaa qaba.
Sirni roobotii kuni akkatti hojjetu gaafa ibsitus, ''indaastirii keessatti xiyyoo tokko tokkorra meeshaaleen aarri gaafa jiraatu adda baasan akka kaa'aman taha,'' jetti.
Kutaawwan jiran keessattis roobootiin ni taa'a, meeshaaleen aara adda baasan ammoo roobootichaaf rakkoon yeroo mudate sagaleen ergaa itti dabarsu.
Sararrri sirna kanaaf jedhamee kutaa keessa diriiru waan jiruuf isa hordofuun roobotichi iddoo rakkoon jira jedhame deema.
''Roobootiin kuni iddoo rakkoon jiru dhaqee ibidda arginaan itti biifuun hamma dhaamuutti hojjeta,'' jetti.
Meeshaaleen ibiddi jiraachuu ergaa dabarsaa turan suni ibiddi dhaamuu yeroo mirkaneessan sagalee dhageessisuu ni dhaabu.
Gama faalama qilleensa naannoo hir'isuutiin immoo piroojektiima kana jalatti sirni kuni waan dalaguu danda'u damee sadiin hojjetaniiru.
Indaastirii kana keessaa gaasii hangamiitu bahaa jira kan jedhu xiinxala, sirni roobootii kuni. Achiin sagantaa kompiitaraa hojjetameefiin hamma gaasii bahaa jiru agarsiisa.
Gama biraan sirna roobootii kanaaf meembireenii waan itti tolchaniif gaasii garagaraa hamma moolakiwulii irratti hundaa'uun qulqulleessee dabarsa jechuun ibsiti.
Gaasiin kanarra darbuun bahu yoo jiraate waan elektiroodii jedhamu fayyadamuun gaasii faalama fiduu danda'an kan ofiraa chaarjii negetiivii fi poozatiivii qaban irratti elektiroodii kanarratti maxxananii akka hafan taasisu jechuun ibisti.
Kanarras darbee gaasiiwwan naannoo faalan kan akka kaarboonmoonoksayidiif ammoo qajeelfama ''corona discharge'' jedhamu fayyadamuun elektiriikii guddaa gadhiisun moolakiwulii gaasii kunneen akka walgadhiisan gochuun callabbeessanii elektirodii irratti maxxananii akka hafan gochuun faalama hambisuu irratti yaada isaan dhiyeessantu akka mo'atan isaan taasise jechuun ibsiti.
Badhaasaa fi haala dorgommii
Dorgomtoota biyyoota 33 irraa deeman waan turaniif ''ni mo'anna'' waan jedhu hin yaadne ture jetti.
Kanneen biyyoota garaagaraa irraa dorgommif deeman teeknolojii fayyadamanii waan hojjetaniif caalu danda'u, ''nuti waanuma qabnu fayyadamneetu piroojektii keenya dhiyeessine,'' jechuun ibsiti.
Tuutni barattootaa mo'ate kuni medaaliyaa, waancaafi carraa barnootaa yunivarsiitii dorgommii kana adeemsise keessatti argataniiru.
Damee dorgommii ture 15 keessaa Itophiyaan tuuta shan bakka buusuun ergitee isaan keessaa sadiidhaan mo'achuu himti.
Dorgommii kana mo'achun garee isheen hoggantee kanaaf gammachuu fi milkaa'ina guddaa akka tahe himuun kana caala akka hojjetaniif akka isaan jabeessu himte.
Barattoonni piroojektii rakkoo garagaraaf yaada furmaata fiduu danda'u akkatti burqisiisanis himteetti.
''Osoo gara hojii teeknoloojii hin seeniin dura waa kalaquratti barattoonni wiirtuu keenyaan leenjiin kennamaafi kanaanis dhuma leenjii irratti yaada ittiin hojjetan fiduun xumuranii hojiitti seenu,'' jette.

Madda suuraa, ABUGIDA ROBOTICS
Abjuu ganamaa...

Madda suuraa, ABUGIDA ROBOTICS
Hundeessituun wiirtuu roobootiksiifi teeknoloojii kanaa Mihiireet Waalgaan yeroo piroojektii hojjetteen waraqaa ragaa abbumaaf kan eeyyama argatte kutaa sagal yeroo barattu akka tahe himti.
Ijoollummaasheerraa qabee kaampaanii ofii dhaabuu akka barabaaddu himuun haalli mijachuufi didee waan dhabde amma dhalooti haaraa akka argatan akka feetu himti.
Abjuu isaanii ganama ijoollumaadhuma isaaniitti akka dhugoomsan gochuu Wiirtuu Teeknolojiifi Roobootiksii kana hundeessuu dubbatti.
''Yeroo ammaa haali jiru teeknolojiin guddachaa akkaataan jireenyaa jijjiiramaa waan jiruuf barattota Itoophiyaa gara hojiitti yeroo bahan gahumsaafi dorgomtota tahuu danda'an horachuun kaayyoo keenya dha'' jetti.
Ergama kanas ''Leaving Africa on safe hands'' Afrikaa harka gaariif dabarsuu jedhu qabachuun hojjechaa akka jiran himti.
Dhaabbatni kuni iyyata barattootaa sadarkaa kamirrayyuu jiran akka fudhatu himti.
''Ijoolleen ganna barumsaaf galan jalqabarra maal irratti hojjechuu akka barbaadan waan hin beekneef leenjii ji'a jalqabaaf hundumaa fudhannee waan isaan irratti hojjechuu barbaadan adda baasuun gara fedhii isaaniitti ramadna,'' jetti.
Barattonni barumsa kana fudhachuu barbaadaniifi tolaan barachuu barbaadan lakkoofsi isaanii baayyee dabalaa dhufuu himuun humna qabanirratti hundaa'uun iyyatasaanii akka fudhatan himte. Warra dorgommi kana mo'atan keessaas barattoonni saddeet tolaan baratan jette.
Qaamoleen dhaaba isaanii deeggaruu fedhanis akka hirmaataniifi akka isaan jajjabeessan waamicha dhiyeessiteetti.












